HIMA DIDDUUN, DU’A HIN DIDDUU !!!

Bitootessa 01, 2018 | SEENAA Y.G(2005)

Amma Mana keenya ijaarrachuuf murteeffachuun haqummaa ni qabaata. Bitaa fi mirga ilaallannee siyaasa keenya gaggeessuuf hedduu yaalleerra. Osoo miidhamnuu obsinee walii keenyallee nuffuu fi akka sodaataatti wal ilaalleerra. Diinnis fageessinee yaaduu keenya sodaatti fudhatee jira. Shira wayyaanee maseensina jennee osoo miidhamnuu callsiuun keenya, waan barbaannu qofaa gaggeessuun keenya, Sisyaasa keenyaaf bu’aa olaanaa galmeesiseera. Garuu diinni gonkumaa nu hubachuu hin dandeenye. Na ga’aas wallaaleera. Hegaree isaa fi Ummata isaafillee yaadutti hin jiru. Nuuti ammo siyaasa hegaree keenyaaf jennee waa hedduu ilaallannee tarkaanfachaa jirra. Har’aa garuu haalaa fi yerootuu waan hundaaf nu afeeraa jira. Dubbiin itti hin ariifannuu jennuu hundumtuu ,har’aa qormaata ta’ee nu fuuldura dhaabbateera.

