Korri Gamtaa Miseensota ABO kutaalee Awurooppaa milkiin xumurame

Adoolessa 29, 2013 | ABO

Korri gamtaa miseensota ABO kutaalee Awurooppaa, Kutaa Iskandanaaviyaa, Kutaa giddu galeessa Awurooppaa fi kutaa UK waliin magaalaa Oslootti gaafa Adoolessa 28-29, 2013 gaggeeffame milkiin xumarame.

Kora kana irrattis, miseensota ShG GS ABO J/Abbaa Caalaa Lataa, J/Dr.Dagafaa Abdiisaa fi miseensota GS ABO J/Dr.Shuggux Galataa, J/Aster Gammadaa fi J/Jireenyaa Ayyaanaa kan irratti argamani yommu ta’u miseensi ShG ABO J.Abbaa Caalaa Lataa haala yeroo ammaa irratti ibsa bal’aa kennanii jiru. Ibsa kana irrattis haala dhaabni keenyi keessa jiru irratti miseensoliin ABO gaaffii fi deebii akkasumas marii jabaa gaggeeffatanii jiru.

Marii kana irrattis egeree dhaaba kenyaa jabeessuuf haalli amma keessa jirru yeroo kamuu caalaa cichoominaa fi of-kenniisa dachaa akka gaaftu beekuun jabina qabnu jabeeffataa fi laafina qabnu fooyyeffachaa hiree dhufu itti dhimma ba’uuf jabinaan akka hojjetamuu qabu miseensoliin, qondaalonnii fi Hogganni akka murannoon itti bobba’an wal hubatnoo irra gahame.

Marii bal'a erga gaggeeffatnee booda nuti miseensoliin ABO kan kora gamtaa miseensota ABO kutaalee Awurooppaa, Kutaa Iskandanaaviyaa, Kutaa giddu galeessa Awurooppaa fi kutaa UK kora kana irratti argamne ibsa ijjenoo armaan gadii baafachuun kora keenya milkiin xumurannee jirra.
  • Gaaffiin saba Oromoo akka deebi’uuf hojii dhaabi keenyi biyya keessatti hojjetu, ijaarsa jaarmiyaan dalagamu cimsinee ni deeggarra, akksumas ga`ee nurraa eegamu mara ni baana.

  • Haala walxaxaa gaanfa Afrikaa keessa jiru, haala rakkisaa fi sabatiinsa hin qabne keessatti, haala humni addunyaa ilaalcha guddaa itti kennee hordoffii cimaa keessa jiru keessatti, ABO itti fufiinsaan qabsoo saba Oromoo gaggeessuun gaaffii saba Oromoo xumura itti tolchuuf tattaafatamu ni dinqisiifanna, Tattaaffiin Qabsoo hidhannoo fi dipilomasiis haga gaaffiin Oromoo sirnaan deebi'utti jabaatee akka itti fufu qooda nurraa eegamu ba'uuf qophii ta'uu keenya mirkaneessaa, waadaa keenyas ni haaromsina.

  • Tokkummaa gurmuu qabsaa`oota Oromoo jabessuuf tattaaffii hogganni keenyi godhu ni deeggarra, akksumas fiixaan ba`iinsa tattaaffii kanaaf ga`ee keenyaa akka baanuu fi dirqama nutti kennamu raawwachuuf qophii ta'uu keenya mirkaneessina. Hoogganni keenyi akka jabinaaan irraati hojjetee mooraa ABO kan mirga hiree murteeffannaa fi bilisummaa saba Oromoo irraa waakkii hin qabne bakka tokkotti qabee qabsoo Oromoo of dura tarkaanfachiisu fi abdii fi hawwii keenya ta'e dhaamanna.

  • Fira qabsoo keenyaa hedummeessuu fi diina hiri`isuu tattaaffii tumsaa ABO raawwatu ni deeggarra, akka daran jabaatee irratti hojjetamuuf qabsoo tin'isus ni dhaammanna.

  • Humna gurmuu qabsoo uumataa fi saba Oromoo keessaa fi alaan facasuuf dalagani mara ni balaaleffaanna. Dhaaba keenyas humnoota farra qabsoo kana irraa ittisuuf dirqama nurraa eegamu mara ni baana.

  • Sanyii duguuggaa mootummaan abbaa irree wayyaanee kan Uummata Oromoo fi uummattoota biroo irratti raawwachaa jiru cimsinee ni balaaleffanna.

  • Maqaa investimentiin lafa Uummata Oromoo akka qircaatti gurgurachaa jiru ni balaaleffanna. Ummatni Oromoos qabeenya isaa akka tola gadi hin dhiisnee fi falmatu dhaammachaa tini'sa feesisu kennuuf qophii ta'uu keenya ni hubachiisna.

  • Summii maqaa investimentiin qe’ee fi lafa Oromoo hammeessan, kan naannoo Oromiyaa keessatti bal'inaan faca'aa jiru fi gaaga’ama lubbuu fi qabeenya uumamaa irraati gaggeefamaa jiru akka shaffisaan dhaabbatu akeekkachiisna, gaafatama lubbuu fi qabeenya naannoo irratti gahuufis gaafatamaan Wayyaanee fi ergamtoota ishee ta'uu hubachiisna.

  • Mootummaan wayyaanee uumattoota olla Oromoo jiran hidhachiisuun lola adda addaa raawwatan ni mormina, ni balaaleffanna. Badii lubbuu, qabeenyaa bahee fi manca'eefis gaafatamaan mootummaan Wayyaanee ta'uu addeessaa ummattootni bara dheeraa waliin jirachaa turani akka shira gatii hin qabne kan keessatti hin hirmaatne dhaammana.

  • Uummatni Oromoo biyyaa keessaa, biyya ollaa fi biyya alaa keessa jiraattaniif kan qabsoo bilisummaa saba keenyaa bakkaan ga'uu danda'u ABO waan ta'eef akka ABO cinaa hiriirtanii qabsoo saba fininsuu fi xumura itti tolchuuf akka waliin hiriirru waamicha isniif dhiyeessina.
Injifannoo Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment