Ibsa Ajajaa Olaanaa WBO Irraa Kenname

Caamsaa 31, 2019 | Ajaja Waraanaa Olaanaa WBO irraa

Gaaffiin saba Oromoo baroottan dheeraaf gaafachaa ture OPDO/EPRDFn hudhaame jira. Sababaa WBOnis gaaffilee bu’uuraa Oromoon irratti wareegame bakkaan ga’uuf wareegama ulfaataa baasaa jira. Gaaffiin mirga hiree murteeffannaa, gaaffiin Finfinnee, gaaffiin haqaa, gaaffiin mirga abbaa biyyummaa, gaaffiin dimookraasii, gaaffiin nagaan jiraachuu fi gaaffiin kabajamuu mirga dhala namaa Oromoon gaafachaa ture tokkollee hin deebine.

Inumaayyuu mirgooti xixiqqoo Oromoon qabsoo isaatiin argate ture bara OPDO/EPRDF sharafamaa jira. OPDO/EPRDF siyaasa Oromoo irratti shiraa fi daba wal-xaxaa dalaguun impaayera Itoophiyaa tiksuuf Nafxanyoota Oromiyaatti bobbaasuun WBO lolaa jiru. Uummata Oromoo guddeessa loluufis qophiitti jiru. Kun ammoo dantaa Oromoo fi Oromiyaa irra ejjechuu fi diinaaf dabarsanii kennuu dha. Impayerri Itophiyaa gargaarsa fi deggersa humnooti halagaa fi gantoota sabaan ijaaramte har’a geesse. Humnooti halagaa fi gantootaa wal gargaaranii, mooraa QBO keessatti afaanfajjii uumuun akeeka qabsoo bilisummaa fi mirga hiree murteeffannaa Oromoo karaatti hambisuuf hojjechaa jiru.
Lolli WBO irratti labsames gaaffiilee bu’uuraa Oromoon qabu ukkamsuuf kan akkeekkate dha. Lolli kun Oromiyaa mara keessatti karaa Lixa, Kibba, Gidduu Galeessaa, Kaaba fi Baha Oromiyaatti gaggeefamaa jira. Nuti ilmaan keessan, WBOn, humna waraanaa OPDDO/EPRDF kan Lammaa fi Abiy nafxanyoota koratanii nutti duulchisan of irraa ittisaa fi adabaa jirra. Gartuun kun injifatamuu loltoota isaaniitiin aaruu fi abdii kutachuun, uummata nagaa hiraarsuu, hidhuu, qee irraa buqqaasuu, ajjeesuu fi ibiddaan gubuu irra darbanii toftaa lolaa kan addunyaa irratti dhorkame summii (chemical weapon) itti dhimma bahaanii nu dhabamsiisuuf dhama’aa jiru. Kanaaf ragaan xiyyaarri summii baatu Oromiyaa bakka nuti sochoonu keessatti summii facaasuun Oromoo fi Oromiyaa faaluun; bineensa, beelladaa fi nama dhukubsuu fi ajjeesuu isaati.
Yaa ummata Oromoo, loltuun OPDO/EPRDF torbee darbe keessa Gujiitti maatii hawaasa Oromoo (civil) tokko keessaa nama shan fixan. Gochaan hammeenyaa addaa, Gujii bahaa fi lixaati Amajjii 2019 irraa hanga hari’ti itti fufee jira. Oromoon Gujii hedduun gara jabinaan ajjeefamaa jiru, manaa fi qabeenya isaa irratti gubanii gargaarsa malee dirretti facaasanii jiru. Ilmaan Oromoo hedduun hidhaatti guuramaa jiru, gariin bakka dhaloota isaanii jiraachuu dadhabanii magaaloota adda addaa keessatti dhokatanii jiru, gariin ammoo baqatanii bosona keessatti rakkataa jiru. Haalli kun Oromiyaa Raayyaa fi Walloo irraa haga Boranaa, Harargee irraa haga Wallaggaa akkasumas Gidduu galeessa, Arsii fi Baalee keessattis babal’ataa jira. Loltuun Abiy fi Lammaa sadarkaa ummata qulqulluu boombii summitiin haleeluu irra gahanii jiru. Gochaan kun qaama shira Oromoo fi Oromiyaa dadhabsiisuun