ILKAAN SOCHA’E, BUQQA’UUN HIN OOLU !

Sadaasa 08, 2013 | Ayyaantuu News

Nama Mammaaksa Abbootii keenyaa qofaa dubbatu odoo hin taane, Nama Mammaaksa bara kana keessaa uumu nu haa taasisu yoon jedhe eebba hin ta’u laata? “ILKAAN SOCHA’EE, BUQQA’UUN HIN OOLU”  Mammaaksi jedhu, carraa Ilkaan socha’ee kana buqqisuuf qabnu lama ta’uu nu akeeka jedheen yaada. (hiikkaa miti) Inni tokko, dhukkubbii ilkaan socha’u uruursaa hanga buqqa’utti eeggachuu, ykn ega socha’ee buqqa’uun isaa hin ooluu maaliifan dhukkubaan rakkadha? jedhanii of irraa calaasuudha. Filannoon kun Abbaa dhukkuba Ilkaaniin hiraaraa jiru irrati hundaa’a. hiraaraa jiraachuu irra jedhee yoo murate, dhukkubbii yeroo buqqifamu sana dandamatanii of irraa buqqisu, ykn hiraara yeroo gabaabduu sana sodaatanii uruursaa jiraatanii, ofis maatiis yaaddeessaa jiraachuudha.



Wayyaaneen Ilkaan socha’ee jiru kanaan adda hin jirtu. Sirni keessi isaa akka malee miidhamee jiru kun, bara 2005 kaasee jireenyi itti jiru, carraa nuuti laanneefiin jiraachaa jiraachuu eenyullee haaluu hin dadna’u.(deeggarsii humnoota alaa akka jirutti ta’ee) kana dhugeessuuf, sochii deebisee of dhaabuuf bara 2000 kaasee taasisaa jiru ilaaluun ga’aadha. Keessattu haalli har’a itti jiru, sadarkaa dhokfachuu hin dandeenye irra ga’ee jiraachuu argina. Sadarkaa keessi keenya tortoree, hundumtuu hattuu ta’ee saamicha irratti bobba’ee jiraa, waraana keessatti hattummaa fi loogiin sanyummaa nu hammacaa jiraa kkf jedhanii miidiyaa ofiin tu’atan irratti ifatti nutti labsaa jiran. Kana malees, Maqaa hattummaa ykn Malaammaltummaa isaan baananiin hidhaan addaa walii isaanii giddutti gaggeeffamaa jiruu fi maqaa Angoo wal dhaalsiisuu jedhuun, wal fonqolchuun sagalee dhokifatee jiru,Ilkaan buqqa’uuf qophaa’e fuula keenya dura jiraachuu nu mirkaneessa.

Waan nuuti keessa jirru irraa kaanee, wayyaanee humna jabaa taasifnee haa ilaallu malee, wayyaaneen fixateera. Keessattu qaawwaan wayyaanee keessaa har’a mul’ataa jiru kan isa dhiibuuf qophaa’eef, qaama guutuun itti seenu danda’a.murachuu miidhama yeroo gabaabduuf qophii ta’uu keenya irraa yoo yaada hirre malee, akkuma ilkaan ofiinu socha’ee sana waliin rakkachuu jibba of irraa darbachuun ni dada’ama. Wayyaaneen inumaa humna waraanaan yoo itti dhufan carraa of irraa qolachuu qabdii ta’a. garuu, Fincila Ummataa dura daqiiqaa tokko illee dhaabbachuu hin dandeessu. Qalbii Ummatootaa fi sochii Ummatootaa keessa jiru wayyaaneen rifaatu jabaa keessa jiraachuu warri galgala waliin dhugan saaxilaa jiran. Kan Angoo isaanii irra, Qabeenyaa kuufatantu isaan yaaddeessaa jira. Kanaaf fincila Ummataa kana dura dhaabbachuuf illee yaada hiraa jiraachuu himama.

Yaadi kun, xiinxala siyaasaa akka ija xaafii heddummaachaa jirutti ida’uuf miti.haqa biyya keessatti mul’ataa jiruudha. Wayyaaneen adeemsa siyaasaa dhoksaa gola ishee keessatti mari’atu irratti maaltu akka ishee mudatu beektiif, warra gaaffii kaasuu barbaadan haala itti humna dhabsiiftu haala nama hin shakkisiifneen hojjachuun milkoofte har’a geessee jirti ta’a. Dargaggoota yk jajjaboo namaa sodaattu hidhuu, Biyyaa baasuu, ajjeesuun, Dargaggoota sodaattu Biyyaa baasuu, hidhuu, maqaa waraanaan mooraa waraanaa keessatti naquu, Yunivarsitilee ijaarsi isaan hin xumuramne fi kooleejoota lakkoofsa hin qabne banuun qalbii hatuun, isa kaan Maqaa maayikiroo xixiqqaan liqii bara bara baraa fudhaten yaadda’aa akka jiraatu taasisuun, isa kaan ammo sheerii kubbaaniyoota adda addaa keessa seenanii maallaqaaf jedhanii osoo hin jaallannee, nagaa wayyaaneef akka dhiphatan fi kkfn taasisuun jiraachaa jirti. Kun hundi garuu har’a deebi’ee kan isaan yaaddeessu ta’eera.

Hammacamuu wayyaanee kana keessaan ykn fuulleetti itti finciluun yoo itti hin fayyadamiin, hanqina keenyaan wayyaanee kufuuf hojjataa jiru lakkii hin kuftu jennee, muratuu dhabuu irraa jiraachisaa jirra. Humni kamuu addunyaa kana irratti, yeroo jabaa itti ta’u qaba. yeroo akka malee laafatus qaba. wayyaaneen garuu laafachuu fi buqqa’uuf socha’uu bara 2005 eegale, jabiina isaan odoo hin taane, laafinuma qabsoo ilmaan cunqurfamoo walii galaan jiraachaa jira. Sochiin saba kamiyyuu sadarkaa humnatti geeddaramu qaba. sadarkaa kana irra geenyee jiraachuu raga nu hin barbaachisu. Dammaqiinsa ummata keenyaan wayyaaneen rifaatu keessa jiru kaasuu qofti ga’aadha. Kana humnatti geeddarree hiraarrii yeroo gabaabduu dandamannee diina yaada hiree jiru buqqisuutti jabaachuu qabna. Ummati gibtsi maaf cichoomee gama hundaan fincilaaa jira? qabeenyaan barbadaa’aa jiru isaan yaaddeesuu dadhabeeti ? Ummati Filtsixeem maaf diina isaa tokko ciniinee du’uuf guyyu dhuma? hidhaa fi hiraarriin itti toleeti? nuuti murachuu hanqachuu keenya irraati malee, tokkomnee waan dhufe haa dhufu jennee of laachuu dhabuu irraati malee wareegamni kafallu amma Biyyoota fakkeenyaaf kaasee hin ga’u.

Ummati Oromoo fi Ilmaan cunqurfamoo hegareen isaanii carraa tokkotti deemu, BOFA GOGAA GEEDDACRACHUUF ciisee jiru odoo arganii, ega gogaa geeddaratee ajjeefna jedhanii kan eegan yoo taatee, kasaaraa waa hundaa of irratti labsaa jiraachuu keenya haa hubannu. Humni wayyaanee tajaajiluuf ijaarame hundi qalbiin isaa akka duraanii miti. Isaaniin caalaatti ofiitti harkisanii keessa wayyaanee caalaatti qaawwaa taasisuuf, humna taanee akka qophaatti ishee hanbisan taasisuu barbaachisa. Wayyaaneen gama hundaan holola heddummeessuun duuba waa hedduutu jira. Manni waa malee hin aaru. Hololli wayyaanee kaleessaa fi har’aa tokko miti. Kan har’aa kan yaaddoo fi dhiphinaati. Kan rifaatuuti. Waan keessa deemaa ol futtaafataa jiru, itti haa mul’ifnu. Fincilli Ummataa carraa wayyaanee dhumaati. Finciluu keenyaa dhaamsuuf miidhaan nu irra ga’u, murannoo Ilkaan socha’ee buqqisanii of irraa darbuu sana irraa adda hin taatu.

Yeroon kun, amma dubbannu ga’uu keenyaaf, murannoo qabaachuu keenyaaf, jabiina keenyaaf, Bilchina siyaasaa fi beektoota keenyaaf, tokkummaa keenyaaf, sabboonummaa hojiin mul’isuu keenyaaf ragaa qabatamaa itti argisifnuudha. Dirreenis Fardis dhihaateera. Humnoonni alaas maalummaa wayyaanee gilgaalanii abbaa humna ta’ee ba’u eegaa jiran. Addunyaa humnatti amantu keessaa tolaan waan eeggannu hin jiru. Dhimmi siyaasa Oromoo sadarkaa Tiyooriin Addunyaan barbaaddu Xiqqaatus baayyatus bara 1991 xumurame. Kan itti bal’ifate mirkaneeffatu abbaadha. Har’a Abbootiin keenya Goota!!! kkf jennee itti dubbannu odoo hin taane, waan Abbootiin keenya ta’an sana taanee, itti boonu qabnuudha.

GALATOOMAA !

Burqaa430@gmail.com

No comments:

Post a Comment