Humni Addaa WBO Godina Dhihaa Baha Wallaggaa keessatti waraana wayyaanee haleeluun loltoota 17 ol du’aa fi madoo taasise

Waxabajjii 17, 2014 | Madda Oduu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Gootichi Humna Addaa WBO Godina Dhiha Oromiyaa Waxabajjii 06, 2014 Baha Wallaggaa Ona Haroo Limmuu daangaa bulchiinsa Benishaangulii fi Oromiyaan waldaangessu bakka Luugoo Booqaa jedhamutti tarkaanfii haxxee waraana Wayyaanee konkolaataan socho’aa ture irratti fudhateen 7 ajjeesee, kanneen 10 ol ta’an ammoo madeessuu Ajaji WBO Godina Dhiha Oromiyaa beeksiseera. 
Konkolaataan waraanni wayyaanee ittiin socho’aa ture kun lakkoobsi gabatee isaa 03769 OR. kan ta’e oggaa ta’u, loltootni Yaareed Ammahaa, Sibaat Yaaqoobii fi Siisaay Nugusuu kanneen jedhaman warra ajjeefame keessatti akka argaman Ajaji WBO Godina Dhiha Oromiyaa beeksisee jira.

Tarkaanfii Humni Addaa WBO irratti fudhateen kan baarage mootummaan wayyaanee, loltoota baay’ee meeshaalee waraanaa gugurdaa hidhatan naannoo tarkaanfiin humna isaa irratti fudhatametti bobbaasee maqaa sakattaan ummata gooluu irratti akka argamus ibsameera.

No comments:

Post a Comment