Waamicha Yaadanno Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Oslo, Norway (Sadaasa 09, 2013)

HDn ABO Jaal Dawud Ibsaa irratti ni argamuu!
ABOni Kutaa Iskandinevia akkuma aadaa isaatti guyyaa FDG Sadaasa 9/ 2013 Magalaa Oslo, Norway akka kabajuu Fulbaana 16/ 2013 waamicha dabarsuun isaa beekamaa dha. Ammas waamicha kana haaroomsun ilmaan Oromoo kutaa Iskandinevia fi Awurophaa bakka addaa addaatti argamtan akkasuma biyyoota Awuroophaa ala ta’an keessa jiraattan akka irratti argamtan kabajaan isin afeerra. 

Akkuma kanan dura ibsaa bahe keessatti beeksifne qophii seminaaraa fi galgaala aadaa qabna.
Seminaarri keenyas kan itti xiyyeeffatu akeeka gotooti ilmaan Oromoo qabsoo keessatti bifa addaa addaan bakka adda addaatti irratti wareegaman fiixaan baasuuf tumsa barbaachisu gochuuf oromoo irraa maaltu akka eegamu mari’achuuf gahee keenya gumaachuu taha. Mata dureen seminaaraa akka armaan gadii ti.
  1. Haala Qabsoon bilisummaa Oromoo keessa jiruu fi Oromoo irraa maaltu eegama
  2. FDG tooftaa qabsoo keessaa isa tokkoo tahee, itti milkaa’uuf haalli guutamuu qaban maali?
  3. Mannii hidhaa Waayyaanee afaan Oromoo dubbata, Oromoo hidhuun  oromoo jiilchee qabsoo bilisummaa dhiisisaa?
  4. Qooda shamarran Oromoo qabsoo hidhannoo keessatti
Qophii FDG, 2013 kana irratti HD. ABO Jaal Dawud Ibsaa qamaan irratti argamuun ibsaa haala qabsoon ABOnni geeggefamu latu.

Akkuma aadaa turettis qophii galgala aadaa guyyaa kana ni jiraata.

Artistoota: Galagala aadaa irratti bo’aarsuuf qophii irra jiran artistoota oromoo bebbeekamoon akka armaan gadii ti:-
  1. Ilfinesh Qannoo
  2. Hayiluu Kitaabaa
  3. Hawwii H. Yesuus
  4. Daangaa H. Yesuus
  5. Yohaannis Abaatee
  6. Asaantii Hajii
Bakki walgahii Galma:
Det Chilenske kulturhus.
Veitvetvn  8, Oslo
Guyyaa:
Sadasaa 09/2013.
Akkaataa bakka galmaa gahan:
Oslo Center bus 31 Grorud jedhu fudhattanii bakka Veitvet jedhutti buutu.
Baabura (Metro) lakkoobsa shan Vestli jedhu- gara bahaatti (East bound) qabatanii Veitvet buutu
Yeroo Sa’aa
11:00 akka Oslootti
Koree qindeessittu.

No comments:

Post a Comment