Mormii Har’a Magaalaa Adoolaa Keessatti Geggeessame Irratti Lubbuun Dhabamuu fi Miidhaan Qaamaa Dhaqqabuu Dubbatan Aangawaan Magaalattii fi Jiraattonni

Caamsaa 08, 2018 | VOA Afaan Oromoo


Gujii, aanaalee akka Gooroo Doolaa, Shaakkisoo fi Aannaa Sorraa, magaalaa Adoolaa-wayyuu keessatti hiriirawan mormii geggessamuu isaanii fi magaalaa Adoolaa-Wayyuu keessatti geggeessame gara hookkaraatti jiraattonnii fi aangawoonni VOA-f ibsanii jiran. Mormiin har’aa hiriiran qofa otuu hin taane, gabayaa dhaabuu fi karawwan cufuun ka geggeessame akka turellee dubbbatan.
Akka jiraattonni jedhanitti, magaalaa Adooaa-Wayyuu keessatti walitti-bu’insa qeerroo magaalattii fi poolisii Oromiyaa gidduutti uumameen, yoo xiqqaate namoonni lama du’uunii fi afur madaa’uun beekamee jira.
Bulchaan magaalaa Adoolaa-wayyuu – Obbo Caalaa Waaree garuu, namoonni humnaan dhiibanii gara buufata poolisiitti dhufuu isaaniitiin walitti-bu’insa uumame keessatti, namni ujummoolee bishaanii naannoo buufatichaa jiran keessa seenee lubbuun isaa dabruu fi namoonni lama ka biroon madaa’uu VOA-tti dubbatan. Yeroo isaan dubbatanis, dudduuba isaaniitii sagaleen dhukaasaa deddeebi’ee dhaga’amaa ture. Sababaan dhukaasichaa haala uumame irraa kan madde tahuullee Obbo Caalaa Waaree dubbatanii jiran.
Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

No comments:

Post a Comment