Duuti Dargaggoo Nimoonaa (Firoomsaa) Xilaahuun Itti Fufiinsa Karooraa Wayyaanee Ajjeechaa Ilmaan Oromoo Qaroo Irratti Baafamee ti

Waxabajjii 09, 2014 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Yakki ajjeechaa gara jabeenyaa mootummaa wayyaaneetiin ilmaan Oromoo irra gahaa jiru adeemsa duguugiinsa sanyii bara dheeraaf mootummoonni gita bittoota Habashaa ilmaan Oromoo Qaroo tahan dachee irraa dhabamsiisuuf akeekkatanii hojjetaa jiranii ti. Keessumaa ammoo dargaggoota qaroo, hegeree biyyaa ta'an mana hidhaa keessatti qaamaa qalbiin dararuun du'a suukkanneessaan lubbuun akka baatu gochuun waan aadefatame ta'aa dhufeera.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee erga aangoo siyaasaa humnaan qabatee gannoota digdamii sadii
darban keessatti ilmaan Oromoo haala suukkanneessaa akkanaa jalatti ajjeefamanis lakkoofsaan baay'ee dha. Duuti dargaggoo Nimoonaa Xilaahuunis itti fufinsa ajjeechaa tooftaa kanaa keessaa tokko dha.
Nimoonaan dargaggeessa umurii waggaa 28 bakka yaade osoo hin dhaqqabiin fiigicha irra osoo jiruu
badii tokko malee Oromoo ta'ee dhalachuu isaaf qofa yakkamee wayyaaneedhaan kichuutti karaatti akka
hafu taasfame.

Nimoonaan abbaa isaa Obbo Xilahuun Imaanaa fi haadha isaa Aadde Laaqechi Indaalammaa Mul'ataa
irraa godina Baha Wallaggaa magaalaa Arjootti dhalate. Barnoota isaa kutaa tokkoo eegalee hanga kudha
lamaatti achuma magaalaa Arjootti baratee xumuruun barnoota sadarkaa olaanaatti fufuuf bara 2004
Unvarsiitii Finfinnee seene. Baruma kana diddaa barattoota Oromoo dhimma Finfinnee waliin walqabatee ka'een murtii jal'aa mootummaa wayyaaneen barattoota Oromoo 400 ol ta'an irratti dabreen, Nimoonaa Xilahuun waggaa tokkoof barnoota irraa arihatame. Waggaa tokkoon boodas gara barnootaatti deebi'uun barnoota isaa digirii jalqabaa 'Banking and Insurance' xumuruun bara 2007 eebbifame. Dalagaa irratti bobba'es hanga gaafa harka mootummaa wayyaaneetti kufuutti barsiisaa ta'ee magaala Shanootti ummata isaa tajaajilaa ture. Dalagaa isaa irra osoo jiruus sabboonummaa Oromummaa fi Oromoo ta’ee dhalachuu isaatiin qofa yakkamaa ta’e bara 2008 Tika Mootummaa wayyaaneen ukkaamfame.

Tooftaa bututaa ummata Oromoo miseensummaa ABOn walqabsiisanii yakkuun ilmaan qaroo sabaa karaa irraa maqsuuf wayyaaneen baafate keessatti kan kufe dargaggoo Nimoonaa Xilahuun, dararaa suukkanneessaa dhala namaaf hin malletu isa irra gahaa ture. Waggoota jaha darban keessattis manneen
hidhaa Maa'ikelaawwii, Qaallittii, Qiliinxoo fi Zuwaayitti jijijjiiramaa hanga gaafa lubbuun isaa Addunyaa kanarraa du'aan boqattuutti reebichaan butuchamaa tureera. Eelaa (kuukkii) reebichaa isa irra gaheenis dhukkuba hamaaf saaxilamee waldhaansa dhorkamee beekaa akka lubbuun isaa dabartu taasfame. Madaa fi dirmammuun isaa reebicha yeroo dheeraa irraa kulkulee dhibee xannachaaf isa kennuun dhukkuba hamaaf isa saaxile. Mana yaalaatti ergamees garaa baqaqsanii madaan isaa osoo hin qooriin mana hidhaatti deebisuun akka inni jiraa-du’aa ta’u taasisan.

Addi Bilisummaa Oromoo duuti dargaggoo Nimoonaa Xilahuun du'a uumamaa dhukkubsatanii du'an akka hin taane amana. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo ukkaamsee dararaa suukkanneessaa irraan gahee yogguu lubbuun isaanii bahuuf jettu funyoo mormatti kaahuun akka ofii of ajjeesanii fakkeessuun, akkasumas dhukkubsatan jedhee fakkeessaaf mana yaalaa geessuu fi kkf tti dhimma bahee harka dhiigaan laaqqate dhiqatee keessaa bahuuf tattaaffiin godhu saba Oromoo gowwoomsuu akka hin qabnes ABOn jabeessee hubachiisa. Gochaa gara jabeenyaa akkasii mootummaan wayyaanee ummata Oromoo irratti deddeebi’ee raawwatu cimsee balaaleffata. Gocha yakka fokkisaa akkasii kanaan ummata rifachiisuun jilbeeffachiisuuf tooftaa wayyaaneen dhimma ba’uun Oromoon osoo hin jilbeeffanne, qabsoo isaa finiinsuun itti fufuu akka qabu ABOn dhaama.

Addi Bilisummaa Oromoo wareegama Dargaggoo Nimoonaa Xilahuun mudateen gaddaa fi aarii maatii isaa irra gahe bareechee hubata. Haata’uutii wareegamni ilmaan Oromoo martuu kan gumaa qabu, guyyaan itti murtii argatu akka jiruu fi kan Nimoonaas kana irraa akka adda hin taane hubachiisuu fedha. Aarsaan lubbuu wal duraa duubaan baafamaa as gahee fi baafamaa jirus xumura adeemsa daandii rarraga bilisummaatti nu geessuuf wareegama baafamu waan taheef, tarkaanfiin hammeenyaa diinni guyyuu fudhatu saba Oromoo qabsoo irraa duubatti hin deebisu. 

Kanumaan wal qabasiisees haala amma guutuu Oromiyaa keessatti adeemaa jiru irraa mootummaan wayyaanee duula ajjeechaa lammiilee Oromoo harka duwwaa gaffii mirgaa gaafatan irratti geggeefamaa jiru akka dhaabbatu ABO jabeessee gaafata. Gaaffiin mirgaa ummanni Oromoo gaafataa turee fi ammas itti jiru gaaffii haqaa fi seerawaa waan taheef hanga gaaffiin kun deebii argatu wareegama kamuu baasuu itti fufa. Kanaafuu diddaa keenya finiinsinee akeeka dhiigni ilmaan Oromoo irratti dhangala'e galiin gahuuf harka walqabannee qabsoo keenya hanga xumuraatti akka itti fufuu waamicha isaa gadi jabeesse dabarsa. Akkasumas maatii Dargaggoo Nimoonaa Xilahuun, hiriyyoota isaa fi Ummata Oromoo mara jajjabinaa fi obsa akka kennuuf dhaamsa dabarfata. 
 
Waxabajjii 07, 2014              
Adda Bilisummaa Oromoo      
Injifannoo Ummata Oromoof! 

No comments:

Post a Comment