Gareen cichitootaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay Biyyaatti deebi'u ODF morman.

[Oromedia, 10 Guraandhala 2014] Gareen cichitootaa dhaaba Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay akka ODF gara biyyaatti hin deebine mormaa jiraachuun dhagayame.
Maddeen keenya maqaan isaanii akka hin ibsamne fedhan akka nuuf himanitti, waa’een biyyatti deebi’uu hogganoota ABO durii, kan amma ODF ijaarratanii kanrratti mormii kan qaban garee Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay qofaa miti.
Dhaabbata Dimokiraasii Ummata Oromoo keessaas hedduun hogganootaa fi qondaaltotaa biyyatti deebi’uu Ob Leencoo Lataa fa’aa akka hin barbaanne ifaan dubbataa jiru.

Haata’uutii, akka maddeen keenya eeranitti, garee TPLF keessaa kan akka Dabratsiyoon immoo deebi’uun jaraa dhiibbaa biyya keessatti uumu caalaa, faayidaa diplomaasii warra dhiyaa waliin jiruuf faayida akka qabutii fudhachuun garee mormituu waliin muggutaa jiran.
Gareen morman akka sababaatti kan kaasan gareen OLF irraa deebi’ee biyyatti galu kan fedhan karaan isaan deeman ta’uufii didnaan karaa nagaatiin galanii jeequmsa jeequmsa kaasuuf imaammatan jechuun dura dhaabbachaa jira.
Warri deeggaran immoo akkuma yeroo chaartaraa san dhiibbaa warra dhiyaa jalaa bahuu fi dallansuu ummataa yeroof tasgabbeessuuf dhimma itti bahuuf akka yaalaa jiran odeessa nu dhaqqabe ni hubachiisa.
Miseensi OPDO tokko akka nuuf ibsetti, dhimmi Leencoon dhaaba ODF ijaarratee biyya galuu kun yeroo hedduuf maryachiisaa fi falmisiisaa ture.
“Amma illee miseesnoti OPDO fi TPLF harki caalan dura dhaabbachaa jiru,” kan nuun jedhe qondaalli OPDO kun, “garuu warra aangoo of -harkaa qaban (hogganoota Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay) keessaa kana kka Debretisoon fa’aa, dhimma Leencoo kana tarsiimoo dipolomaasii warra dhiyaa waliin qaban ittiin laaffifachuuf waan yaalaa jiran fakkaatu,” jedhe.

No comments:

Post a Comment