Aadaa dhaggeefatamuu duwwaa otoo hin taane, dhaggafachuus gabbifachuu qabna!

Mudde 25, 2013 | Anoole Wako Irraa

Aadaa dhaggeefatamuu duwwaa otoo hin taane, dhaggafachuus gabbifachuu qabna! Mooraa siyaasaa keessatti kan murni ykn namni tokko duwwaan jedhu dhaggefachuun ykn dhageessisuun harka caalu injiffannoon nama hin gau. Siyaasa keessatti ilaalcha gara garaatu jira. Ilaalchota gara garaa jiran hundi isaanii badii fi daandii yakkaati jedhanii yaaduun dogongora guddaadha. Bifa kamiinuu namni tokko ykn hawaasni ilaalcha siyaasaa fi toora siyaasaa tokkocha qabatee deema jedhanii yaaduun hubannoo dhabiinsa irraa madda. Keessumaa jaarraa amma keessa jirru kana keessa jechuun, bara odeeffannoon sekendii muraasa keessatti addunyaa wal gahaa jiru kanatti waanta tokko duwwaa dhaggeefatanii dhugoonfachuun yeroon isaa irra darbee jira. 

Aadaan siyaasaa bara 70moota keessa ture dhaggeefachuu irra dhaggeefatamuutu dursa qaba. aadaan kun amma iyyuu mooraa siyaasaa keessatti bakka olaanaa qaba. yeroo sana keesstati faashinni ture mooraan addunyaa bakka lamatti qoodamtee waanta turteef morkii tokko kan biraa mo’achuuf jecha adeemsifamaa turee dha. keessumaa naannoo biyyoota guddataa jiranii keessatti siyaasi bakka olaanaa qabatee ture, kan mooraa kominstootaan dhuunfatame ture. Aadaan koministii ammoo dhaggeefatamuu malee dhaggeefachuuf ciruma gurra hin qabu. Dhaabbileen siyaasaa oromoo bifa jaarmiyaatiin kan dhalatanis baruma torbaatamoota keessaa fi aadaadhuma dhaggeefatamuu malee dhaggeefachuun bakka hin qabne keessa ture. Yeroo sana keessatti guddinni teknologii fi odeeffannoo baayyee dadhabaa ture. Dhaabni siyaasaa tokko ykn qondaalli dhaaba siyaasaa tokkoo yeroo sanatti, waanti inni dubbate hundi akka dhugaatti fudhatama. Sabbiin isaa carraan kallattii biraatiin dhugoonfatan hin turre waan ta’eef. Aadaan dhaggeefatamuu malee dhaggeefachuu diduu kun boroota sana keessatti amma tokko bu’aa buusee jira. gaariis ta’ee badaa yeroo sanatti filannoo fi sadarkkaan guddina siyaasaa ture dhaaba siyaasaa ykn qondaala dhaaba tokkoo dhaggeeffachuun ala falli hin turre. kun aadaa boraata sana keessa turee dha. 

Aadaan bara 70moota keessa ture diina irratti “injifannoo akkana fakkaatu galmeessine” yoo jedhame, battala sanatti fudhachuun ala qulqulleeffachuun hin jiru. Qondaalli dhaaba siyaasaa tokko, dhaaba siyaasaa ilaalchaan gara garummaa qaban garuu kan diina waloon falman balleessuu qabna jennaan itti duuluun ala filannoon biraa hin turre. aadaan kun badii guddaa dhalchee jira. lammiin akka lammii irratti duulu aala mijeessee jira. 

Aadaan dhaggeffatamuu malee dhaggeeffachuu diduu kun gaga’amaa fi badii guddaa dhalchee jira. keessumaa mooraa qabsoo oromoo keessatti tasgabbiin akka hin jiraanne taasisee jira. Waltajjiin amma keessa jirru kun aadaa bara torbaatamoota keessa tureen yeroo walbira qabnee ilaallu, hundeen jijjirama qaba. amma dhaabni siyaasaa tokko ykn qondaalli dhaaba tokkoo aadaa dhaggeefatamuu malee dhaggeeffachuu diduudhaan waa hojachuu barbaadu, guyyaa tokkoof illee gara fuulduraatti socho’uu hin danda’u. yeroon isaa yeroo dhugaa itti dubbatanii fi dhugaa jiru of amansiisanii fudhatanii dha. ololaaf jecha kan gochaan hin muldhanne diina irratti injifannoo akkanaa galmeesseen jira jedhanii labsachuun, abbaa olola sanaa garmalee miidha. 