diiguu, kan nafxanyootaan wixinamee, karaa OPDO Oromiyaa guutuu keessatti raawwatamaa jiru dha. Daangaalee Oromiyaa mara irratti lola banuun ilmaan Oromoo galaafataa jiru, fknf. Cinaqsan, Baabbille, Benshangul, Wallagga, Rayyaa, Wallo, Gujii, Boranaa, fi kkf dhiyoo kanas tuttuqaan Asallaatti, Adaamaatti, Doobbattii fi kkf keessatti mul’ataa jiru ragaa dha. Magaaloota Oromiyaa keessatti nafxanyootii fi OPDOn wal ta’uun, QBO fi Oromiyaa balleessuuf, meeshaan waraanaa kuufachaa jiru.
Mootummaan gowwoomsaa maqaa Oromoo golgaa godhate jiru kun, ajandaa dhoksaa kan kaayyoo Oromummaa fi Oromiyaa balleessuun, Impaayera Itiyoophiyaa tiksuuf hojjechaa jira. Abiyi fi Lammaan impayera Itophiyaa kan Oromoof azaaba taate haaromsuuf ifaajjaa jiru. Akkuma Minliki Oromoo ajjeesee, harka muree, harma muree, manaa fi qabeenya gubee, saamee hiyyoomsee, cunqursaatti deebisuuf Oromoo irratti yakka fi shirri guddaan raawwatamaa jira. Toftaan EPRDF jaarmiyaa siyaasaa Oromoo biyyatti deebisuun toftaa Oromoo qoqooduun, warraaqsa isaa fashalsuun fi Oromoo harqoota gabrummaa jala tursuuf wixiname dha. Miseensoti ABO jajjaboon hidhuun, Waajirri ABOn godinaalee Oromiyaa bakka adda addaa keessa jiran saamuu, saamsuun fi gochaan hammeenyaa miseensota WBO kaampii Ardaayitaa fi Xolaay irratti raawwatames qaamuma shira kanaati.
Yakki EPRDF/OPDOn Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwataa jirtu kun Oromoo fi addnyaatti ifa bahuu qaba. Yakkaa fi dhiittaa mirga dhala namaa saba Oromoo irratti raawwatamaa jiru fi shanyi-duguuggaa (genocide) Oromoo irratti adeemsifamaa turee fi jiru galmaawe harkaa WBO seenee jira.
Yaa ummata Oromoo shira diinaa argaa jirruuf falaa fi furmaati isaa tokkoo fi tokko qofa dha. Innis; irree keenya jabeeffachuun gabrumma of- irraa kaasnee bilisummaa goonfachuu dha!
Kanaaf:
  1. Miseensoti WBO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kayyoo ABO, kan jaallan qaqaaliin irratti of kitaman bakkaan gahuuf dhiigaa fi lafee jaallaniin kakanne bakkaan geenya! Kayyoo jaallan irratti wareegaman galmaan gahuuf rakkoo kamiifuu osoo hin jilbiifanne, cichoominaa fi murannoon wareegama olaanaa baafinee, haga gaaffiin bu’uuraa uummata Oromoo deebbii argatutti kan of duuba hin deebine ta’ u keenya uummata keenyaaf mirkannesina!
  2. Uummati Oromoos gaaffiilee bu’uuraa kan mirga hiree murteeffannaa, gaaffiin Finfinnee, gaaffii haqaa, gaaffii mirga abbaa biyyummaa, gaaffii dimookraasii, gaaffii nagaan jiraachuu fi gaaffii kabajamuu mirga dhala namaa qabatee osoo wal irratti hin ilaallee, tokkummaan socho’uu akka qabdan dhaamsa dabarfatna!^
