SODAATAAN GARBOOMAA DHA

Muddee 06, 2013 | Itana Guteta irraa*

Itana Guteta
Ilmii namaa kamiyyuu Adduunyaa kanarraa jiraachuuf carraan kan isa qaqqabee hundii jireenyasaa guyya gayyaa geggeeffachuuf, oolee buluuf, akkasumaas kanneen biroo ilma namaaf barbaachiisan hundaa yeroo geeggeffatu kessaatti dursa kan isa barbaachiisuu bilisummaa dha. Garbomaanii jiraachuun fedhi ofiin utuu hin ta’iin tooftaa fi mala garboonfatan fayyadamuun yoo dirqaame qofa. Sabni garbomee kamiyyuu bilisummaa barbaachaf yoo socho’ee yookan fiincilee, garboonfataa fi isa garboomee gidduu garagarummaan jiruu guddaa waan ta’eef salphaatti bilisoomuun heedduu daadhabsiisaa akka ta’ee eenuyu jalaayyuu kan dhokaatu miti. hatayyuu malee garbuummaa filannoo isa dhumaa godhatee jiraachuuf namni kamiyyuu sammuun isaa amansiisee itti boqoochuun kessummeesse jiraachuu kan fedhuu tokkollee akka hin jirree beekamaa dha.

