Sabboontotni ilmaan Oromoo Yuunivarsiitii Arbamnic Guyyaa FDG Qophiilee Garaa Garaan Yaadatan.Bakkoota Kaanittis Itti Fufee Jiraachuun Gabaafame.


Sadaasa 15/2012 | Qeerroo

Yuunivarsiitii Arbaaminc Guyyaan FDG waraqaalee dhaadannoo maxxansuunii fi raabsuun Alaabaa ABO fannisuun yaadatame. Sabboontotni barattoota yuunivarsiitii Arbaaminc Damee hundaa walitti dhufuun guyyaa kana haala addaan yaadatanii jira.Qophiin kun Wareegamtoota gootota ilmaan Oromoof yaadannoon callisaan erga taasifamee kan eegalame yoommuu tahu dungoon diimaa magariisa diimaa qabsiisuunii fi Alaabaa ABO fannisuun yaadatamee jira. Yaadannoo kana irrattis walaloo, baacoo, taphootaa fi barnoottan siyaasaa kennamanii jiran. 


Mootummaan wayyaanee wayita hundeen buqqa’aa jiruttii fi Miseensotni OPDO yuunivarsiitii Arbaaminc  mootummaa wayyaaneef kana booda ulee hin taanu wayita jedhanitti guyyaan kun yaadatamuun mariin jabaanis taasifamee jira.Qeerroon guyyaa FDG irratti walitti dhufuun gootawwan FDG keessatti wareegaman irraa dhaamsa nu gahe galmaan geessisuuf waadaa seenuun ibsawwan ejjennoo armaan gadii baasanii jiran.

  1. Gaaffii mirgaa, bilisummaa, hidhamtootni siyaasaa akka hiikaman yuunivarsiitiitti iyyannoon galchine deebii hanga argannu wareegama kamuu baafnee Qabsoo itti fufna
  2. Ilmaan Oromoo mara ijaaruun,qindeessuun mirga isaaniif akka ka’an ni hojjenna
  3. Haala kamuu keessatti irbuu keenya tikfachaa, diina nu keessaa seccinee bilisummaa keenya argachuuf halkanii fi guyyaa ni hojjenna
  4. Dirqamoota dhaaba irraa kennaman haal duree tokko malee ni baana
  5. Shira mootummaa wayyaaneef hin jilbeeffannu
  6. Qaala’insa jireenyaa uummata biyyattii mudatee fi hojii dhabdummaa akkasumas malaammaltummaa saba bicuu irratti hundaa’e ni mormina
  7. Saaminsa lafa Oromiyaa,faalama qabeenya uumamaa Oromiyaa ni mormina, Qabeenya keenya irratti abbaan mutii nu tahuu qaba
  8. Barattoota yuunivarsiitii, Manneen barnootaa gad-aanaa fi Koollejjii waliin akkasumas sabawwan cunqurfamoo waliin mootummaa abbaa irree hundeen buqqisuuf ni hojjenna
Kanneen jedhan baafachuun Guyyaa FDG ilmaan oromoo FDG irratti wareegaman galmeen bara baraan yaadata! Irbuu keenyas tikfanna jechuun qophii isaanii eebbaan eegale eebbaan xumuranii jiran.Waraqaaleen Dhaadannoo
  1. Sadaasni 9 guyyaa FDG tahee bara baraan yaadatama
  2. Mootummaan wayyaanee abbaa irree dha.
  3. Diina waloo waliin Lolla ;  jedhan Magaala Arbaaminc Koollejjiiwwanii fi Yuunivarsiitii Abaminc bakka Library tti maxxanfamanii jiran.Mootummaan wayyaanee fi basaastotni wayyaanee dhiphuu keessa seenanii jiran.
Kana malees kolleejji Kotobee fi bakkoota gara garaatti barruun warraaqsaa faca’uun ayyaanni kunis sirna ho’aan barattoota biratti kabajamee jira.

No comments:

Post a Comment