Qeerroon Hin Rakkate Malee Rakkoo Inni Fide Hin Beeknu Nuy: Angawaa Oromiyaa

Amajjii 12, 2018 | VOA Afaan Oromoo


Komiishinni polisii Federaalaa sochii garee dargaggoota Oromoo ittiin jedhe Qeerroo Harargee Bahaa irratti qorannaa gad fagoo jalqabuu isaa komiishinera waajjirichaa kan ga’an obbo Asaffaa Siyyuum dubachuu isaanii gaazexaan Riportar Amajjii 7 bara 2018 gabaasee jira.
Qorannaa jalqabamee jedhame kana bulchiinsii mootummaa Oromiyaas ta’e waajirri haqaa kan oromiyaa kan hin beekne ta’u sadarkaa hoogganaa itti aanaa biiroo haqaatti abbaa adeemsa dhimmoota komunikeeshinii ka ta’an obbo Taayyee danda’aa ibsanii jiru.
Qeerroo jechuun dargaggeessa gaa’iila hin dhaabiin qaama hawaasaa ta’u malee Qeerroo gareen gurmaa’ee badii gesisaa jiru hin beeknu jedhan.Qerroon godina Harargee Bahaa keessa qofa kan jiru otoo hin taane guutuummaa Oromiyaa keessa jiraachuu dubbatan.
Bulchiinsii mootummaa naannoo Oromiyaa ituu hin beekin akkasumas gargaarsaaf ol iyyannaa ituu hin dhiyeeffatin attamitti polisiin Federaalaa qorannaa kana akka gaggeessaa jiru hin beeknu. Mirga seeraa fi heeraan kenname cabsaa olaantummaa seeraa kabajsisuuf jecha carraaqna jechuun akka hin danda’amnees ibsanii jiru.
Kanneen nuti Qeerroo dha jedhanii ergama addaa qaban garu uummanni of eegganaan ilaaluu akka qabu hubachisanii jiru.

No comments:

Post a Comment