Holqa 'Mana Waaqaa': Baaleetti holqi guddaan karra 47 qabu argame

Fulbaana 03, 2019 | BBC Afaan Oromoo Irraa

Holqa kana magaala Bidiree irraa kiiloomeetira 120 fagaatee bakka Haroo Waacaraa jedhamutti arganne jedhu ogeessi godambaa aanichaa obbo Haydar Ibraahim.

"Holqichi balbala 47 qabaatus seennee kan ilaalle balbaluma tokkooni. Saatii 3 fi daqiiqaa 20 kallattiin fuulduratti keessa deemnus dhumasaa gahuu hin dandeenye," jedhu.
Holqa kana keessattis bobbocni bifa garagaraa qabu akka jirus himu.
"Boca muka Odaa, waancaa, waan akka mucha fakkaatanitu jira. Bocni mucha fakkaatan kuni dhangala'aa halluu adda addaa qabutu irraa coba," jedhan.
Wayita holqicha daawwatanis dukkana waan ta'eef akka karaarraa hin banneef baala festaalatti guutanii karaa deemanirra buusaa deemuu himu.
Lafti holqi kuni itti argame lafa baddaa waan ta'eef horsiisee bultoonni naannoo gammoojjii jiraatan wayita gara kanatti imalan jalqaba isaantu argee eeruu nuuf kenne jedhu Obbo Haydaar.
Jiraattonni naannoo Sanaa holqichi bara durii keessa 'mana waaqaa' jedhamee akka waamamu himu.
Tiriikaan holqicha keessatti halluu diimaatti akka jijjiiramuufi ifa gahaan waan hin argamneef dheerina waliigalaa holqichaa baruun rakkisaadha jedhan.
Balballi holqichaa 47 karaa alaatiin tarree galanii mul'atan dheerina meetira 102 qabu.
Holqicha keessa simbira halkaniin ala bineensa biraa akka hin arginee fi holqichi bosonaan kan marfame waan ta'eef faanni bineensota biroo alarratti akka mul'atu himan Obbo Haydaar.
Holqa kana namoota 24 ta'uun sa'aatii sadiif daqiiqaa 20 keessa deemanii ilaaluus himu.
"Fuula duraaf ogeessa cimaa argannee waa'een holqichaa sirritti baramee akka bakka hawwata turizimii ta'u barbaanna" jechuun BBCtti himan.

No comments:

Post a Comment