Obbo Jawar Mohammed Irraa Haala OMN ilaalchisee dubbii deemaa jiru irraati [Face Bookii Irraa kan fudhatame]

Sadaasa 24, 2014 | Face Booki Obbo Jawar Mohammed Irraa

Kaluu tana haala OMN ilaalchisee dubbii deemaa jiru quba qabdan. OMN komiifi muftoo hojii keessatti uumamtu heeraafi seera ittin qoratuufi furatu qaba. Hamma ammaattis rakkoolee mudatan hoggansi sadarkaan jiru; jechuunis kan Boordii ( Board of Trustees), Koreen Hoji Raaww'achiiftuu (Executive Council) fi Editoriyaakl Boordiin mari'achuun furmaata itti laataa asiin nu gahan. Ammas bifuma kanan komiifi hamii dhihoo kana kaate hubachuufi furuuf hogganni boordiifi hoji raaw'achiiftuu carraaqaa ture, ittis jira. Akka milkiidhaan raaw'atus shakkii hin qabu. Kanaaf ammoo tarkaanfima dhiheenya kana fudhatame akka ragaatti dhiheessun ni dandayama. 

Gaafa Kamisaa Sadaasa 13, 2014 Boordiin walgahii hatattamaa godheen dubbii deemaa jirturratti gabaasa gamaa gamanaa dhihaate dhaggeeffatee Anis affeerraa dura taa'aa Boordiitin naaf dhihaateen walgahii kanarratti argamee yaada narraa barbaadamu dhiheesseen. Boordiinis marii sa'aa afuriif godheen tarkaanfii fudhatamuu qaburratti qajeelfame kenne adda gale. Nu cufti akkaataa ramaddii hojii keenyaatin haala deemu qorachuufi tasgabbeessurratti bobbaane.

Gaafa Sanbata Sadaasa 15, 2014 hogganoonni olaanaan Boordiitifi Koreen Hoji Raaw'achiiftuu hojjattoota jaarmayaa dubbisuun komi isaanii dhaggeeffatan. Himannaa isaanii qalbifachuun deebii itti kenuufis walbeellamatanii addaan bahan.

Gaafa Sadaasa 22, 2014 Boordiin ammas walgahii hattatamaatiif taa'ee komiilee dhihataniifi rakkoolee jaarmaya kana mudatan guututti akka qoratu kore nama sadi qabu ramade. Koree hoji raaw'achiiftuu irrattis abdii guutuu akka qabu ( vote of confidence) sagalee guutuun mirkaneesse.
Gaafa Sadaasa 23, 2014 dura taa'aan Boordii hojii gadi dhiisu erga labsee booda, miseensonni Boordii ammas hatattamaan walgahuun akkataa heera bulmaataatin hoggansa yeroo bakka buufatanii hojiin akka hin gitintirre godhan.

Egaa tarkaanfileen armaan olitti tarreefaman kun , heeraafi hogganni OMN, laafinaafi qaawa qabaatus, haala irraa eeggamuun hojjataa akka jiru mirkaneessa. Anis hamiifi maqa balleessaa narratti aggamaman gama olola intarneetii deebisuun dubbi daran hoo'isurra heeraafi seera jiruun koree Boordii dhimma jiru qorattuuf dhaabbattetti kennuu filadheetin jira. Akkuma koreen kun hiree naaf kenneen komiilee narratti ka'an hundaaf deebii nan kenna. Boordiinis gabaasa koree tanaa erga ilaalee booda dhugaa irra gahe ummataaf akka ibsu; tarkaanfii sirreeffamaatis akka fudhatu abdiin qaba. Murtii naafi narratti muramtus fudhachuuf qophiidha. Hammasitti dirqama jaarmaya keessatti naaf laatameefi amaanaa ummataa hojirra oolchuuf, akkuma ammaan duraa, humnaafi murannoo guutunin itti fufa.

Ummanni keenyas kana beeke furmaata sirnaa hogganni godhuuf deemu obsaan eeggachaa deeggarsa miidiyaa kana tin'isuuf godhamu akka itti fufun dhaammadha.

Jawar Mohammed
Sadaasa 24, 2014


HUB: Warri hoggana OMN qunnamuu barbaaddan gara arman gadiitin argachuu dandeessu.
Odeeffannoo bulchiinsaatif info@oromiamedia.org
Dhimma editoriyaalitiif editor@oromiamedia.org
Dhimma gargaarsa ummataatif rm@oromiamedia.org

No comments:

Post a Comment