Goototni Ummataa fi Biyyaaf Ulfina

Malkaa Caffeetiin

Sagaleen Baqqalaa Garbaa Fuula Yakkamtoota Sanaa Dura Dhaabbatee Gootummaadhaan dhageessise:

1) Yakkamtoota maqaa “Seeraa” tiin Yakkamaa isa fakkeessuuf carraaqaniif Bakakkaa dha.Namootni “Abbootii Seeraa” jedhamanii, fedhiidhaanis haa tahu dirqamanii, fuula Baqqalaa Garbaa fi Olbaanaa Leellisaafaa dura dhaabbachaa turan sunii fi gooftoliin isaanii sagalee rifaasisaa sana yoom illee sammuu isaanii keessaa haquu hin danda’an. Halkan abjuudhaan dhagahanii baaragaa jiraatu.


2) Ummata Oromoo fi Ummatoota Impaayerattii keessatti bilisummaa sarbamanii jiraachaa jiraniif Sagalee abdii ti. Sagalee nama onnachiisu, sagalee nervii du’e kakaasu, sagalee hafuura qabsoo nama keessatti haaromsuu fi haaraatti illee biqilchu. Bilisummaa/walabummaa yookaan du’a kan nama filachiisu. Dhaloota Qubeetiif Fakkii Gaarii Warraaqxummaa ti. Baqqalaa garbaa murtii isaatti gaabbee isa tufe deebi’ee arraaba jedhamee hin shakkamu. Dhalootni Qubeetis sagalee warraaqaa kanaa osoo dhagahuu fi Warraaqxota ilmaan Oromoo kanneen sagalee isaanii hangana illee akka hin dhageessifanneef carraa dhorkamanii ukkaamsaa mana hidhaa diinaa keessatti gidiramaa jiran osoo beekuu Falmaa Bilisummaa irraa harka maratee taa’a yaaddoon jedhu hin jiru.

3) Ayyaan-laallattummaadhaan, abdi-kutannaadhaan, dogoggoraan, ofittummaa fi daba ofii yookaan shira diinaatiin mohamaniis haa tahu haaluma fedheenuu daandii qajeelaa Ummatni keenya bilisummaa isaa gonfachuuf hordofaa jiru irraa maqanii, kanneen adeemsa yaada ummataa burjaajjessu hordofanii fi ibidda warraaqsa bilisummaa belbelaa jirutti bishaan facaasuudhaan gochaa diina gammachiisu irratti bobba’aniif ammoo gorsa, barnootaa fi dinniina cimaa dha. 

Impaayera Itoophiyaa keessa bulchiinsi haqaa, ol’aantummaan seeraa fi bilisummaan hin jiru.

Kabajaan Bilisummaaf Wareegamuu Caalu Hin Jiru !
Umriin Gootota Jiranii Haa Dheeratu !
Ekeraan Gootota Wareegamanii Haa Boqotu !

“Haqa jal’ate, Loogdummaa fi Cunqursaa Mormee Aarsaa Tahuun Koo Anaaf Kabajaa dha. ….Adaba kana naaf xiqqeessaa jedheetis warra duraanuu dharaan na yakke hin kadhadhu,” Baqqalaa Garbaa

Yaa Baqqalaa Garbaa! Nuufis sii fi namoota akka keetii kan haqaa fi bilisummaa Ummataaf dabarsanii of kennan qabaachuun Kabajaa Sabummaa ti.

Malkaa Caffee
Sadaasa 09, 2012
Gadaa.com 

No comments:

Post a Comment