IBSA IJJANNOO QEERROO BILISUMMAA IRRAA KENNAME.

Gurraandhala 27, 2018 | Ibsa Ijjannoo Qeerroo Bilisummaa irraa kenname

Murni bicuun wayyaanee TPLF uummata Oromoo irratti waraana ifaa labsitee gochaa duguuggaa sanyii raawwachaa jirti. Gartuun saamtotaa fi shororkeessitoota TPLF ilmaan Oromoo 700,000 qe'ee fi qabeenya isaanii irraa buqqistee, dhibbaatamootan lubbuu galaafachaa yeroo turtetti dhimmi nageenyi uummata Oromoo kan ishee hin yaachisin uummanni biyyattii sirna abbaa irree kanarratti mormii gaggeessaa jiru bulchiinsa waraanan ukkaamsitee umrii bittaa gabrummaa ishee dheereffachuuf labsii waraanaa command post labsaa jirti. Wayyaanen nageenyi lammii ishee yaadessee osoo hin taane tooftaa saamichaa fi umrii ittiin dheereffattuuf biyyattii waraanan bulchuuf jetteeti.


Qeerron Oromoo ibsa ijjannoo armaan gadii kana baafannee jirra.

  1. Labsii yeroo ariifachiisaa mootummaan abbaa irree labsaa jirtu cimsinee ni balaaleffanna.

  2. Uummanni Oromoo lammaffaa deebinee humna qawween hin bullu. Oromiyaan osoo ilmaan ishee jirru bulchiinsa waraanatiin hin bultu.

  3. Paarlaaman biyyattii waraana gartuun TPLF uummata Oromoo fi saboota biyyattii irratti maqaa nagaa tasgabbeessutiin labsite kan mirkaneessu taanan Oromiyaa guutuu keessatti mormiin cimaa fi addaan hin cinne cimee itti fufa.

  4. Qabsoo ilmaan Oromoo hanga har'aatti irratti wareegamaa jiran jabeessinee itti fufuun bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa hanga mirkaneessinutti wareegama barbaachisu kaffaluun qabsoo eegalle galmaan ni geenya.

  5. Mootummaan wayyaanee qaamota ilmaan Oromoo 1000,000 NS fi daangaa irraa buqqisan, dhibbootan ajjeesan, qabeenya uummata keenyaa saaman, Ambotti, Calanqotti, Hammareessattii fi kkftti duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti raawwatan seeratti hin dhiheessin uummata Oromoo irratti bulchiinsa waraanaa labsuun karoora saamichaa fi duguuggaa sanyii TPLF baafatte waan taheef qeerron Oromoo ofirraa deebisuuf qophii xumurree jirra.

  6. Kaayyon qabsoo ilmaan Oromoo irratti wareegamaa jirruu teessoo muummicha ministeeraa qabachuuf osoo hin taane sirna bulchiinsa mootummaa abbaa irree ofirraa kuffisuun gabrummaa jaarraa tokkoo oliif uummata Oromoo irratti fe'amte hundeen buqqisuudha.

  7. Qeerron Oromoo hidhaa, doorsisaa, reebicha gartuun TPLF nurratti raawwattuuf osoo hin jilbiiffanne qabsoo addaan hin cinne gaggeessun mirga abbaa biyyummaa keenya ni mirkaneeffanna.

  8. Labsiin waraanaa wayyaanen TPLF uummata Oromoo irratti labsite kan mirkanaa'u taanan lubbuu ilmaan Oromoo badduu fi tarkaanfii qeerron fudhattuuf itti gaafamaan Paarlaamaa biyyattii gartuu TPLF fi OPDOdha.

  9. Qabsoo ilmaan Oromoo kumaatamoota hedduun irratti wareegaman, hidhaman, qaama hanquu irratti tahan nuti qeerron Oromoo lubbuun jirru imaanaa qabsaa'onni kaleessaa nutti kennan bakkaan gahuuf waadaa keenya ni haarawoomfanna.

  10. Gochi tuffi fi jibbiinsaa mootummaan abbaa irree wayyaanee hooggantoota teenya kan akka #DrMararaaGuddinaa fi Baqqalaa Garbaa fa'a dachee isaanii irratti saba isaanin akka walhin argine waraanan uggurte gocha muddamaa kufaatii ishee agarsiisu waan taheef qeerron Oromoo sirna abbaa irreetti xumura gochuuf tokkummaan ni qabsoofna.
GURRAANDHALA 27/2018
FINFINNEE, OROMIYAA.

No comments:

Post a Comment