HAR’A MAALTU TAANAAN OPDON AFAAN BIRAA DUBBACHUU JALQABDEE?

Muddee 27, 2017 | Garee Mo'u | Kutaa 1ffaa

Jaarmiyaan OPDO umamuma irraa, uummata Oromoo sobuudhaan akeeka ABO gufachiisuuf kufaatii mootummaa Dargii jala Bitootessa 1990tti kan TPLFn tolfamte tahuun ifaa dha. Jaarmiyaan tokko kan siyaasaas tahe kan biroon akeekuma ittiin tolfame san hojjata malee saniin alatti waan biraa irraa eeguun hin dandayamu.  

Akkuma Kanaan OPDOn uummata Oromoo sobdee Wayyaaneef akka bitaman gochuu yaalaa har’a geesse. Uummatni Oromoo garuu humna waraanaan itti duulamuyyu akeeka/galii goototi Oromoo hedduun lubbuu isaanii qaqqaalii itti wareegan, akeeka mataa isaatii kan tahe, “Hiree ofii ofiin murteeffachuu” isa jedhu bakkaan gahachuuf qabsoo isaa itti fufee, wayyaanee fi ergamtoota ishii OPDO waliin kokkee wal qabuun wareegama guddaa kafalaa qabsoo isaa finiinsee, har’a gahee jira. Qabsoon wargeegama guddaan as gahee kunis haga bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti itti fufa.

Yeroo ammaa kanatti haalli Oromiyaa fi mootummaa TPLF/EPRDF maal fakkaataa? Jijjiiramni OPDOn ittiin sammuu namaa hatuu barbaaddataa jiran kun isa kamii? Jijjiirraa taayitaa ykn aangoo obbo Hassan Ali irraa jalqabee haga obbo Lammaa Magarsaatti dhufe kanaa? Jijjiirama yeroo jedhamu Oromoon kan barbaadu jijjiirraa sirnaati malee jijjiirraa namootaa miti. OPDO keessatti kan tahe garuu jijjiirraa namaati malee jijjiirraan sirnaa tokkollee hin mul’atne; mulachuufis hin taa’u. Sirni biyyattiin ittiin bulaa jirtu sirnuma abbaan hirree diriirfatee ammallee ittiin ummata gidirsaa jiruu dha. Jijjiirama ilaalchisee mataan waajjira OPDO Dr. Abiy Ahmed, Konfaransii jaarmiyaa OPDO 7ffaa Onkoloolessa 29-Sadaasa 2, 2017tti magaalaa Adaamaatti gaggeeffatan irratti akka dubbatetti; 

Eenyutu makkalaakayaan ni diigama isniin jedhee? Eenyutu sirni mootummaa Federaalaa ni diigama isiniin jedhee? Dhaabni keenya kana hin janne. Sirni mootummaa ammaa kun yoo diigame hundumaa irra kan midhamu uummata Oromooti. Sirna mootummaa kana, heera mootummaa kana kan tolche nu waan taaneef waan jijjiiramu hin jiru. Yoo tahe kan tahuu dandayu jijjiirraa kabeebsa ykn suphuu dha. Jijjiirraa kabeebsaa kanas kan goonu haaromsa gadifageenyaatti (xilq Tahaaddisoo) dhimmi bahuudhaan tahjedhe.

Egaa hoogganni guddichi OPDO Dr. Abiy Ahmed kan harka mirgaa obbo Lammaa Magarsaa tahe waan jijjiirraa sirna mootummaa wayyaanee ilaalchisee addeessee himee jira.

