Moraan University Finfinnee Diddaa Barattootaan Guutamte

*You Can also listen to related ESAT TV's Breaking news after Qeerroo's report  
3 Amajjii
2013 | Qeerroo

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee bara baraan biyya abbaa keenyaa irratti arrabsamuu fi salphachuun nu gahe jechuun FDG kaasan. Haala kana dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee waraana isaa gara mooraatti geessuun diddaa kana jala dhaabachaa jira.

Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti ilmaan oromoo mana hidhaatti guuruu irraan darbee barattoota mooraa yuunivarsiitii keessaa walitti buusuuf barreeffama ilmaan Oromoo abaaru maarkeraan barreessuun kana ilmaan habashootaa godha jechuun walitti buusuu yaalus ilmaan Oromoo waan kun ifaan hanga bahutti itti gaafatmummaan mootummaa wayyaaneeti jechuun diddaa itti fufanii jiran. Barreeffamni kun mooraa yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4 keessatti kan barreeffamee argame yoommuu tahu barattootni Oromoo nyaata lagachuun hiriira mormii wayita gaggeessaa jiranitti mootummaan isinii hin eeyyamamu jedhee jira. Sabboontontni barattoota oromoos mirga keenya kan bilisummaa fi dimokiraasii gaafachuuf eenyu irraa illee eeyyama hin barbaadnu jechuun diddaa itti fufanii jiran.

Mootummaan wayyaanee maqaa lafaa fi magaala Oromiyaa jijjiiruu irraan darbee shira nafxanyummaa daran jabeessaa jiru barattootni Oromoo dura dhaabbachuun waraana Wayyaanee gaaffii mirgaa dhaabuuf bobba’ee fi basaastota wayyaanee dhagaan dhorkaa jiru.

Diddaan kun kiiloo 4, 5 fi Bishooftuu keessatti kan waamichaan jalqabame yoommuu tahu ilmaan Oromoo marti Yuunivarsiitii Haramaayaa, Jijjigaa, Dirree Dawaa, Hawaasaa, Jimmaa, Amboo fi kanneen hafan marti waamicha kana dhagahuun garbummaa bara baraa of irraa buusuuf akka ka’u waamicha dabarfatanii jiran. Mootummaan wayyaanee shira kana dura dhaabbachuuf barattoota Oromoo ogummaa fakkii baratan qalama baatan maaliif qalama kana baattu jechuun ilmaan Oromoo walitti buusuuf shira xaxaa jira.
Barataa Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee school of Architect keessaa Barataa Zalaalam Margaa barataa waggaa 4ffaa maqaa kanaan yakkuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiran. Ilmaan Oromoo marti waamicha kana dhaga’uun shira mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbatan barattootni Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee waamicha oromummaa dabarsu!
Qeerroo

_______________________________________________________________________________

_______________________________________________________________________________
*You can also hear a breaking news related to this from ESAT TV               

No comments:

Post a Comment