Diddaan Barattootaa Yuunivarsiitii Finfinneen eegale qeerroo Yuunivarsiitii Amboon itti fufe.

Amajjii 7, 2013 | Qeerroo Amboo

Diddaan barattoota Yuunivarsiitii  Finfinneetti dhalate jabaachaa dhufuun qeerroo yuunivarsiitii Amboon itti fufe. 

Mootummaan wayyaanee diddaa barattootaa dura dhaabbachuufis waraana bobbaasee barattoota oromoo reebsisus barattootni Oromoo gamtaan waraana mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachaa jira. Gaaffiin mirgaa barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee haa deebi’u, Baajatni dhimma barnootaaf bahe olola siyaasa mootummaa wayyaaneef ooluu hin qabu, Mootummaan Wayyaanee garboomfataa dha jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Amboo diddaa irtti fufee jira.

Uummatni magaala Amboos waraanni mootummaa Wayyaanee yeroo hundaa maaliif ilmaan keenya dhaana jechuun diddaa dhageessisaa jiran. Yeroo ammaa kana diddaa daran jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa filachaa kan jiru yoommuu tahu kun ammo haamilee barattootaa osoo hincabsiin gaaffiin mirgaa daran jabaatee jira. 

Yuunivarsiitii Amboo keessatti waraanni mootummaa wayyaanee fi tikni mootummaa wayyaanee mooraa seenuun barattoota olii fi gadi arii’aa jiran. Barattoota Oromoos mana hidhaatti guuruu eegalanii jiran. Barattootnis diddaa nyaata lagachuu gaggeessaa jiraachuunis beekame.

No comments:

Post a Comment