Uummata Oromoo Oromiyaa Keessaa Maraaf Waan Ammaaf Ammatti Gochuu Qabnuu fi Itti Fufnee Goonu!

Amajjii 11, 2017 | Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Biyya keenya keessatti nagaan baanee, nagana galuun erga hafee, mirgi lubbuun jiraachuu, qabeenyaa ofii tikfachuu mootummaa Wayyaaneen molqamee addatti dararaaf uummanni keenya Oromoon saaxilamuun isaa waggoota hedduu lakkofsiisee jira.

Qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo karaa nagaan taasisaa tureef jiruun, mootummaa ofiin bula Wayyaanee maqaa ummata Oromoo fi saboota Ethiopian daldalee wagga 26f gargaarsa karaa malee guuraa bahee fi meeshaa waraanaan ummata nagaatti dhaadatuun yeroo ammaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo afaaniitti muka kutee dubbachuu dadhabsiiseera.
Qaama kaleessa afaan isaan “dimokiraasii dhugaan hojjetaa jirra” jedhaniif Arrabni ittiin garboonfataa Wayyaanee dhaadessaa ture waan taajjabaa jiru fakkaata. Kanas ta’e sana nu Qeerroof uummata Oromoof amma qabsoo FXG gadfiniinsuun filannoo dursaati. Tajaajila interneetaa biyya keessaa kutuun Mootummaan Wayyaanee dhoksaatti uummata keenyaaf jaallan keenya akka baroota darbanii dhabama gochuuf waan hojjetaa jiruuf nutis FXG finiinsaa jirru itti jabeessuun furmaata keessa deebii hinqabne ta’uu Qeerroon dhaama.Kanarra dhaabbatee uummata Oromoo sadarkaa garaagaraaf hojii garaagaraarra bobbaatanii jirtaniif ibsa kanaa gadii kenneera.
Qote Bulaa Oromoof
Qabsoo uummata Oromoo baroota dheeraa duraa kaasee qaamni humna jabaa ta’ee sochoosaa ture Qote Bulaa Oromooti.Ammaa qote bulaan keenya baadiyyaa mara keessaa afuura takkaan akkanni falmii xumura gabrummaa gadjabeessu nii gaafanna. Falmii humna hidhate waliin godhu kan Qawween adeemu utuu hintaane humna haaraaf tooftaa si’ataan afaan qawwee Wayyaanee dachaasee muka Boqqoolloo taasisuu danda’u akka fayyadamuun dandaa’amu agarsiisuun amma.
Kanaaf 
  1. QoteeBulaan Oromoo kam oomisha isaa akkuma dura jechaa turre gabaatti akka hinbaafne kanarratti jabeessee akka hojjetu dhaamna. Tajaajila bittaaf gurgurtaa dhaabuu utuu hintaane, walii walii isaa qofarraan kan hafe qaama biraatti yookan qaama Mootummaa ofiin jedhu Wayyaaneef jaarmiiyaa isaatti akka waa hingurgurre abboota keenya nii gaafanna. Qote Bulaan Xaafii bitachuuf Buna gurguru, Qote Bulaan Xaafii qabaatee Buna dhabeef laatee sirna gabaa yeroof haaraa kan meeshaaf meeshaa qofaan walbituu danda’u akka abboota keenya duriif waliin isaan  ala qaama biraatti gurguruu akka dhaabu gadjabeessinee dhaamna.
  2. Yoo Loltooti Mootummaa saamicha eegalan meeshaa nageenya keessan ittiin eeggatan qopheeffachuun murteessaa ta’uu ammaan hubadha.
  3. Gibira hingabbarin! Qarata hinkutin! Qaama humnaan gibira gabbari jedhu addaan baafadhuu Qeerroof dabarsii kenni ykn laadhu, uummataaf eeri.
Waan Ta’uu Qabu:-
  1. Qote bulaan yaada kana fudhachuun barbaachisaadha. Gaafa waan qabdan hingurgurinaa Jennu bittaan Ashaboof kaawwanii isin rakkisuu mala.Kanaaf ammoo daldaltoonni magaala kamirraa hedduminaan Ashaboo bitanii akka Oromiyaa galchan gaafanna.Waan kanarra darbee qaama Wayyaanee gabbisuuf deemurratti tarkaanfiin kam yoo fudhatame wabii hinqabu.
  2. Qaamota Qote bulaan dirqamaan nutti gurguri jedhanii dirquun qabeenya qotee bulaa seeraan ala saamuu fi gurgursiisuu barbaadan irratti of irraa ittisaa fi gorsi sirreessaa ni kennamaaf.
  3. Qaamota Wayyaanee Qawwee keessan hiikkadhaa, harka qullaa adeemaa,dooluu ta’aa jedhuuf Oromoos ta’ee qaama diinaa Wayyaanee keessaa kan uummata keessa socho’u irratti sirreessi keessa deebii hin qabne ni kennama.
