Breaking News – Koree gidduu galeessaa OPDO keessatti jeequmsi olaanaan dhalate. Miseensotni Korichaas arii’amaa jiru‏

Hagayya 16, 2014 | Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Yeroo dheeraaf Ulee mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo rukkutu tahuun tajaajilaa kan as gahe Koree gidduu galeessaa OPDO keessatti jeequmsi olaanaan dhalate. Fincila diddaa garbummaa bara 2014 gaggeeffame keessatti isin miseensota ABOti, FDG KANA keessatti hirmaattanii jirtu jechuudhaan Qorannaan caasaa qulqulleessuu magaala Adaamaatti eegalame xumura malee hafuudhaan gara magaala Shaashimanneetti cehamee jeequmsa olaanaa irratti argamu.
 
Miseensota Koree gidduu galeessaa OPDO kan turanii fi tika Caasaa OPDO kan turan Obbo Geetaachoo Olii fi Abdoo kanneen jedhamanis miseensummaa irraa haqamanii jiran. Kanneen walgahii kana irratti argamaniidhaafis gatiin hojii isaanii sadarkaa A, B,C, D dhaan kennamaa kan jiru yoommuu tahu Iccitii kana baasnaan namuu itti gaafatama jechuudhaan bilbila harkaa irraa funaanuun walgahii muddaa irratti argamu. 

Keessi OPDO bututaa fi wal amantiin isaan gidduutti dhibamuu irraa Passportiin amanamtoota Koree gidduu galeessaa yeroo dheeraa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa fi Obbo Dirribaa Kumaa irraa fudhamee jiraachuun isaas ni yaadatama.

No comments:

Post a Comment