Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti ta’e jedhamee duula Oromoo fi Oromummaa irratti godhamaa jiru dura nii dhaabbanna.

Waxabajjii 16, 2019 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sirna EPRDF yakka waggaa 28 dura Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayeera biyyattii irratti dalagaa ture hunda yakka ta’uusaa amanee ofitti fudhachuun gamagamee of sirreessuuf uummata biyyattiif waadaa galeen, rakkoowwan uummata Oromoo irra gahaa turaniifis gaafatama qaama fudhachuu qabu saaxilee seeraaf dhiyeessuuf waadaa galuun uummata biyyattii bulchuuf aangoo ODP tti laachuun sochiin godhama turuusaa eenyullee nii yaadata.
Uummatni Oromoos waan waggoota kana mara irratti raawwataa ture yakkoota suukanneessaa, hidhaaf dararaa tiki mootummaa biyyattii raawwataa tures yakka ta’uu miidiyaa biyyattiin bahee fuulduratti sirreessuu akka qabu waadaa galaa turuu sirna EPRDF eenyulleen kan hubatudha.

Keessattuu hidhamtoota siyyaasaa dararuudhaan rakkoo hamaa uummata Oromoof sab-lammoota biyyattii irratti raawwataa tures badii ta’uusaa amanuudhaan kanaan booda siyyaasaaf nama hidhuu akka hinqabne waadaa sirni EPRDF galeen; itti dabalataanis “yeroo fudhannee wal gamagamnee qaama badii uume seeraaf laanna yeroo nuu laadhaa” uummataan jechuun akka uummatni isaan dhaggeeffatu gochaa turuun nii yaadatama.
Jijjiirama afaaniin haasa’amaa jiru kana keessatti qooda olaanaa kan qabu Qeerroo Bilisummaa Oromoos daandiin Dimokiraasii fi mirgoota namoomaa biyyattii keessatti haalaan jabaatee lafa qabachuu akka qabuuf qabsoo isaa jabeessee itti cichee kan jiru haalotni jijjiiraman yoo jiraatan jechuun abdii guutuudhaan jijjiirama siyyaasaa qaama aangoo fudhate irraa eegaa ture. Abdiin sun dhugoomuu hanqatus.
Sun hafee sirnichi akkuma barateef amaleeffate Oromummaa mataa rukutee ajjeesuuf ajandeeffatee hojiitti seenuu yoo arginu nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo hedduu gaddine. Sochiiwwan hidhaaf dararaan bifa addaan uummata keenya Oromoo Walloo irratti adeemaa jiru sochii Oromummaa balleessuuf taasifamaa jiru ta’uu nu hubachiise. Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti qaamootni hidhamaa jiran hedduun kanneen sadarkaa bulchiinsaatti mootummaa EPRDF’n ramadamanii hojjetaa jiranidha.
Aggaammiin Oromoo Kaaba Oromiyaa Walloo irratti taasifamaa jiruun; Oromoo waan ta’an qofaaf hidhamuu isaanii nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo cimsinee hubanna. Haaluma kanaan namootni hanga ammaa Oromummaa qofaaf Kaaba Oromiyaa Walloo hidhamanii jiran.
Aanaa Jiillee Dhummuugaa irraa
1. Abdusalaam Hasaan Ali Itti gaafatamaa Nageenyaa fi Itti Aanaa Bulchaa Jillee
2. Ali Yimeer Inspeekter poolisii
3. Mohammad Ammee
4. Abdusalaam Husseen Hajii
5. Umar Abduu Umar
6. Hasaan Mohaammad Darasoo
7. Umar Adame Aliyyii
8. Usumaan Hasaan Bayaan
9. Bushuraa Mammud Baaqalaa
10. Mohammad Abdusalaam Sawwali
Aanaa Caffaa
1. Abdusalaam Ibrahim Bulchaa Aanaa Caffaa
2. Maammee Aliyyii M/d I/G /Nageenyaa
3. Ibrahim Aliyyii I/I /Nageenyaa
4. Fayyera Oljiraa Hojjetaa Fayinaasi
5. Kifoo (Guddataa) Hojjetaa Galiiwaani
6. Husseen Ali Affaree Bulchaa Gandaa
7. Adam Abduu
8. Abdusalaam Mohammed Milishaa gandaa
9. Umar Kabiir ( Kaliil)
10. Adurroo Abduu
11. Muhee Adam
12. Yaayyoo Abdusalaam
13. Hasaan Jibriil Manaajera Gandaa
14. Adam Husseen Mohaammad
15. Husseen Mohaammad Inspeekter poolisii
16. Xilaahuun poolisii Mana Marii
17. Maammud Muhee (sarboo) milishaa gandaa
18. Mohaammad Usumaan
19. Mohaammad Husseen Mohaammad milishaa gandaa
20. Hasuu Abdusalaam Badruu
21. Aliyyii Ibree
22. Abdusalaam Yimaam Sayid
23. Mohaammad Sayid Muhee
24. Muhee Sayid Fulee
25. Hasaan Umar
26. Sayid Ibirahim
27. Goonfee Husseen Hasaan
28. Nuuruu Ahamii
29. Mohaammad Dawwee
Kamisee irraa
1. Alii Mootummaa Kantiibaa Magaalaa Kamisee
2. Sayid Hasaan ( Mandelaa)
3. Mohammad Kaliil
4. Abbaas
5. Ibrahim Alii
6. Meles
7. Husseen Sayid
8. Umar Hasaan
9. Adam Amiinu
10. Abduu Ahamed kan jedhaman hidhamanii jiru.
Sochiin hidhaa uummata Oromoo Walloo irratti adeemaa jiru kan Uummata Oromoo bakkichaa balleessuuf qiyyaafate ta’uutti amanna. Gocha fokkisaa Oromummaa balleessuuf taasifamaa jiru akeeka mootummaan itti jiru kun Oromiyaa bakka maratti adeemuuf aggaammii akka qabus kanarraa ka’uun hubanna.
Waan ta’eef nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti ta’e jedhamee duula Oromoo fi Oromummaa irratti godhamaa jiru dura nii dhaabbanna. Qabsoon keenya ciminaan qabsoo Bilisummaa Oromoo, uummata keenya Oromoo jiraachisuuf, Oromiyaa jiraachisuuf xiyyeeffannoo kan kennu ta’uus uummata keenya Oromoo fi diina uummatichaa maraaf ibsina!
Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 15,2019
Finfinnee Oromiyaa

No comments:

Post a Comment