Dhugaan jiru qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo keessumaayyuu waggaa sadeen dabran kana gaggeessaa jiru irraa kan ka’e mootummaan wayyaanee farra-dimokraasii tahuu isaa addunyaatti saaxilmee, mootummaa dhabamuuf qarqara irra gahee kana lubbuu itti horuu fi qabsoo uummata Oromoo gufachiisuu fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo dadhabsiisuuf “Foollee” waan jedhamu irratti ijaaraa jiru. Foolleen kunis gita Qeerroo Bilisummaa Oromoo fakkeessuun uummata Oromoo burjaajessuuf waan karorfatan malee Foollee mirga uummatichaa mirkaneessuuf kan qabsa’ani miti. Qabsoo uummati Oromoo godhe kana irraa kan ka’e mootummaan wayyaanee biyyicha akka duraaniitti bulchuu waan dadhabeef, bara 2015tti koreen hojii raawwachiiftuu EPRDF wal gahuudhaan haaromsa gadifageenya/“Xilq- Tahaaddisoo’’/ Dr Abiy jedhu kana labsan. Egaa OPDOn ergaa mootummaa wayyaanee kana hojii irra oolchaa, karaa biraa ammoo obbo Lammaa Magarsaa afaan mi’eeffatee afaan qabsaawotaa dubbachaa, “tokkummaan Oromoo bu’ura keenya tahuu qaba”, “ilaalcha siyaasaan adda adda taanus Oromummaan tokko nu godha”, “dhimma Oromoo irratti waliin dhaabbachuu qabna” jedhee ummata Oromoo sobuu yaala. Uummatni Oromoo mirga abbaa biyyuummaa isaaf falmuu irratti tokkummaa isaa daangaa irraa hanga daangaatti mirkaneessee jira. Oromoo ta’ee tokkummaa Oromoo keessaa kan hin qooddanne yoo jiraate OPDO, ishii Tigree waliin tokkummaa tolfatte, qofaa dha. Kanaafis kan ragaa ta’u uummatni Oromoo mootummaa abbaa hirree kana irratti waggaa 26 guutuuf qabsoo wal irraa hincitne yeroo gaggeessaa turetti, OPDOn mootummaa Wayyaanee waliin dhaabbatee uummata Oromoo ajjeesaa, hidhaa, qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisaa har’a gahe, har’as ittuma jira. Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo mootummaa nama nyaataa kana mormaa jiranitti, OPDOn hiriirri kun sirrii miti, dinaan gaggeeffamaa jira jechuu irra dabranii humna waraanaa Federaalaa waamsisanii ajjeesisaa, hiisisaa, afaan damma dibatanii uummata sobuu barbaadu.

Haala akkasii Kana keessatti egaa Oromoo keessaa kan qubaan laakkahaman biyya keessaa, keessumaa ammo hagi hagoon tokko biyyoota alaatti, OPDOn jijjiiramee jira jechuun uummati Oromoo dagamee akka qabsoo isaa laaffisu, qabsoo jaarmiya ABOn gaggeeffamuu fi sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoon gaggeeffamaa jiru akka hin tumsineef afaanfaajjii uumuu kan yaalaa jiran.
Mootummaan Wayyaanee, humna ittisa biyyoolessaa, humna poolisa biyyoolessaa, humna tika biyyoolessaa, kaazinaa maallaqaa, fi madda galii biyyichaa akkuma turetti tohataa jira. Egaa kana jalatti jijjiirraa fiduuf tattaafatama yoo tahe, muuyxannoo dhuma 1970mootaatti tahe nu yaadachisa. Yeroo sanatti jaarmiyoolee siyaasaa turan keessaa jaarmiyoleen jajjaboon akka MESON fi EPRP kan turan yeroo tahu, MESON Dargii waliin hojjatanii jijjiirraa fiduun ni dandayama jedhee Dargii jabeesse, Dargiin isaanumattuu garagalee rukutee dhabamsiise. EPRPnis tooftaa qabsoo hin baafne filachuudhaan qabsoo dhoksaa magaala keessatti gaggeessee goolii umuudhaan namoota ajjeesuu jalqabee, namoota hedduu ficcisiisee ofiis dhabame.

Kanaafuu, hooggantootni OPDO yeroo ammaa kanatti sirna mootummaan Wayyaanee akka ofiif fedhetti ijaarratee tohataa jiru jala taa’anii ergaa Wayyaanee hojii irra oolchaa uummata oromoo sobuu yaaluun, qabsoo uummata Oromoo gufachiisuu fi ofumaan kufaatii siyaasaa (political suicide) ofitti murteessuu akka tahe beekkamuu qaba!

…..Itti fufa….

No comments:

Post a Comment