  4. Qaamota Gibira gabbaraa malee jedhanii Qote Bulaa keessa akka durii socho’an irratti qaamni addaan baafataa jiru nii jira. Qaamota Gibira, Qaraxa, Gatii Kottee, Gatii Teessuma, Mawaachoo gaafatan gochaa saamicha kana irraa akka dhaabbatan ammaan dursinee akeekna.
  5. Qote Bulaan mirgaa fi sabummaaf hin qabsoofne ykn qabsaawuuf qophii in taane irra deebiin akka qophaa’u nii himama. Olola diinaan sobamee qabsoo irraa duubatti yoo hafes ilmaansaa garbummaatti guddisaa jiruuf, lafaaf qabeenyasaa utuu arguu dhaga’uu utuu beekuu saamsisaa waan  jiruuf waan Qeerroon  dammaqiinsa siyaasaa ni kenna kana keessa didee yoo itti fufe gaafatama isaa ni fudhata.
Daldaltootaaf
  1. Daldaltoonni Qabsoo Oromoo keessatti tumsa karaa maallaqaaniis karaa kamiin illee gochaa turaniif jiraniin Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii galateeffata.Keessattuu daldaltoota Suuqii cufaa jedhamnaan cufan, qabsoo nu waliin irratti hirmaachuuf dantaa dhuunfaa isaanii lagatan galmeen Qeerroo galmeeffatee qaba.Galata addaaf egeree isaaniifis abdii guddaa isaanirraa qaba.Kanaaf ibsa gadii kana akka hojiirra olchaniif ammas kabajaaf jaalalaa Oromummaaf Adaraa Oromiyaa saamamaa jirtuun isinitti kennata.
  2. Daladala keessan itti fufaa hojjedhaa! Qaama uummataa ta’uu keessan beekaatii uummanni gaafa qabeenyaasaa Mootummaa lagu isinis Mootummaa lagaadhaa! Uummataan ala qaama halagaarraa bituuf gurguruu dhaabaa!
  3. Qabsoo keessatti qabsaa’onniif uummanni wal hin miidhu, uummatatti gurguraa qaamota Mootummaa kamitti hungurgurinaa! Irraa hinbitinaa.Uummanni nyaatee haa jiraatu, qaama waraana Wayyaanee akka hinsoorre. Hoteelonni kam Waraana wayyaaneef soorrata maallaqa arjoomuunis akka bira hin dhaabbanne.
  4. Gibira, Baatii, Gatii Kottee, Buusii Miseensummaa, Gosaa gosii karaa Wayyaaneef OPDO isinitti dhufu lagadhaa! Gibira hinkaffalinaa!
  5. Waraana Bilisummaa Oromoof Qeerroo Bilisummaa Oromoo cina dhaabbadhaa!
  6. Waraanni wayyaanee magaalattis ta’e bakka jirtanitti dhukaasa uummatatti yoo bante golgaa uummataa ta’a!
  7. Walga’ii karaa Mootummaa Wayyaanee jaarmiyaashee OPDO’n isinii labsamu kamuu lagadhaa!
  8. Qabeenyi keessan waraana saamtota Wayyaaneen akka hin saamamne ammaan of qopheessaa! uummataa keenyaaf akka wal bebektanitti walii himaa!
  9. Qaama Gibira kaffalaa jedhuuf dirqama Mootummaa Wayyaanee ba’adhaa isiniin jedhee isin gidirsu addaan baasaadhaa!
  10. Midhaan gatii guddaa bitaman kanneen akka Bunaa, Xaafii, Boqqolloo, Boobee, Saliixee, Goommada, Nuugii, fi kkf uummatarraa bittanii akka magaalaa gurguddaaf kanneen akka Finfinnee hingeessine.
Waan Ta’uu Qabu:-
  1. Daldalaan kan olii kana hinraawwanneef itti walii galuu dideef caasaan Qeerroo Bilisummaa eegumsa kamiin gochuufii hin dandayu saamicha loltooti Wayyaaneen irraa gahaniifs wabii hinqabu
  2. Daldalaan Oromoo tuffatee waan hinmalle dalaguuf gibira irraa qabee hanga waan Wayyaanee utubu dalagetti Innis  Wayyaaneetti lakkaa’amuusaa amanee fudhachuu qaba
  3. Addatti caasaa OPDO dirqmaan daldaltootaan kana raawwadhu jettanii gidirsitaniif qaama Oromoo taatanii basaasummaaf Wayyaanee gargaaraa jirtan uummataa ykn daldalaa kan rakkistan taanan Qeerroon sirreessa barbaachisu isinii kenna.
  4. Hoteelonni Waraana Wayyaanee soortan kamillee gochaa keessan irraan ammaan akka dhaabbattan gadi fageessinee isinii dhaamna.
Hojjetoota Mootummaaf Kaabineef Kaadiree Wayyaaneen ala
Qabsoo sabaa keessatti qaamni kam itti makamee finciluuf warraqsa jabaa dhoosuun gaddaaf gadadoo biyyattiirratti walitti fufiinsaan karaa wayyaanee raawwataa jiru gu’a taasisa.Kanaaf qabsoo barataaf barsiisaan gochaa jiruuf uummanni Oromoo Qeerroo waliin gochaa jirutti makamtanii karaa dandeessaniin akka FXG uummataa waliin finiinsitan dhaamna.
