WBOn diina irratti injefannoo cululuqaa galmeessuu itti fufe

Madda Oduu ABO/MOA/Sadaasa 24,2012

Humni addaa WBO waraana diinaa makiinaan fe'amee amna irra ture haleeluun waraana diinaa irraa loltoota 62 ol hojii ala taasise. Tarkaanfi Sadaasa 15, 2012 Hararge Lixaa naannoo magaalaa Hirnaa bakka riqicha Meetoo ykn Jaarraa jedhamee beekamutti fudhatame kanaan humna diinaa irraa 25 oggaa ajjeefaman 37 ol madeeffaman. Humni addaa WBO tarkaanfii haxxeen fudhate kanaan humna diinaa gaaga'ametti dabalee makiinaa diinni ittiin sosso'aa tures barbadeessee jira.

Diinni tarkaanfii WBO kanaan rifates akkuma aadaa isaa ummata irratti hijaa bahuuf ummata naannoo Ciroo fi Doobbaa bal'inaan rakkisaa jira. Addatti ammo ummatan naannoo Biyyoo Karaabaa hidhannoo hiikkachiisuuf duula itti baneen ummataa fi diina gidduu lolli geggeeffamaa jira.

Lola ummataa fi diina gidduutti tahe kanaanis ummata keessaa Zaakir Ahmad oggaa diinaan ajjeefamu, Falmataa Sabaa fi Roobaa Galmoo kan jedhaman ammo madeeffamanii jiran. Lolaa fi hammeenya diinaa kana irraas ummata naannoo keessaa kan 150 tahan hidhannoo keenya hin hiikkannu jechuun gaara seenuu ajajni WBO naannoo hubachiise.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo 

No comments:

Post a Comment