Godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti kan argamu Mooraan waraana wayyaanee Kutaa 12 jedhamu tarkaanfii humna hin beekamneen irratti fudhatameen barbadeeffame.

Sadaasa 21, 2014 | MADDA ODUU SBO/VOL

Godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti kan argamu Mooraan waraana wayyaanee Kutaa 12 jedhamu tarkaanfii humna hin beekamneen irratti fudhatameen barbadeeffame.

Mooraan waraana wayyaanee Dhiha biyyattii Kutaa waraanaa 12ffaa magaalaa Jimmaatti bobbaafame tarkaanfii Sadaasa 18 bara 2014 waaree booda humna hin beekmaneen irratti fudhatameen ibiddaan daareffamee jira. Tarkaanfii kanaanis qabeenyi humna diinaa, galmi waraanni wayyaanee keessa boqotu, konkolaattonni waraanaa fi meeshaaleen waraanaa adda addaa walumaagalatti qabeenyi qarshii Miiliyoonatti shallagamu ibiddaan barbadeeffameera. 

Sochiin Warraqsaa Qeerroon barattootni Oromoo Godina Diha Oromiyaa keessatti bifa qindaa’een, kutannoo fi cichoominaan mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuun mirga ummata Oromoo sarbamaa jiru kabaጅchiisuu fi bilisummaa Oromiyaa dhugoomsuuf gaggeessaa jiran dhiphuu keessa kan isa seensise sirni abbaa irree wayyaanee aangawoota mootummaa federaalaa EPRDF/TPLF/OPDO irratti xiyyeeffannoo addaa gochuun magaalaa Jimmaatti walitti qabamuu dhoksaan mari’achiisaa jira.

Ergamtichi wayyaanee Pireezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaati ofiin jedhu, Muktaar Kadirii fi Kaabinoonni Siiviil Sarviisii Federaalaa wayyaanee naannolee biyyattii Sagalan irraa walitti qabaman Sadaasa 17 bara 2014 irraa eegalee walgahii ariifachiisaaf magaalaa Jimmaa kan seena yoo tahu, tarkaanfiin humna diinaa barbadeesse kun odoo isaan jiranii fudhatamuun mootummaa wayyaanee ittuu muddamaa fi yaaddee caalu keessa seensisuutu ibsame. 


Wayta ammaa kana hoomaan waraana wayyaanee magaalaa Jimmaa keessa qubsiifamee jiru waan qabe gadhiisu dhabuun dhiphina guddaa fi shakkii keessa seenuutu gabaafame. Magaalaan Jimmaatis humna waraanaa guddaan marfamtee jirti. 

Waraannii Wayyaanee torbee darbe keessa mana galmaa maatii dargaggoo Yohaannis jedhamuu halkan keessa sa’aa 7 irratti cabsee seenuun dargaggoo Yoonas fi akkoo isaa umriin waggaa 65 olii rasaasa Soddomaan reebuun haala sukkaneessaa ta’een ajjeessuun kan mirkanaa’ee jira kan jedhu gabaasni nu gahe, waraanni sirnichiaa naannichatti bobbaafame qeerroo barattoota Oromoo fi ummata naannichaa gaaffii mirgaa dhiyeesse hiraarsaa akka turee fi ammas hojiidhuma farrummaa kanatti akka jiru hubachiise.

Hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo marii fi sochiin kamiyyuu mootummaan wayyaanee dhoksaanis ta’ee ifatti dhimma Oromoo irratti gaggeessuu warraaqsaa FDG dhaabuu fi danquu kan hin dandeenye ta’uu addeesse. Mootummaan abbaa irree tarkaanfii duguuggii sanyii(Genocide) ummata Oromoo mirgaa isaa kabachiifachuuf karaa nagaa fi dimokraatawaa ta’een gaaffii dhiyeessaa jiru irratti fudhachaa jiruuf seeratti dhiyaachuu qaba malee sirni yakkamaan mirga dhala namaa fi dimokraasii sarbee aangoorr bubbuluuf afaan qawweetti abdatee jiru kun ummata bakka bu’uu kan hin daneenyee waan ta’eef ummatni Oromoo bakka jiru hundaa mootummaa wayyaanee hirmii ummata keenyaa kana of irraa buusuuf warraaqsa FDG jabeessee akka itti fufu dhaamsa dabarsee jira.

No comments:

Post a Comment