Akkuma kanaa olitti tuqame, maaltu ta’ee jira jechuun yeroo ammaa qondaala dhaaba siyaasaa tokko gaafachuun dirqama miti. Namuu daqiiqaa keessatti dhugoonfachuu ni danda’a. kanaaf guddina siyaasaa addunyaa wajjin tarkaanfachuu fi haala waltajjiin yeroo gaafatu wajjin of guddisuun dirqama ta’a. akka kaleessaa dhaggeefatamuu malee dhaggeeffachuuf qophii ta’uu dhabuun yeroo gara yerootti jeequmsa siyaasaa fi tasgabbii dhabuu dhalcha. Aadaan dhaggeffatamuu malee dhaggeeffachuu diduu torbaatamoota keessa ture yeroo ammaa kanas mooraa qabsoo oromoo akkuma jeeqetti jira. aadaan ykn faashinni ilaalcha kominstii irraa madde, dhaaba siyaasaa ykn ilaalcha ofii itti amananiin ala jiru, mooraa diinaatti ramada. Diina dhiisee falmii lammii wajjin taasisa. Of malee namni biraa yeroo hunda daandii dogongoraa irra akka jirutti of amansiisu. Kana irraa ka’anii dabballee isaanis, bifa kanaan akka olola maqa balleessii fi walirratti gaggeessan aala mijeessu. Kun aadaa siyaasaa dubaatti afaadha. Haala amma keessa jirru kanatti namuu toora siyaasaa barbaadetti amanuu mirga qaba. tarii toorri hawaasni ykn dhaabbileen siyaasaa tokko itti amanan, kan biraa irraa adda ta’uu mala. Kun dirqama kan jiraachuu qabu ta’uu isaa of amansiisuun beekumsa. Ummati oromoo qabsoo kan gaggeessaa jiru, dhaaba siyaasaa fi ilaalcha siyaasaa tokko duwwaa jalatti ta’uu qaba jedhanii yaaduun Jalqabumaa daandii kufaatii qabachuu muldhisa. Aadaan kun ammas gara jeequmsaa fi kufaatitti qabsoo oromoo oofaa jira. Aadaa dhaggeefatamuu malee dhaggeefachuu diduu keessaa, gara siyaasa ammayyaatti of guddisuun beekumsa. Wayyaanee fi ilaalcha wayyaanee kan qaban diina oromoo ta’uu isaanii dhaaba siyaasaa tokkichatu beeka ykn oromootti hima jedhanii yaaduun mataa isaatiin dongora guddaa dha. jalannus jibbinus qabsoo oromoo kana galmaan ga’uuf kallattii gara garaa ordofuun dirqama. Dhaabbileen siyaasaa oromoo kallattii qabsoo gara garaa qaban jiraachuun isaanii guddina siyaasaa jennee fudhachuu qabna. Maqaa gara garaa fi muldhata ykn galii gara garaa kan qaban dhaabbileen siyaasaa oromoo, yeroo kamuu waliif diina miti. Sammuun akkanatti yaadu aadaa dhaggeefatamuu malee dhaggeefachuuf qophii hin taane irraa madda. Akka yeroo ammaa ololaaf jecha waanta hin jirre uumanii dhaaba siyaasaa tokko yakkuuf yaalan eessanuu akka nama hin geenyee fi deebi’ee dhaaba siyaasaa dhimma akkana madda ololaa taasifate kufaatii irraa isa hin oolchu. 

