Dargaggoonni A/Kuyyuu Sirna Mootummaa Wayyaanee Balaaleffachuun Diddaa Dhageessisan

Muddee 05, 2013

Gabaasaa Qeerroo Shawwa Kaabaa magaalaa Kuyyuu irraa ibsuun Muddee 2/2013 barattootni sadarkaa 1ffaa fi 2ffa magaalaa Kuyyuu walitti dhufannii mootummaa wayyaanee sirnaa fi gocha isaa balaaleffachuu irratti dhaadannoo dhageessisaa turaniiru. Akka madda gabaasichaatti dhuma mana barumsaa isaanii galgala keessaa saa 4:30 irratti (10:30 local time) daandii irra osoo gara manaatti galanii barataan hunduu daandii tokko irratti hiriiruun sagalee balaa fi jabaadhaan akkana jechuun uummata dhageessisaa turaniiru.

Gumaa dhangalauu dhiiga ilmaan oromoo waltoomaan haa baasnu!!
Bilisummaaf wareegama haa gumaachinu!!
Nuti oromoodha habashaa miti!!!
We Are Oromo Fist!!….
Garboomuf hin dhalanne kan nu garboomsuuf dhamau nurraa haakau!!!
Umuriin abbaa hirree haa gabaabbatu!!
Jechuu fi sochii garagaraa kan qondaalota wayyaanee magaalaa sanii yaaddeessu daandii irratti agarsiisuudhaan kakaumsa guddaa uummata keessatti uumanii jiru. Kanaan wal qabatee barattoota hanga kana qoratanii akka kaayyoo isaaniitti yakkaan qabuun isaaniif hin dandaamne waan tahef Qeerroon Adda Bilisummaa Oromoo kutaa magaalaa kana keessa seenee jira ykn barsiisotuma isaan barsiisantu shakkama jedhanii dhoksaadhaan barsiisotas qorachuuf itti deemaa akka jiranii fi akka walii galaatti aanaa kana keessa nama fuula haaraa yeroodhaaf sakattaaa,qoradhaa wal hordofaa kan jedhu ajaja akka baasani jiran maddi gabaasichaa addeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

No comments:

Post a Comment