Godina Gujii Keessatti Uummata Oromoo Mirgaa fi Qabeenya Isaa Falmatu Qe’ee Isaa Irratti Rasaasaan Reebuun Falmii Qabsoo Oromoo Daran Dabala Malee Duubatti Hin Deebisu.

Caamsaa 08, 2018 | Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Finfinnee Oromiyaa

Ummanni Oromoo gaaffii mirgaa fi qabeenyaa dhimma albuuda MEDROC walqabsiisee gaafate, deebii wal rukutaa deebisaa kan jiran mornoonni Wayyaanee, Saamichi albuuda MEDROC faalama qilleensaa fi bishaaniin uummata Oromoo naannoo san jiraatanii fi beeleda qabeenya uummataa irraan gahe dhiibbaa fafa ta’uun dhibee adda addaa fi naafachuu garaagaraaf akka saaxilee jiru gartuun Wayyaanotaan bobbaafaman, jaarmiyaan waraanaa uummata nagaa hiriira bahee miidhaa isaa himatuu fi karaa nagaa mirga isaa gaafatu irratti dhukaasuun dhiiga uummataa dhangaalaa jiru. Dabalataan jaarmiyaan ololaa Wayyaanee TPLF kan ta’e OPDOn uummata afaanfajjeessuuf gaaffiin uummataa sirrii ta’uu afaaniin kan dubbatan, akkasumas gaafficha kallattiin deebii itti kennuun ummataaf furmaata argamsiisuu irra obsaa ni qoranna jechuun yeroo bitatanii uummata nagaa irraan gaaga’ama akka ta’uu fi guyya guyyaan rakkoo dhalate irratti rakkoo biroo geessisaa jiru.

Gaaffi mirgaa karaa nagaa gaafataniif rasaasa uummatatti roobsuun sabboontoti Oromoo rasaasa Wayyaaneen dhahamanii Hosptala seenani fi kannen wareegaman keessaa gariin:-
Maqaan namoonni reeffi isaanii gara hospitaalaa Adoolaa dhufe:
1. Amaanu’eel Dastaa
2. Ayyaanoo Goobazee
3. Tasammaa Alemboo fi
4. Guutaa Didhaa.
Namoota Rasaasaa Reebamanii Hosptala Adoola jiranii
  1. Gaaddisaa Neenqoo Gumii- Adoolatti yaalamaa jira
  2. Kottoola Teyyoo-Reefirii gara Hawaasaa ergameera
  3.  Madarsaa Badachaa-riiferii gara hawaasaa ergameera
  4. Habtaamuu Yohaannis-riiferii gara Hawaasaa ergameera
  5. Neenqoo Saafayii-Adoolatti yaalamaa jira
  6.  Addisuu Alamayyoo-Adoolatti yaalamaa jira
  7. Muhaammad Qaabatoo Gooroo Adoolaa
  8. Sisaay Girmaa Adoolaa
  9. Jamaal Ahmad Adoolaa
  10. Fayyisaa Nuusii Shaakkiso
  11. Miftaah Kadiir Gooroo Adoolaa
  12. Nugusuu Katamaa Haraqallo Adoolaa
  13. Sisaay Nugusee Gooroo Adoolaa
Yerooo ta’an kanneen hidhamanii fi reebichaan dararamaa jiranis ni jiru.
Duula lammii Oromoo irratti bahamee waraanni Wayyaanee uummata miidhaa jiru kana dhoksuuf jecha afaan faajjii uumanii uummata goyyomsuutti muuxannoo waggoota 26 kan qaban hogganootiin Wayyaanee karaa miidiyaa isaanii gaaffiin uummataaf albuudni Warqee MEDROC Gujii keessatti argamu akka wal hinqabanneef albuudni MEDROC balaa uummata irraan gahaa akka hin jirre lallabuun ifatti haaluu irratti argamu. Yakki albuuda kanaan walqabatee waggoota dheeraaf  uummatarraa gahaa jiru saamichaa fi yakka himamee hin dhumne karaa dhoksaa fi ifaan sirnoonni gabroomfataa Oromoo dhufaa darbaa geessese haala salphaan ilaalamee kan darbamu akka hintaane Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Oromoo hubachiisa.
Wantoonni kun karaa tokkoon uummata keenya irratti daguuggaa sanyiif yoo raawwatan, karaa biraammoo maqaa Liiziif jechoota garaagaraa uummata Oromoo godina Shaggarii fi bakkoota gara garaa keessaa lafarraa kaasanii godaansisuun ittuma fufee jira.
Maqa kondominiyeemiin project kubaaniyyaan TPLF waliif hojjetaa jiran wayiita hedduu fagaateetti uummanni lafaaf qabeenyasaarraa dhiibamee godaansifamee kaan kadhattuu, kaan waardiyyaaf jireenya wal’aansoo qabuuf qe’een Oromoo tatamsa’uurratti argama.
Kun kanaan  utuu jiruu, gartuuwwan hololaaf Wayyaanee bakkatii eeguuf bobbaafaman, Kanneen jireenyi isaanii kaffaltii Wayyaanee irratti hundaayee jiru aangoorratti ol ba’uu isaanii bu’uura godhachuun uummanni Oromoo akka waan bilisoomeetti “kana booda raawwatee garbummaan hundeen buqqaa’eera” jechuun garbummaa hamtuuf uummata saaxiluuf fiigicha isaanii jalqabanii jiru.
Haalleen uummata Oromoo jireenya gadadoo keessaa isa hin baafnee fi maqaa aangoon ukkaamsaa,hacuucaa fi saamicha diinagdee kan gadi jabeeffatee jiru sirni gabroomfataa ayyaanlaallattoota arraba qaruun maqaa aangoon saba cunqurfamaa goyyomsee jireenya walii gala Oromoo hadoochee dhoksaa jiru hanga saaxilamee mirgi uummataa hundee irraa hanga mirkanaawutti sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti fufa
Haala kana irratti hundaawuun gochaa hadhaawaa uummata keenya Gujii irratti raawatamaa jiru ilaalchisee Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo ibsa qabxiilee kanaan gadii irratti hundaaye dabarsa.