Garbuummaa ani keessuummattu caqasee ilaaluu barbaaduu kan ilmaan OROMOO irra ga’a jiruu yommuu ta’uu waggoota heedduu kana hundaa akka kessummeesinee jiraannu kan nu godhe maal laata? gara boodaati ergaa ani barreeffama kana kessaatti ibsuu yaaleen hanga tokko deebii ni argaattu jedheen amana.
Sabni Oromoo Waaqnii Uumaamaan kan baadhaasee qabeenya hedduu,dachee bal’oo,aadaa boonsaa fi, sirna ittin buluu kkf mara lakkofsaan uummata milii’oona (kitila) 40 ol dabalatee ni qaba. Garbummaan jiraachuuniis akka furmaata hin taanee hubaatee erga qabsoo eegalee waggoonni heedduun darbaaniiruu.
Sochiiwwaan godhamaa turaniif yeroo amma taasiifamaa jiran keessaatti dagatamuu kan hin qabnee injifannoowwan heedduun galma’aaniiruu. Karaa abbootiin keenya baasanii irra deemaan asiin ga’aan kun sochii keenyaa amma itti jirruufiis ta’ee kan itti fuufnuu kessaatti hamilee keenya kan jabeessu malee danqaaraa fi sabaabaa addaa addaa nutti ta’ee qabsoo keenya kan laaffisuu akka hin taanee xiinxaallee ilaaluun barbaachiisaa dha.
Sochiwwaan biyya keessaatti Qerroo Oromoon godhamaa jiranis galmee injifannoo qabnuu keessaa isaa guddaa dha. keessummattuu barattootaa Oromoo University addaa addaa keessaatti fiinciila diiddaa garbummaa wagga waggaatti geeggeffamuniis ta’ee yeroo garaagaraa mormii mootummaa wayyane irratti barattonni kaasani ilmaan Oromoo maraa kan boonsuu dha. Gochaan diinaa hamilee isaanii cabsee, booddessaaii akka deebi’aan isaan hin goonee, Lubbuun barattoota Oromoo heedduu wareegameera, sabaaba tokko malee mooraa Unversity irraa hari’amaaniiru, qabxii gadii aanaa kennufiin hamilee barattota keenya cabsaa jiru,haatayyuu malee, Garbummaan hamtuu akka taatee haalan waan hubaataniif waggaa waggaan utuu gargar hin kutiin ni fincilu,ni mormu.
Ilmaan Oromoo kanneen yeroo ammaa kana mana hidhaa kessaatti dararaamaa, reebamaa, dhiitamaa, kolaafamaa, samuunsaan adoochifamaa jiraan badii addaa qabatanii utuu hin ta’iin garbummaa keessummeessanii jiraachuun waan ulfaataa itti ta’eef akka ta’ee ni beekna. Motummaan Wayyaanee seerrii fi Herrii inni baafaatee jiruu adduunyaa irraa iyyuu darbee Oromoo gowoomsaa jira. Seerrii fi heerii farra shororkeessummaa motummaan Wayyaanee baafatee jiruu kun irraa guddaa kan irraatti xiyyeeffatee jiruu; dararuuf, ajjeesuuf, kolaasuuf, Ilmaan Oromoo hudairraatti akka ta’ee odeesii gargaraa ba’uu irraa akka argataan abdiin qaba.
Kaneen ani armaan oliitti caqasuu yaalee hundii jiijjiramni addaa tokko yoo uumaamuu dha baatee Oromoon itti du’aa fi midhamaa kan nugarbonfaatee jiruu moo haala suukkanneessaa ta’ee nu acuucaa itti fufuun isaa waan walnugaafaachiisu miti. Roorroo nurra ga’ee kana,wareeraa, birraachaa, sodaadhaan olaa bulaa jiraachuun kan hafuu aarsaa barbaachiisaa ta’ee yoo baasane qofa malee bilisummaan waan siree ofi irraa ciisaan eegaatan akka hin taanee gaarii gootanii beektu.
Biliisummaa kan hin baarbaannee erga hin jirree; Bilisummaan immoo salphaatti kan argamuu miti erga jennee furmaatni nuut qabnuu hundumtuu dhuunfaa keenyatti ani akka Oromoo tokkootti maal godheera? maal gochan jiraas? jennee ofii keenya haa gaafannu.
Sochii qabsoo keenya ittin geeggesinuu karaa tokko yookiis lamaan qofa miti. Namni kamiyyuu waan danda’uun yoo hiriiree qabsoo keenya isa boodaatti nu jaalaa harkifatee jiruu salphaatti fiiniisuu akka dandeenyu shakki hin qabu. kessummatuu lammiwwaan Oromoo biyya hambaa keessa jiraachaa jirtan hundi daraarama fi gochaa wayyaneen isiinirran ga’uuf turee baraaramtanii yeroo amma kana jireenya ofii keessaanii geeggeeffachaa kan jiratan, qabsowwaan gurguddoo isiin gochuu dandeessaan kan akka: Odeessii addaa addaa dabarsuu,qabeenya keessaanirraa gumaachuu,aadaa Oromoo bakka jirtaaniit guddisuu, Seenaa oromoo warraa hin beekneetti beeksiisuu kkf yoo gootaan adeemsaa qabsoo keessaatti shoorri isiin xabaachaa jirtaan salphaa akka hin ta’iin beekuun baarbaachiisaa dha. Yoo kana gochaa hin jirru ta’e garuu waan hin kenniin tokko akkamitti fudhaachuu dandeenya jeennee yoo of gaafaannee gaarii dha.
Bakka hojii fi maatii isaaniirra fudhamanii mana hidhaatti kan darbatamanii,sabaaba bal’aa kanaaniis ijolleen isaanii iyyummaa, beelaa akkasumaas carraa barnoota dhabuun kan saxilamaan hunduu aarsaa isaan kafaala jiran kun badii addaa qabatanii miti. Itti midhaman malee waanuma tokkoyyuu argachuun akka hin danda’amnee waan beekaniif jechaa dararamaa, kolaafamaa, sammuun isaanii adoochiifamaa, reebaamaa jiruu.
“Hoolaa waa lama jallattuu gabaa hin baasiina” akkuma jedhamuu Bilisummaa hawwaa garuu callisinee akkasumaatti utuu itti hin midhaamiin kan eegnuu yoo taanee, kana jechuun” lafa loon hin ooliin diikee barbachaa” nutti ta’a. Uummanni egeeree gaarii qabuu yoomiyyuu hamilee hin dhabu waan ta’eef roorroo diina irraa nutti dhuftee kana ofiirra loluu fi falmacuun qoodiisaa keenya malee kan eenyuyyu miti.
Kan nuti sodaannuus kan nuuf hin oollees du’a waan ta’eef, Kottaa!! yaa ilmaan Oromoo Jaabaannee waan dandeenyuun waaliin taanee haa qabsoofnuu!
Oromiyaan ni Bilisomtii!!!
Galatoomaa!!!
================================
*Itana Guteta:- itanaguteta@gmail.com

No comments:

Post a Comment