Qormaata kana dantaa qaama biraaf jennee yoo akka kaleessaa dubbiin haa bultuu jennee nuutuu miidhamuuf jira. Yoo hegaree keenyaaf dursa kenninee garuu waan har’atti deebii itti laannuutuu  dhufee jira. Wayyaanee Ihaadeeg gonkumaa hammeenya isaa irraa ka dhaabbatuu miti. Hegaree Biyyattiifis ka yaadaa jiru hin fakkaatu. Boruu fi abdii waan irraa qabnuu hin qabu.amma humna keenya, adeemsa keenya, hangam akka deemuu dandeenyu fi kkf ilaallannee waan yeroo isaatti karaa keenya irraa maqisinuu fuuldura keenya jira. Har’aa Oromoon guutummaatti wayyaanee lafaan ga’uuf ,waa lamarratti duuluu qaba.
1ffaa. Ummata Oromoo fi wayyaanee gidduu ka jirtuu OPDO
2ffaa. Wayyaanee mataa isheeti.
Saboota biraa waliin walitti dhufeenya jiru jabeeffachaa, yoo rakkoon jiraateyyu miidhamaa isaaniif obsa godhachuun murteessaadhaa. Wayyaaneen carraan ishee inni dhumaa, Ummati Oromoo ishee injifachuu odoo hin taanee, OPDOn Ummata bira yoo goree naadhumateeraa jetteeitti amantii.kanaaf har’aa wayyaaneen Ummati Oromoo akka OPDO hin boojineef, waan ummataan walittii isaan buusuu hojjahciisaa jirtii.  Shirri kun akka jiru waggaa 27 OPDO tti himamaa jiraate. Garuu hubatanii waan irraa eegamuu raawwachaa hin jiran. Inumaa bakka seenaa xuraa’aa isaanitti deebi’aa jiran. Kanaaf sochiin kaayyoo keenyaaf murteessaa ta’ee, qaama dadhabiina diinaa ilaalanii tarkaanfachuun murteessaa taati.
Ummati Oromoo adeemsa qabsoo isaa keessatti gonkumaa dantaa isaa qofaa herreeggatee tarkaanfatee hin beeku. Kun immoo gatii ulfaataa isa baasiseera. Kana booda garuu akkasitti tarkaanfachuun hin danda’amu. Garaa bal’achuurraa barachaa kan jiru hin jiru. Keessattu wayyaaneen. Kanaaf wayyaanee dhaga’uu dadhabee akka dhaga’uu taasisuun murtee qabsoo fi Ummata Oromoo maraa ta’uu qabdii. Qeerroo fi Qarreen sochiin isaanii wayyaanee laaffiseera. Murteeleen wayyaaneen irra jiru laafachuu wayyaanee fi wayyaaneen sadarkaa yaaddeessaarra ga’uu isaa mul’isa. Angoo gadhiisuun bara baraan kufuu ta’uutti waan muratanii jiraniif, amma carraa isaan haaftuu waan fedhee haa dhufuu jedhaniibadii ofiitti seenanii, badii keessaa waan gaaarii eeggachuudhaa. Kun ammo inumaa hegaree saba Tigiree jedhamuu dhabamsiisa.kana hundaa tokko lama ennee itti himaa jiraannee. garuu maallaqaa fi qabeenyaan jaamanii fooqii irra jiranirraa bu’uu hin barbaannee. Ummati kabajamaan kun Fooqii isaanii kan hin yaabnee fi irraa isaan hin buufnee itti fakkaateera. nu tuuffateera.
Anga’oonni wayyaanee fi Ilmaan isaanii sagantaa VOA afaan Tigiriffaa irratti guyyuu wal quncisaa oolan. Humna isaan mormuu cabsanii jiraachuu akka barbaadan kanneen ibsan akkuma jiran, lakkii dubbiin kun nu hin baaftuu kanneen jedhan ni jiru. Isaanuu bakka sadii jiran. Walumaagaltti, wanni irraa hubannuu yaaddoo guddaa keessa jiraachuudhaa. Quufnii isaanii waan isaanitti fiduuf jirtuu kanneen fageessanii hubatan muraasa. Kan maallaqaa fi Angoon maraataan boolla isaanii gadi fageessaa jiru.
Qabsoo Oromoo Qabsaa’oota muratoon har’aa geessee, Ilmaan isheetti boonaa jirtii. Hegareef yaadda’uu osoo hin taanee, abdii dhihootti tilmaammachaa jirti. Kaleessa kan wal hin dhaggeeffannee Oromiyaa guutuutti sa’aatii muraasa keessatti wal dhageesisaa jirra. Adeemsi amma ammaatti deemnee akka kiyyatti lafa qabatee biqilee ol ba’eera. Biqiltuun kun humna godhatee biqiltuu kaan of irraa faccisuu eegaleera. Waan dhalachuu fjedhuu ykn Qabsoon Oromoo sochiin itti seenuuf jiru yeroo isaa ka eeggateedhaa. Miidhaan keenya daangaa ce’eera. dhiignii dhangala’uu guutee dhangalaaa jira. Diinnis gonkumaa qalbi iisaa amansiisee hegaree isaaf yaadaa hin jiru.
Gama biraan dhalooti har’aa aarsaan kafalaa jiru hedduu qaaliidhaa. Wareegamnii namaa fi qabeenyaa haalaan dabalaa jira. Kanaafuu murteen keenya ,sochiin keenya, tarkaanfiin keenya waan diinni ijaan argutti ce’uun murteessaa taatii jedheen amana. Nuuti dubbii nu marsee jiru tasgabbeessuuf, wareegama hin mallee baasaa jirra. Har’aa gara tokkotti murannee socha’uu qabnaa. Diina keenya bifa kamiinuu jiru adda rukutuudhaa. Diina Obsaa fi hegareef yaaduu keenya nuuf hubachuu didee, waan galuufiin deebifanaa. Kun murtee keenya dhumaatii. Sossobbiin gonkumaa yeroon isaa dhumateera.
Wayyaaneen labsii yeroo muddamaa jettee baaftee kun gonkumaa Ummatoota Biyyatti ka ilaallatu miti. Maqaa humna amma ijaaramee jedhuu kanaan ka dhimmi itti ba’uuf wayyaaneen ijaaramee qofaadhaa. Wayyaaneen komaandi postii kana bobbaasuu keessaan waan itti fayyadamuuf jirtu, Ilmaan isaanii guutuu Biyyatti keessa jiran bifa qindaa’ee fi dhokisaa ta’een tikisuu barbaadaniiti. Wayyaanee ihaadeeg, Finfinnee ,Baahirdaar,,Jimmaa,, Aadaamaa, kkf Abbootii qabeenyaa isaanii bifa kamiinu jiran saamicha irraa tikisuudhaa.
Kanaaf sochiin Oromoon itti jiru yeroo isaa ka eeggateedha jechuu dandeenya.wayyaaneen lubbuu ishee baraaruu barbaaddii. kana fixachiisuuf isaan darbinee deemnee barmoota kennuufiin barbaachisaadhaa.. OPDOn hiriira ishee sirreeffachuu qabdii. Wayyaanee jalaa baasuui fi ofiin ba’uun carraa sihee dhumaati. Qeerroon Oromoo yeroo muddamaa kana keessa abshaalummaan itti fayyadamuu ka qaban, waan barbaannu qofaa irratti bobba’uudhaa. komaand postiin Sochii warra hattootaa fi saamtootaa ta’uu hubadhaa. Obsikeenyadaangaaqaba. Adeemsi keenya galii qaba. Galiisaa kana bira ga’uuf, waan isa dura jiru hundaa kaasuun murteessaadhaa. Gonkumaa duubatti hin jennuu. Humni wayyaanee guutummaatti diigamuu qaba.humni tikaa isaa diigamuu qaba. Finfinnee tikfataa jiran hundeetii raasuu qabnaa. addunyaan akka garaa itti jabaatuuf karaa addunyaatti nu geessuu kamuu dhimma itti ba’uudhaa.
komaandi postiin wayyaanee waan gochuu barbaadduutu jiraa of ilaalladhaa. murteen kun murtee isaanitti funyoo jabeessu,,bu’aallee irraa hin arganneedhaa. kana kan murteessan waan godhan wallaalurraatti. waan irra jiran kanarraa akk ahin deebinee gochuus sochii keenya keessatti carrraa lafaa itti ka’aan akka hin laanneef. kanarraa ka hafee, tarii Mummicha ministeeraa AMAARATTI KENNUU DUUBA MORMII KA’UU FI FONQOLCHA KEESSA ISAANII shakkun ta’uun mala.kanarraa ka hafee dorsissanii keessa qeerroo argachuus ta’uu danda’aa.kanneen mana hidhaa keessatti dhuman gara fuula duraatti ifa ta’uu booda waan jirus sodaatanii ta’aa. garuu waraanuma bobbaafamee hin sodaannu. TAANKII gubnee seenaa hojjanna.
Dhuma irratti sochiin amma ol butuuf tattaafachaa jirru, isa dhumaamiti.hafuura kan nama kutu. Isa dhumaaf garuu isa jalqabaati. Wayyaaneen akka caasaatti qabattee ka jirtuu humna Tikaa fi waraanaati. Akkasuma ODPO. Humna tikaa fi waraanaa kana akka maalitti diiguu qabnaa irratti haa hojjannu. Qeerroo fi Qarreen ABO abdii ummata keemyaati. Jabaadhaa.
HORAA BULAA !!!!!!

No comments:

Post a Comment