1. Gochaan uummata Gujii laga Dambii irratti raawwate gochaa sukkanneessaa Oromoo irra gahe waan ta’eef gochi kun akka itti fufuuf mootummaan Wayyaanee waggaa 10 mallatteessuufiin isaanii garajabummaaf lafarrraa Oromoo balleessuuf akka kaayyeeffatan raageessa. Kanaaf balaan uummata Gujii laga Dambii irratti gahe kan uummata Oromoo guutummaarra gaha jiru ta’uu hubachuun marti gamtaa’inaa akka jalqabnetti diddaan Qeerroo Bilisummaa itti hafau!

2. Lola maqaa Liyyuu hayilii jedhuun waraanni Wayyaanee baneen, Akkasuma lola maqaa Komandpost’n Oromoo irratti labasamee jiru qolachuuf waan danda’uun dhalli Oromoo kamuu qabsoo sabaatti makamee akka diina innika ofirraa qolatu Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaamsa dabarsa!

3. Maqaa Liiziif pilaanii magaalaa Finfinneen, akkasuma maqaa investment uummataa magaalaaf Baadiyyaa jiraatu uummataa Oromoo lafaaf qaneenyasaa saamuun itti fufee kan jiru Wayyaaneef diinni Oromoo hanga, maqaa waarshaa Shukaaraaf. Waarshaalwewwan garaagaraa akkasuma maqaa kondominiyeemiin beenyaa gahaa, tokko malee lafarraa Uummataa Oromoo dhiibuun itti babal’atee adeemaa waan jiruuf ummanni Oromoo dammaqiinsaan FXG akka itti fufu Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaamsa dabarsa.

4. Olola dharaa akka waan rakkoo, gaddaaf gadaadoo keessaa baaneetti gartuun TPLFn moggaasa aangoo argachuun bobba’an ummanni Oromoo itti wareegamee asiin gahe waadaa kijibaan dagamee akka balaa biraaf of hin saaxilletti bilisummaa fi walabummaa guututti argachuuf qabsoo itti fufuu qaba.

5. Badii dalagaa turaniif murnoota Wayyaanee kaleessaa kanneen ajjeesaa, godaansisaa, lafarraa buqqaasaa, saamaa turan seeratti dhiyaachuurra ittuu yakkamoonni wal badhaasuurra wayiita jiran kanatti qabsoon roga arfaniin finiintee dhoote kan walitti fufiinsaa kuula qabsoo Oromoo miidhaksaa deemaan ta’uu Uummanni Oromoof Qeerroo Bilisummaa hubachuu qaba
Injifannoon Uummataa Oromoof !!
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 8, 2018
Finfinnee Oromiyaa


No comments:

Post a Comment