Humnoota Federaalaatu Uummata Nagaa Irratti Haleellaa Oofa: Itti Gaaftamaa Waajjira Kantiibaa Dambi Dolloo

Gurraandhala 26, 2018 | VOA Afaan Oromoo


Godina Qallam Wallaggaa mgaalaa Dambi Dolloo keessatti konfraansii hafuuraa xumura torban kanaa geggeessamuuf jiruuf dadammaqiinsi godhamaa ture humnoota federaalaatiin dhaabsisamuu jiraattonnii fi angawaan naannoo nuuf ibsaniiru.
Sambata darbe VOA sagantaa Afaan Amaaraa irratti kan darbe beeksisi magaalattii keessatti himamaa ture simannaa hoogganoota KFO mana hidhaatii ba’anii ta’uun ka gabaasame dogoggoraan ta’uu isaa jirattotaa fi angawaan magaalattii ibsaniiru.
Godina Wallaggaa bahaa magaalaa Naqamtee keessaa uummanni kurna kumaan laka’amu kan mana hidhaa jiran hoogganoota KFO simachuu dhaaf sambata darbe wal ga’uu isaa jiraattonni akkasumas angawoonni godinattii nuuf ibsaniiru.
Hoogganoonni Kongresii Federaalawaa Oromoo garuu gara magaalaa Naqqamtee akka hin seenne bakka Gutee jedhamutti humnoota Federaalaan ugguramuu isaanii jiraattonni nuuf ibsaniiru. Bulchaan Godina Walaggaa Bahaa obbo Moges Ida’ee akka jedhanitti immoo uummanni heddumminaan waan ba’eef komaandi poostii biraa ajaja kennameen walitti bu’iinsi akka hin uumamne yaaddoo jedhuun namoonni kun ofi irra akka deebisaman taasisaman. Yeroo ka biroo haalli mijatee akka isaan uummata waliin wal argan taasisna jedhaniiru.

No comments:

Post a Comment