Amajjii 1, 2013 Guyyaan WBO fi bara haaraa Oromiyaa keessatti haala ho’aan qophiilee garaa garaan kabajame!

2 Amajjii 2013 | Qeerroo

Amajjii 1, Guyyaan WBO Oromiyaa keessatti haala hoaan kabajame. Qabsoo bilisummaa oromoo gaggeeffamaa jiru irratti miseensotni maadhee fi sabboontontni walitti dhufan marii balaa gaggeessanii jiru. Ayyaanni bara haaraa fi Guyyaa WBO Amajjii 1, 2013 barattoota yyunivarsiitii fi koollejjii garaa garaan kabajamuu irraan dabalatee qotee bultootni walitti dhufuun guyyaan kun guyyaa WBO tahuu wal hubachiisuu irraan darbanii dhimma QBO irratti marii gaggeessanii jiran. Barattootni oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee Kiiloo 6, 5, fi 4 akkasumas kanneen koollejjii gaazexeessummaa fi commerce keessatti argaman, dabalataan miseensotni qeerroo yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu baratan gamtaan mana kireessuun dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuunii fi alaabaa ABO fannisuun haala hoaan ayyaaneffatanii jiran. Mooraa yuunivarsiitii keessattis sabboontotni oromoo uffata aadaa kuula alaabaa ABO fi gadaa qabu uffachuun akkasumas doormii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun qophii garaa garaan ayyeessanii jiran. Barattootni koollejjii Unity fi Kotobees haala hoaan qophii garaa garaan ayyaaneffatanii jiran. Guyyaa ayyaanaa kana irratti yaadannoon gootawwan wareegamaniif taasifamuun qophiin kan jalqabe yoommuu tahu barattootni oromoo FDG gaggeeffamaa ture galmaan geessisuuf gaheen isaanii maal akka tahe lafa kaawatanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Amajjii 1,2013 qeerroo yuunivarsiitii Adaamaa fi koollejjii rift vaalii Adaamaan ayyaaneffatamee jira. Ayyaana kana irrattis qophiiwwan walaloo fi wal hubachiisuu kan kennaman yoommuu tahu alaabaa ABO qabachuun qeerroon QBO galmaan geessisuuf waadaa haaromsatee jira. Mootummaan wayyaanee guyyaan kun ilmaan oromoo biratti addatti ilaalamuu isaa hubachuun basaastotaa fi waraana bobbaasuun naannoo kanatti sakattainsa gaggeessus shira diinaa jalaa miliquun ayyaanni kun haala hoaan ayyaaneffatamee jira.

Oduu wal qabataan Qeerroon yuunivarsiitii Hawaasaa anaa dhufuu barattoota haaraa sababeessuun Guyyaa Amajjii 1 haala ajaaibaan ayyaanessee jira. Qeerroon yuunivarsiitii Hawaasaa anaa dhufuu barattootaa irratti walleewwan warraaqsaa kanneen akka sirboota Eebbisaa Addunyaa, Ilfines Qannoo (WBO KO) jedhan faarsuun guyyaa kana addatti yaadatanii jiran. WBO yeroodhaa gara yerootti diina kuffiisaa kan jiru cinaa dhaabbachuuf irbuu haaromsuun waan barbaachisaa maraan gargaaruuf waadaa galanii jiran.

Barattootni oromoo yuunivarsiitii Jimmaa fi Haramaayaas walitti dhufuun haala hoaan ayyaaneffatanii jiran. Barattootni mooraa mara keessaa walitti dhufuun alaabaa ABO fi dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun dhimma QBO marii jabaa gaggeessuun guyyaan kun yaadatamee jira.

Barattootni oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa, Amboo, Naqqamtee, Madda walaabuu, Miizan Teeppii, Wal qixxee, Asoosaa, Mattuu, Jijjigaa fi Barattootni oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Amboo, Shaamboo, Ciroo, Shaashimannee fi barattootni koollejjii qonnaa Ziwaay haala hoaan ayyaaneffatanii jiran.
Amajjii 1, miseensota qeerroo fi sabboontota jirattoota magaala Finfinnee fi Amboo akkasumas Adaamaan haala hoaan qophiilee garaa garaa kanneen akka walaloo, Baacoo, wal barsiisuu fi muuxannoo wal jijjiiruu hammatee haala hoaan kabajamee jira. Shamarran oromoo magaala Finfinnee keessattis uffata aadaa uffachuun guyyaa kana haala hoaan yaadatanii jiran. Gumaata isaan irraa eegamu bahuufis waadaa seenanii jiran.

Injifannoo uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Qeerroo

No comments:

Post a Comment