Qeerroon Godina Booranaa Araara ABOn Buuse Dergeruun Gumaacha Maallaqaa Taasisan

Sadaasa 29,2012 | Qeerroo

Areeroo:--Qeerroon Godina Booranaa aanaa Areeroo keessatti argaman walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii jabaa taasisan jiran.Sadaasa 27/2012 Qeerroon aanaa kana keessaa gandoota adda addaa irraa walitti dhufuun dhimmoota QBO irratti marii baldhaa gaggeessanii akka jiran beekame.

Tarkaanfiin Araaraa ABO fudhate hamilee Qeerroo fi qabsaaota duraanii haalaan kan kaasee fi boqonnaa haaraa qabsoo bilisummaa Oromoon gaggeeffamu akka fidu beekamaa dha.Ilmaan Oromoo Addunyaa kana irra jirtan marti gumaata barbaachisaa QBOf akka gumaattan jechuun Qeerroon aanaa Areeroo dhaammatee jira. Qeerroon aanaa kanaas hojii Qabsoo Bilisummaa Oromoof kan tahu qarshii 600(dhibba jaba) tokko tokkoon isaanii qarshii shantama walitti qabatanii jiru. Gumaatni barbaachisaanii fi adda durummaan akka isaan eeggatus dhaamanii jiru.

Haala kanaan Qeerroon ibsoota ejjennoo armaa gadii lafa kaayyatanii jiran.

   1. Dirqama Oromummaan nutti kenname QBO haala kam keessattuu galmaangeessisuuf ni hojjenna

   2. Tarkaanfii Araaraa ABOn fudhate haalaan deeggarra.Gammachuunis simanna

   3. Saaminsa lafaa fi qabeenya oromiyaa mootummaa Wayyaaneengaggeeffamu ni mormina

   4. Barattoota,Qoteebultoota,daldaltoota ijaaruun gaaffii mirgaa akkakaasan ni hojjenna

   5. Sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa barsiisuun,hubachiisuungaaffii mirgaa fi bilisummaaf akka kaan jabaannee ni hojjenna

   6. Hidhaa, ajjeechaa fi biyya irraa ariiatamuu ni mormina
Qeerroo 

No comments:

Post a Comment