Ibsa Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO), Ibsa Walhubannoo fi Araara Qaama Cehumsaa ABO fi Shanee Gumii ABO kan Sadaasa 20, 2012 Maxxanfamerratti

Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)n walhubannoo fii waliigaltee garee lamaan ABO jiddutti godhame gammachuudhaan simata: waliigalteen kuni qabsoo bilisummaa Oromiyaa gara fuula duraa ni tarkaanfachiisa. Akka dhaaba tokkummaa humnoota bilisummaa dhugoomsuuf hedduu carraaqee, jaarmayoota Siyaasaa Oromoo tokkomsuullee itti milkaaweetti, THBOn gareen lamaan ABO kanneen bar-kurnee tokkoo ol bakka gara-garaa turan walhubannoo kanarra gayuu isaanii baay’ee itti gammada.

Gareen ABO lamaan sadarkaa kanarra gahanii adeemsa tokkummaa kan fuul duraarratti hojjachuu jalqabuu isaaniitiif hogganni gara lachuu waan baayee hojjateef THBOn ni dinqisiifata.


Hunda caalaa, hogganni jaarmayoota lamaanii firaafii alagaafillee mamii tokkoon maletti kaayoo “bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa, kan repubilika Oromiyaa jaaruun xumuramuu” ifatti labsuu isaaniitiif THBOn daran dinqisiifata. Qabxiileen labsa isaanii keessatti ida’aman hundi isaan walitti araarsuuf barbaachisoo tahanillee, waaee kaayoo bilisummaa Oromoo akka yayyaba bal’aa ummata Oromootti akkanatti ifatti labsuun hunda caalaa calalaqa. Labsi akkanaa kuni qabsoon bilisummaa Oromiyaa bu’ura hin sossonerra ejjatee gara fuula duraa akka furguga’u godhuu danda’a. Bu’urri kuniis lafa jaarmayoonni Oromoo kanneen bilisummatti amanan hundi walitti dhihaatanii, ilaalcha ifaa tokkicha fii murannootaan hoggana gahaa tokkicha jalatti, waliin diina dura itti dhaabbatan uumuurratti akka gargaaru mamiin hin jiru. Hojii waloo kan akkasiitu ummata Oromoo kan bara dheeraa bilisummaaf dharra’e gara qabsootti qaceelchee fedhii ummataa galmaan gaha.

Ar’a garuu hordaa camaatu qabsoon bilisummaa Oromiyaa harkaa qaba. Haalli Biyyi keenya keessa jirtu fokkotaadha. Mootummaan Wayyanee yomirrahuu caalaa Oromoo gara siyaasaatiin, gara hawaasummatiifii gara diinaggeeyiin kophxoomsitee moggatti dhiibdee jirti. Deegummaan hamaan ilmaan Oromoo miidhee dararaa jira. Beelti dhukkubni fii hiyyummaan fakkii hin qabne hiree ilmaan Oromoo tahee jira. Haalli naannwa Oromiyaa rakkoo bishaan summaawee, rakkoo, dhiphina lafa qotiinsaa, rakkoo dhukkuboota namarra namatti dabraniitiin faallawee jira. Haalli kuni osoo jiruu dhaabni Oromoo kan ciminaan ka’ee humna Wayyanee sdura dhaabbatee bakkarraa gatantarsiise har’a hin mul’anne.

Haala aduu ifa guyyaa kan akkanatti mul’atu keeysatti, jaarmayoonni Oromoo gara-gara jiraatanii, humna, qabeenyaafii dandaytii qisaas godhuun irraa hin eeggamu; walitti dhufanii, humna isaanii qindeeysanii diina haleeluutu irraa eeggama. gara isaatiin THBOn jaarmayoota lamaan ABO waliin dhaabbatee humnoota bilisummaa Oromootti amanan mara bakka tokkichatti deebisuudhaaf yyaamicha godha.

Akkuma hubatamutti fuulduree tahuudhaan THBOn jaarmayoota bilisummatti amanan mara yayyaba tokkummaarratti deebisee deddeebisee marihateenii jira. Sypoosyamni THBO kan magaalaa Toorantoo, biyya Kanadaatti barana geggeeyfame tattaaffuma tana calaqqisa. THBOn barana, Sympoosiyama kanarratti jaarmayoota Oromoo kanneen bilisummaa Oromiyaatti amanan walitti fidee bal’inaana marihachiisee hamma tokko itti milkaawee ture. Mooraa bilisummaa tana gabbsuudhaafis THBOn carraaqqi wal fakkaattu itti fufa. THBOn tokkummaa jaarmayoota, murnootaafii namtokkee bilisummaa Oromiyaatti amanan, kan hunda aammataa tahe waliin jaaruurratti waliiwalii tokkoon alatti qooda irraa fudhata. THBOn jaarmayni akkasitti hunda-aammata tahe diina gatantarsiisee Oromoo diinarra aansuu dandaya jedhee amana.

Ar’a ABO-QC fii ABO-SG walhubannoo fii araarra kanarra gahuun hiree haaraya ummata Oromootiif banee jira. Dhaaboonni lamaan kuni hiree tanatti dhimma bahanii murannootaan hojjatanii, dhaabootni hafanilleen isaan waliin tokkummaadhaan akka hojjatu godhuuf akka carraaqan THBOn ni amana. Haalli akkasii dhaaba bu’urri bal’aa, dhaaba Oromoo mara walqixatti aammatu, kan firri Oromoo irraa gammadu, kani diinni irraa rifatu utubuu dandaya. Ummanni keenyaas tarkaanfii akkasii akka utubu abdiin guddaadha. Itti dabaleetiis ummanni Oromiyaa marti tarkaanfii amma dhaabootni lamaan fudhatan kanaafii kan fuuldura humnoota Oromiyaa mara aammatu jaaruurratti deeggarsa cimaadhaan akka bira dhaabbatu gaafanna.

Tokkummaan Humna

Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)
Gadaa.com 

No comments:

Post a Comment