  1. Uummata Oromoof siyyaasa Wayyaanee kan uummataaf balaa akka saamicha Oromiyaaf karaa saaqu saaxiluu irratti jabaattanii hojjetuu
  2. Uummata ilmaaf intala awwaalaa jiru jajjabeessu
  3. Gibira miindaarra citu kaffaluu diduu
  4. Guutummaatti mootummaa waan fayyaduuf umurii Wayyaanee fayyadu hojjetuurra dhaabbatuu qabdu
Waan ta’uu Qabu:-
  1. Qaama uummata waanjoo garbummaa caccabsaa jiru dura dhaabbatu karaarraa maqsuuf duubatti hinjennu.
  2. Qaama waltajjii Wayyaanee taa’uurratti gorsii fi sirreessi meelalchiisaan nii fudhatama
  3. Kaabinee Wayyaanee uummata keenya saamsisaa jiruu kamiif dhiifamni hinjiru, tarkaafii jabaa fudhatuun itti fufama.
  4. Sabboontota OPDO keessaa akka nama dhuunfaatti uummata cina dhaabbataniin alatti diina kanneen ta’aniif akka gochaa kana irraa dhabbatan ammaan dhaamna.
Baratootaaf
  1. Qabsoon ati gochaa jirtu  seenaa biyyattii irra darbee addunyaaf fakkeenya ta’ee biyyoota garbummaa jala jiraniif fakkeenya ta’uutti akka jiru hubadhu. Ati yoomiyyuu jaallatamaa hawwaasaati. Waan ta’eef
  2. Qaama uummata gidirsu addaan baasuu waraqaan ta’uu gama dandeessuun Qeerroo akkasuma uummata guutummaaf beeksisuu itti fufi!
  3. FXG fufiinsaa turte itti fufi.
  4. Walijaaruu sagantaa jabaan sirraa nii eegama.
  5. Diina qabsoof fira qabsoo addaan baasuu itti fufi!
  6. Yeroo kamuu siyyaasa jabaa situ qabee jira, siyyaasa uummata kana gara ifaatti baasu situ beeka akkuma duraa murannoon keef cichoominnikee itti haa fufu!
  7. Qaama mooraa barnootaarra si adabuu heduu kamiif jilba hinlaafin!
Waan Ta’uu Qabu:-
  1. Qaamota kamuu baratoota Oromoo gidirsaa turaniif itti jiraniif Hanga ammaa qabsoo karaa nagaa waan goonuuf ajjeefamaa,gidirfamaa turreerra,roorroon kun amma illee itti hammaannaan of irraa ittisuuf qophii ta’uu keenya beeksifna.
  2. Duuchaatti yeroo waldhagaa’uun Oromoo bal’ate kanatti tarkaanfileen olii kun itti fufiinsaan hanga Bilisummaatti  kan raawwataman ta’uu uummataaf ibsina.
  3. Qaama Mootummaa bakka kamitti waltajajjii waamuuf, qaama ilmoo namaa ajjeesaa boohicha fakkeessii namaaf adeemu kamiif ammaan akeekachiifna.
  4. Kana booda dargaggoon Oromoo ykn Qeerroon Oromoo du’a eeggachaa jiru, utuu du’a karaa Wayyaanee ofirratti eegaa  jiruu qaama isa ajjeesuuf deemu akka duraatti nagaan biyya abbaasaa keessa kan hinadmsiifne ta’uu akkasuma ardaa abboota keenya kaleessaa Oromiyaa saamamaa jirtuuf uummata manaaf ardaasaa lakkiseef hanga ammaa furmaatni laatamurra gara dargaggoo isaa adamsanii ajjesuuf hojiitti seenaa jiraachuu Waayyaannonni ibsa laataa waan jiraniif, furmaanni waaraan biyyattii keessaatti hanga argamutti; Mootummaan ce’umsaa dhaaba ABO makate hanga biyyattiif dhaabatutti;
  5. Lammiin Oromoo samamuu ajjeefamuu fi roorrifamuun dhaabbatee hamma biyya ofii dhuunfatanitti  Xumura Garbummaa / FXG  gad akka jabeessinu qabnu uummataa Oromoof nii hubachiifna.
  6. Dargaggeessi Oromoo yookan hundi mana hidhaa Wayyaanee dararaa isaa keessaa bahuu; yookan hundi keenya mana hidhaa galuu murtii jalqabaaf yoo duunees dhaloota nu boodaaf Bilisummaa akka argatuuf qabsoo gochaa jirru nii jabeessina.
Hubachiisa : Kan olitti jenne gabaan haa dhaabbatu, suuqiin haa cufamuu miti. Gibira qabee waan galii mootummaa dabalu kam akka hinkaffalamneef waltajjii ykn walga’ii Wayyaanee akka hinteenye akeekuudha.
Lolaa dhiiga keenyaan saamtota Oromiyaa keessaa nii dhabamsiifna!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee Oromiyaa
Amajji 11, 2018

No comments:

Post a Comment