FDG Barattoota Yuniversity Finfinnee Ilaalchisee Haalleen Tokko Tokko

Amajjii 7, 2013 | Qeerroo Finfinne

FDG Barattoota Yuniversitii Finfinnee Moraa  Daalattii (Kiloo4) Keessatti baatii Jalqaba 2013 irratti eegale hanga ammaa osoo hin qabanaawiin diddaan kun mooraalee kaanitti darbee akka jiru beekama. Reebichi,hidhaanii fi ajjeechaan barattoota Oromoo irra gahe Qeerroo Yuniversitiilee biyyatti keessa jiran kaan akka garaa gubee dheekkamsiise ifaa dha.

Mootummaan Wayyaanee soda kana irraa kan ka’e biyyattii keessatti tasgabbii dhabuun addatti ammo naannoo Finfinnee keessatti jeeqamee ummatas jeeqaa jira. Diddaa kana waliin wal qabatee Hidhataa fi waraanni Wayyaanee mooraa kiiloo 4,5 fi 6 akkasuma koollejjiwwan Finfinnee keessatti argamu dhuunfatuun marsanii meeshaa waraanaan barataa qalama malee hin qabne eegaa jiru.Haalli kun yeroo aduun dhihu halkan ammo caalaatti humna waraanaa fi meeshaan ammayyaan barattoota doorsisuuf mooraa Yuniversitiilee akka qubsuma waraanaatti fayyadamaa jiru. Basaasota barataa fakkaatee barsaasus doormii mara irra hiraa jiru.
  1. Daangaalee  magaalaa Finfinnee mara irratti konkolaataa dhaabsisanii kan Finfinnee keessaa bahuu fi kan Finfinneetti galu tokko tokkoon waan namni baatu korojoos haata’u kiisitti  qabeenya dhuunfaa baadhatee deemu sakatt’aa jiru.
                                                                                                    
  2. Waraqaan eenyummaa ummati baadhatee deemu kan haara’e tahuu baannaan too’annoo jala galuudhaan qoratamuu fi hiraarfamuutti argamu.Addatti ammo namni Oromoo ta’e martii fi kan afaan Oromoo dubbatu guutuutti shakkamaa ta’ee ilaalama.  
                                                                 
  3. Hanguma hiraarri ummata Oromoo irra gahaa jirus barattooti Oromoo Qeerroon waraqaa diddaa gabrummaa magaalotaa fi bakkoota ummanni heddumminaan jiran keessatti baldhinaan facaasaa fi raabsamaa kan jiru ta’uu,haalli kunis Wayyaanee caalaatti yaaddessuu irra darbee soda guddaa keessa naqee akka jiru beekama.
                                                                                                                  
  4. Oromoonni humna P. Federaalaa keessaa hojjetan gariin waan barattoota Oromoo irra gahaa jiru miidhaa gara malee ta’uu hubachuun tumsa Qeerroof qaban taasisaa jiraachuu.
                    
  5. Galmeelee caasaa mootummaa keessaa miidhaa Oromoo irra gahaa jiru baasanii caasaa Qeerroon gahuu fi adeemsa mootummichi farra nagaa fi dimokraasii ta’uu kan muldhisu dabarsanii kennuu isaaniiti.
Walumaa gala haalli kanneenii fi kkf naannoo Finifnnee keessatti deemaa jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

2 comments:

  1. Dubbiin jabaatte! Oromoo jabaatnee koloneeffata Tigiree of irraa darbatchuu/fonqolchuu qabna.

    ReplyDelete
  2. Yaa Oromoo jabaatnee warra nu bitu of irraa fonqolchuu/darbatchuu qabna, dafnee.

    ReplyDelete