FDG Yuuniversitii Gonder Keessa itti Ka’een Wal Qabatee Barattooti 17 Arhiaman

Muddee 07, 2013 | Gabaasa Qeerroo Blilisummaa

Baatii Sadaasaa 2013 keessa Yuuniversitii Goonder keessatti barattooti Oromoo gaaffii mirgaa kaasuun ni yaadatama. Rakkoo fi gidiraa uummata Oromoo akkasumas hidhaa fi ariisaan barattoota Oromoo irra gahamaa jiru haa dhaabbatu jechuun gaaffii mirgaa barattooti Oromoo kaasaniif deebiin mootummaa Wayyaanee irraa kenname ajjeechaa fi dhihdaa ture, sababaa diddaa barattooti kaasaniif jecha barataa Oromoo tokko ajjeessuun toorba ammo hidhaa hin beekamnetti ergamanii jiru.

Haalli kun jabbaachaa deemuu irraan walitti bu’iinsi barattoota Oromoo fi kanneen mootummaa Wayyaaneen kaadhimamanii hojjetan jidduus jiraataa ture. Ammoo gaaffii mirgaa ilmaan Oromoo kaasaniif deebiin itti aanu kenname barattoota mooraa fi barnoota isaanii irraa arhiyuun gaaffii mirgaa ukkaamsuuf yaalee jira.
Ammatti Muddee 5, 2013 barattooti Yuuniversiticha irraa arihaman gabaasaan Qeerroo akka armaa gadiiti addeessa.
  1. Barattoota 8 dismal barnoota irraa ariyanii jiru;
  2. Barattoota 9 waggaa lamaaf adaba itti kennanii mooraadhaa bahanii jiru;
  3. Barattoota 19 ammoo meeshaa caccabeef horii akka baasan mallatteessisifamanii hanga horin isaa bakka buusanitti barumsatti akka hin deebine tahee jira.
  4. Barattoota 150 ammoo akeekkachiisa itti kennuudhaan mallatteessisanii mooraatti deebisanii jiru walumaa gala galmee kanneen arihamanii akka armaa gadiitti dhiheessina.

Gadaa.com
Barattoota Waggaa Lama (2) Barnoota Irraa Ariyaman
Gadaa.com
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

No comments:

Post a Comment