Aadaan dhaggeefatamuu fi dhaggeeffachuu mooraa oromoo keessatti dagaaguu qaba. garaa garummaa dhaabbilee siyaasaa oromoo gidduu jiru beekanii waliif kabajuun gaaffii waltajjii yeroo ti. Yoo danda’ame dhimma waloo irratti waltumsuun ala, diina dhiisanii dhaabbilee siyaasaa oromoo mooraa diinaatti ramaduun bilchina siyaasaa dhabuu muldhisa. Fakkeenyaaf mana Paltalk tokko keessatti yeroo dhihoo kana qondaalli dhaaba siyaasaa tokko akkana jedhe “Dhaabbileen siyaasaa ykn namni Walabummaa Oromiyaatti hin amanne hundi isaa diina waanta’eef itti duuluu qabna” jedhe. Dhaadannoon kun ija siyaasaan yoo ilaalame ammas daandii kufaatii malee daandii gara fuunduraatti tarkaanfachuu kan hin qabanne ta’uu isaa muldhisa. Ilaalcha siyaasaan garaa garummaa qabaachuun bifa kamiinuu mooraa diinaatti nama hin ramadu. Rakkoon kun maal jechaa akka jirru, waltajjii maalii keessa akka jirru, eessa gahuuf akka deemnu, eenyu wajjin akka tarkaanfannuu fi kkf beekumsa dhabuu irraa madde. Aadaan kun ammoo dhaggeefatamuu malee dhaggeeffachuuf gurra cufachuu irraa dhufa. Kanaaf kun qabsoo keenya taakkuu tokko illee achu hin butu. 

Aadaan dhaggeefatamuu malee dhaggeefachuuf qaphii ta’uu dhabuu, sababa irraa maddu qaba. sababni inni guddaan ofitti amantaa dhabuuirraa kan ka’uu dha. namni ykn dhaabni siyaasaa ofitti amantaa hin qabne tokko yeroo hunda abjuu birdhu ykn rifachuu keessa jiraata. Yeroo hunda fuundurri, duubbeen, bitaa fi mirgi isaa hunduu hayyallaa ta’ee itti muldhata. Kanaaf jecha nama hunda ija shakkii fi sodaatiin ilaala. Kana irraa ka’uudhaan firuma isaa mooraa diinaatti ramada. Diina dhiisee fira irratti duula. 

Dhaabni siyaasaa ofirratti amantaa qabu tokko dhaabbilee siyaasaa ijjannoo addaa qaban bifa kaminuu hin diineffatu. Sirumaa dhimma waloodhaan irratti hojachuu qaban irratti mala barbaada. Aadaan kun mooraa oromoo keessatti gabbachuu qaba. ilaalchi ana malee kan biraa oromoof hin yaadu ykn muldhati ilaalcha siyaasaa tokkoon adda ta’e mooraa qabsoo oromoo keessa jiraachuu hin qabu, jennee yoo yaanne diina ofitti baayyisuun ala fayidaa tokko hin qabu. Kanaaf barruu kiyya goolabuuf aadaa dhaggeefatamuu fi dhaggeefachuu mooraa oromoo keessatti gabbisuun injifannoon akka nu gahu hubachuun barbaachisaa akka ta’e beekuun murteessaa dha. waltajjiin amma keessa jirru yeroo olola dharaan wal yakkanii ykn injifannoo lafa irra hin jirre odeessanii nama raatessan keessa hin jirru. Yeroo odeeffannoo namni dhuunfaan yeroo gabaabduu keessatti maalummaa fi eenyummaa dhaaba siyaasaa tokko dhugoonfatuu dha. dharaa fi sobaan ololli irratti of utuban gaafa guyyaa lamataa bakka hin jiru. 

Aadaan torbaatamoota keessa ture yeroo sanaaf tarii hojachuu danda’e ta’a. waltajjiin ammaa garuu aadaa mataa isaa qaba. innis dhara dhiisanii haqa qaban yeroo nama hundaaf himanii dha. aadaa dhaggeefachuu yeroo itti guddfifatanii dha. 

Galatoomaa!!!

No comments:

Post a Comment