‘Miseensota Raayyaa Ittisaa Ajjeechaa Raawwatanirratti Ragaa Baanus Haga Yoonaa Murteef hin Dhiyaanne’ – Jiraattota Mooyyalee

Ebla 24, 2018 | VOA Afaan Oromoo


Ajjeechaa lammilee nagaa miseensonni raayyaa ittisa biyyaa bitootessa 10 bara 2018 Mooyyaleetti geessisaniin booda qaami biyya bulchaa ture bulchiinsi Koomaandi Poosti Sekreeteeriyaat miseesota raayyaa ittisa biyyaa gocha kana raawwatan jedhe ‘5’ to’annaa jela oolchuu beeksisee ture. Namootni kuniini to’annaa jela haa oolanuyyuu malee haga yoonaa isaan keessaa namni tokko murteef hin dhiyaatin jiru jedhu jiraattotni magaalaa Mooyyalee.
Obbo Maammud Kannuu ajjeechaa bitootessa 10’nii kanaan abbaa isaanii ganna 60 Obbo Kannuu Qancooraatu duraa ajjeefame. Ammaa gaddarra akka jiranii fi abbayeen isaanii erga raayyaa ittisaan ajjeefamee angawootni mootummaa dhufanii waan takka akka isaan hin gaafannedha ragaa bahu.
‘Waan akka malee hamtuut natti Dhagahama, yoggaan akkasitti yaadu dubbachhuuyyuu hin danda’u na hudhayyuu, silaa mootummaan nama bira dhaabachuu qaba ture, namayyuu agarree hin gaafannuyyu.’ Maammud Kannuu
Odeeffannoon jiraattota magaalattiirraa arganne akka jedhutti, ajjeechaan kun akkuma raawwateen angawootni mootummaa naannoo fi qondaaltonni Humna Ittisa Raayyaa biyyaarraa ergaman dhufanii namoota bakka ajjeechaa kanaa turanirraa ragaa funaannatanii turani. Obbo Diidaa Booruu namoota ragaa bahan keessaa isaan tokko; isaanis Guyyaa dhukaasi ka’e lubbuu oolfachuuf gara qe’eetti yoo baqatan haga qe’eetti loltoonni mootummaa isaan ariyachuusaanii raga bahaniiru. Yeroo kanas dargaggoo hojiif gara magaalattii dhufe tokko loltootni kun fuuldura isaaniitti akka ajjeeses yaadatu.
Obbo Diidaa’n waan ijaan arge jedhan kana angawoota waa’ee ajjeechaa kanaa qulqulleefachuu dhufaniif himuu isaanii dubbatu. Angawoonni kunis erga teessoo koo fudhatanii raga dabalataaf si barbaanna naan jedhaniiru jedhu garuu haga yoonaa homaa waanti dhimmi kun fuulduratti deemee jiru hin agarree jedhu.
Ammas jiraattonni magaalattii dabaluun, miseensonni Raayyaa Ittisaa balaa kana geessisan ammayyuu buufata waraanaa raayyaa ittisa biyyaa ka Mooyyalee jiru keessa jiru. Haga yoonaas namootni kun murteef dhiyaachuu dhabuun isaaniis namoota warra kana irratti ragaa bahe’ sodaa keessa buuseera. Aadde Amiinaa Mohaammed namoota raga bahanii ‘sodaa keessan jira’ jedhan keessaa isaan tokko; 'namootni kun haga yoonaa murtee tokkoof dhiyaachuu dhabuun nuun nu sodaachiseera'jedhu.
Waa’ee ajjeechaa kanaa ka hordofaa ture kaan Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoodha. Isaanis Kanaan dura humni raayyaa ittisa biyyaa yeroo sadii ol naannoo mooyyaleetti nama ajjeesee seeraaf hin dhiyaatin hafuu himanii, ajjeechaa bitootess 10’f garuu sabi akka haqa argatuuf angawootaa mootummaa naannoo Oromiyaatti deddeebi’anii gaafachaa jiru.
Komii jiraattotaa kana Waajjira Haqaa ka Aanaa Mooyyaleef kaafnee, Waajjiricharraa Obbo Tamasgeen, akkuma ajjeechaan kun raawwatameen Ministeera Raayyaa Ittisaa Biyyaarraa ‘Qorattoonni Yakkaa lamaa fi Abbaan Alangaa tokko dhufanii waajjira haqaa Aanaa Mooyyalee waliin raga namoota irraa ragaa funaaananii deemuu himani. Dhiyeenyattis himannaan akka banamuu fi dhimma kana mootummaan naannoo Oromiyaa Ministeera Ittisa Biyyaa waliin hordofaa jirallee jedhan. Namootni yakka ajjeechaa kana raawwatan kun yoom Dhaddacha kamitti akka dhiyaatan haga yoonaa waanti beekame hin jiru. 

No comments:

Post a Comment