  3. Jaarmayoota mirga dhala namoomaaf falmitan qoratnoo, galmee fi maxxansaaf akka ta’utti yakka EPRDFn uummata keenya irratti raawwatee sadarkaa idil-addunyaatti saaxiluu keessatti hirmaattanii fi ragaa qabatamaa yakka waraanaa Oromoo irratti raawwatame walitti qabne harkaa qabnu itti dhimma bahuun yakkamtoota EPRDF akka mana murtii idil-addunyaatti dhiyeessitan gaafatna! Yakka OPDOn raawwataa jirtu callisanii ilaaluun qaanii dha. Qaamni yakka kana raawwate addunyaa biratti saaxilamee barnoota argachuu qaba! Lammiiwwan miidhamanii fi naannawaan summiin faalameefis beenyaan kennameefii fi seenaa keessatti akka dhalooti irraa baratu akka galmaawe kaawamuu qajeelchina!
  4. Oromoon Oromoo malee akka fira hin qabne ifaa dha. Diinni Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaa balleessuuf WBO fi QBO balleessuu irratti xiyyeeffatee dhama’aa jira. Jiraachuun WBO Oromoo biratti kan filannoof dhiyaatu miti. WBOn lafee dugdaa Oromiyaa ta’uun beekamaa dha. Oromiyaan WBO malee, WBOnis Oromiyaa malee jiraachuu hin danda’an. WBO jiraachisuu fi cimsuun dhimma Oromoo fi Oromiyaa jiraachisuu fi cimsuuti. Kanaaf Oromoon marti qixa danda’een WBO cinaa dhaabbatee akka nu jabeessu dhaammanna! Nuti Oromoo fi Oromiyaaf jiraatna, isinis nuuf jiraadhaa!
  5. Tokkummaan humna waan ta’eef afaanfajjii diinni Oromoo gidduutti dhalchuuf taattaafatu akka tokkummaan dura dhaabbattan cimsinee dhaammatna! Yakka sanyii duguuggaa ummata keenya irratti raawwatama jiru sagalee jabaa dhageessisuun ummata keenyaa badii irraa baraartan dhaammanna! Kanas bifa hiriiraa sadarkaa idil-addunyaatti qopheessuun, xalayaa sadarkaa mootummoota aangawootaatti katabuun, ibsa baasuun, gargaarsa walitti qabuun uummata tin’isuun fi akka addnyaan birmatuuf iyyachuu keessatti hirmaattan jabeessinee dhaammanna!
  6. Gochaan hammeenyaa Oromoo irratti raawwatamaa jiru, gantoota sabaa kan qaama mootummaa ta’anii, yakka manaa fi qabeenya Oromoo gubaatii keessatti hirmaachaa jirtani fi ofii keessan nagaan jiraatu filattaniif Qeerroo fi WBOn gochaa keessan kanaaf kan obsa fixannee ta’uu ummatni keenyi guddissee akka nuuf hubatu dhaamaa, tarkaanfii feesisu kan fudhannu ta’uus akeekkachiisna! Ilmaan Oromoo RIB, poolisa, kora bittinneessaa fi kaabinoota OPDO keessa jirtan gochaan qaanfachiisaa kanarraa hatatamaan akka deebitan akeekkachiisaa, Qabsoo saba keessaniitti deebi’uuf kan yeroon hin dabarre ta’uus hubachiisna!
  7. Dhugaa fi gaaffiin Oromoo shiraa fi humnaan gonkumaa kan ukkamfamuu hin dandeenye ta’uu seenaa qabsoon bilisummaa Oromoo irraa barachuun danda’ama. OPDO/EPRDF gorsa nafxanyootaa dhaga’uun, seenaa kaleessaa irraa barachuu hanqachuun, muratnoo fi ejjennaa WBO, Qarree, Qeerroo fi uummata Oromoo guddeessa hubachuun dhabuun, gaaffii saba guddeessa kana dura dhaabbachuun naannoo kana balaa guddaaf saaxila. Kanaaf karaa badii, kan gaaffii bu’uuraa saba Oromootti gufuu ta’uu irraa of-qusattan akeekkachiisna! Balaa diddaa keessaniif dhalatuu maraaf itti gaafatamummaa seenaa kan fudhatu OPDO/EPRDF ta’uus hubachiisna!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Ajaja Waraanaa Ololaanaa WBO/ABO
Caamsaa 28, 2019


No comments:

Post a Comment