Gaddaaf gadadoon uummata keenya Oromoo irraa hanga kaafamutti FXG guutuu Oromiyaa makate hindhaabbatu!

Adoolessa 25, 2018 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa keename, Finfinnee, Oromiyaa

Uummata Oromoo waanjoo garbummaa jalaa baasuuf rakkoo gita bittaa habashaan irra gahu jalaa baasuuf qabsoo hadhooftuu gochaa turre ittis jirra.  Qabsoon Qeerroo nagaa gaanfa Afrikaaf abdachiisaa ta’us mootummaan nagaa uummata keenya eeguuf rakkoo saba keenya furee uummata Oromoo irraa dararama kaasuu irratti qabsoorra jira. Har’a araddaa Oromoo wayiita abiddaan gubamee, qabeenyaaf manni uummaata Oromoo gubataa jirutti, rakkoo keenya nuu furuuf tattaafatuurra gaachana uummataa kan ta’e Qeerroo adamsuuf Waraana Bilisummaa Oromoo WBO sakatta’uu kan jedhuun ittuu nageenya uummata Oromoo hammeessaa kan jiru Mootummaan EPRDF rakkoo karaa nagaa furamuuf haasa’ames goolii ofumaa uumuun dhabama gochuurratti karoora ABO balleessuu irratti bobbaa bal’aa taasisuutti fuulleffannoon hojjetaa jira. Uummata nagaa uummata Oromoo manaaf qabeenyasaarraa buqqaasuun hanqatee manaaf qabeenyasaa waliin gubuu irratti mootummaan EPRDF kan fuulleffate, nagaa uummataa eeguurra nagaa caasaa isaa eeguuf karaa dabaa socho’uun mootummaa kan nama gaddisiisu ta’uu Qeerroon hubachiisa.


Akeeka uummata keenya maqaa Liyyuu Ayiliin lafaaf qabeenyasaarraa buqqaasuuf hojiin hojjetamaa jiru kan nama gaddisisu ta’ee utuu jiruu, uummata Oromoo Lixa Oromiyaa, Giddu Gala Oromiyaa, Kaaba Oromiyaa, Kibba Oromiyaa irratti waraana humnaan ol bobbaasuun “WBO sakattaana!” ajandaa jedhuun goolii uumee nagaa uummataa booreesse, mirga uummata sarbee kan jiru mootummaan, yakkasaa fokkataa waggoota 28 Oromoo irratti raawwate hanga dhaabutti qabsoo itti fufnee jiraachuu beeksisaa; guutummaa Oromiyaa keessatti Jimaata as adeemurraa ykn  Adooleessa 21,2018 irraa qabnee sagalee Mormii guutuu Oromiyaa keessatti FXG fincila Xumura garbummaa kan dhageessifannu ta’uu uummataa Oromoofis Qeerroo Bilisummaa Oromoofis akkasuma waayillaan qabsoo keenyaaf  ibsuu barbaanna.

Haaluma kanaan yakka Cinaaqsan, Baabbilee, Mi’eessoo, Keessatti yakka dabaa  daguuggaa sanyii nurratti fudhataamaa jiru nii balaalefanna! Akkasuma dararama uummata keenyarra maqaa WBO sakattaa’uu jedhu dhahatee adeemu kan balaaleffannu ta’u hubachiisna. Qabxii gadii kanas kan guutummaa Oromiyaa keessatti dhageessifannu ta’a.
  1. Manaaf ardaa keenyarratti nu ajjeesanii nu gubuun haa dhaabbatu! Mana jireenya nurratti gubuun haa dhaabbatu! Nu qaluun haa dhaabbatu!
  2. Ajjeechaan nurraa haa dhaabbatu!
  3. ABO dhabamsiisuuf duulli nutti banamee, yakka daguuggaa nurratti raawwachuuf jedhu nurraa haa dhaabbatu!
  4. WBO’n irreef gaachana keenya!
  5. Mootummaa Ce’umsaa nageenya keenya mirkaneessu nuuf haa dhaabbatu!
  6. Sirni nu ajjeesaa waggoota dheeraa jiraate sirni EPRDF guututti haa diigamu!
  7. Jijjiirraa sirnaa barbaanna!
  8. Lafaaf qabeenyaa keenyarratti shororkaa’uun nurraa haa dhaabbatu!
  9. Nageenyi uummata Oromoo haa mirkanaa’u!
  10. Waraanni Liyyuu Ayilii haa diigamu!
  11. Abdii Illee Seeratti haa dhiyaatu!
  12. Yakkamtoonni seeratti haa dhiyaatan!
  13. Olaantummaan seeraa haa mirkaanaa’u!
  14. Qawween hinbullu!

Dhaadannoo jedhuun guutuu Oromiyaa keessatti itti  fufee kan adeemu ta’a.

Maayii irratti  Gaddaaf gadadoon uummata keenya Oromoo irraa hanga kaafamutti fincilli xumura garbummaa (FXG) guutuu Oromiyaa makate hindhaabbatu! Waan ta’eef ilmaan Oromoo bakka maraa Oromoota maqaa Liyyuu Ayilii jedhuun dararamaa jiraniif kanneen sakattaa WBO jedhuun qe’eensaanii goolamaa jiruuf dhaabbachuun sagalee ta’uufiin jaalala Oromummaaf qabdan aantummaa sabaa akka agarsiiftan isinitti dhaammanna! Bilisummaa namni namaa hinlaatu abbaatu itti cabee, itti dhiigee gonfata!
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 16,2018
Finfinnee Oromiyaa



No comments:

Post a Comment