BEEKSISA KOREE HOJII RAAWWACHISTUU OMN IRRAA BAHE

Sadaasa 25, 2014 | Koree Hoji Raawwachiiftuu OMN Irraa

Rakkoolee yeroo ammaa OMN keessatti mumul’ataniif sababni tokko qaamni bulchiinsaa (management) qaamaan iddoo hojiitti argamuun, hoggansa yeroo guutuu kennu dhabamuu akka ta’e, yaada hojjattootaafi ummataa akkasumas marii hoggansa jiddutti godhamerraa hubanneerra. Rakkoo kana furuuf durumaanuu karoora keenya keessatti qabannee jirra. Haaluma kanaan, daayireektara OMN hogganu, dhaabbatummaan (fulltime) mindeessuuf qophiirra jirra. Haa ta’uutii, daayireektariin kun hanga mindeeffamutti, Koree Hojii Raawwachiiftuu keessatti itti-aanaa daayireektara OMN ta’ee tola tajaajilaa kan jiru Obbo Mohammed Abdosh waajjira OMN kan Minnesotaatti qaamaan argamee hoggansa barbaachisu akka kennu ramadameera.

Obbo Mohammed Abdosh kayyoo OMN galmaan gahuuf tattaaffii godhamaa jiru keessatti halkaniifi guyyaa carraaqqii gochaa jiru bira dabree, amma ammo sababuma kanaaf jecha, hojii dhuunfaa isaa gadi lakkisuun dirqama kana fudhachuu isaatif hedduu galateeffanna. Hoggansa inni kennuunis dalagaan OMN cimee akka itti fufu shakkii hin qabnu. Hawaasni keenya Minnesota jiruufi kan fagoos deeggarsa barbaachisu akka kennuuf abdii guddaa qabna.
Koree Hoji Raawwachiiftuu OMN
Sadaasa 25, 2014

No comments:

Post a Comment