Qeerroon Yuuniversitii Wallaggaa Gaaffii Mirgaa Duubatti Hin Deebine Kaasuun Gootummaan Loltoota Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jiru.Huni Agaazii Jedhamu Heddumminaan Mooraa Yuuniversitii Wallaggaas Qubate.

Sadaasa 22, 2014 | Qeerroo.org

Sadaasa 20,2014 Goototni Qeerroon barattootni Oromoo dhiibbaa guddaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo Yuubibarsiitii Wallaaggaa irraan ga’aa jiruun wal qabatee guyyaa har’aa sa’aa 10:00 irraa eegaluun gaaffii mirgaa finiinsuun FDG dhoosuun shira mootummaan wayyaanee EPRDF uummata Oromoo irratti dalagaa jiru dura dhaabbatan.
 
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii wallaaggaa guyyaa har’aa shira moottuummaan Wayyaanee addaatti mooraa yuunibarsiitii Wallaggaa irratti rawwachaa jiruu fi akka waliigalatti uummata Oromoo irratti dalagaa jiruu balaaleffaachuun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa shira har’a ifatti nurraatti dalagamaa jiruuf teenyee guyyaa hin lakkawwatnu jechuun FDG qabsiisuun sagalee guddaan mootummaa abbaa irree balaaleffachuun qabsoo finiinsa jiru. 


Mootummaan wayyaanee yakka haaloo ba’ii fi jabbinsa barattoota Oromoo irraa qabu ba’uuf ifatti baajata kaaffee nyaata barattootaaf ramadame irraa muruun tajajila siyaasaaf olfachaa kan jiruufi barattootni Yuunibarsiitii wallaggaa balaa beelaaf saaxilamuu fi Jibbinsa ilaalcha siyaasaan midhaa fi doorsifni guddaan Barattoota Oromoo irratti rawwachaa jiraachuu fi gama biraan immoo hojjettoota caaffee barattoota keessaa hojjetanin barattootaaf nyaata qopheessaniin odeeffannoo barattootni keessaa jiran nuuf kennuu diddaan isin rakkoo ilaalchaa ABO qabdu jechuun namoota hedduu hojii irra arii’uun walgabatee shira diinummaa mootummaan EPDRF ilmaan Oromoo irratti dalagaa jiruu dhabamsisuuf goototni qeerroon barattootni Oromoo sagaalee guddaan fincila kaachisan. Gaaffiiwwan armaan gadii finiinsuun fincillii hanga halkan keessa sada’aa 3:00tti itti fufe.
  1. Mootummaan abbaa irree wayyaanee baajata kaffeef nuuf ramadamee irraa muruun gara tajajila siyaasaaf olchaa jiru dhaabuu qaba. Balaa beelaa barattoota rukuchaa jiruuf mootummaan itti gaafatamu qaba.
  2. Dararaan ilmaan Oromoo Oromummaatti boonaan hojjettoota olaanoo barsiisotaa hanga hojjettoota kaffeetti ilmaan Oromoo irratti xiyyeffachuun ilmaan Oromoo hojii irraa Arii’uun dhaabbachuu qaba. Ilmaan Oromoo kaffee mooraa keessatti qacaramuun hojjechaa turanii maqaa isin ilaalcha ABO qabdu jechuun hojii irraa arii’ama jiran dhaabbachuu qaba. Kanneen hojii irraa arii’atamanis hojiitti deebi’uu qabu.
  3. Bara darbee keessa barattootni Oromoo gaafffii mirgaa gaaffattaan maqaa jedhuun jumlaan ukkanfamanii barnoota isaanii irraa hidhaman, haga guyyaa har’atti eessa buuteen isaani hin beekamuu, kanaafu barattootni Oromoo badii malee hidhaman gaaffii tokko malee akka hiikaman ni gaafatna.
  4. Gaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii yeroo garaagaratti gaafachaa turreef mootummaan abbaa irree hangamatti deebii ilmaan Oromoo hidhuu ,ajjeessuu, barnootarra arii’uu deebii qubsaa godhachuun mirgi keenyaa fi mirgi uummata keenyaa dhiitamaa waan jiruuf mootummaan wayyaanee seeratti akka nuuf dhiyaatu jabeesinee gaafatna.
  5. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummatni Oromoo gaafachaa jiru moggaatti dhiibuun saamicha lafaa fi Oromoo qe’ee irraa buqqisuu irratti xiyyeeffate dhaabu qaba; Gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoof deebiin kennamu qaba.
  6. Mootummaan wayyaanee EPRDF biyyaa dimookiraasiin hin jirree, biyyaa mirgi dhala namummaa keessatti sarbamaa jiru keessatti mootummaan wayyaanee filannoo dimookiraatawaan gaggeessa jechuun dhaadachuun tuffii uummataa ta’uu argisiisaa, Adeemsii filannoo kijibaa wayyaanee dhaabbachuu qaba. Hanga gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabajamuttii fi mirgootni dimookiraasii fi mirgootni namummaa hanga kabajamanitti wayyaaneen filannoo ittin ololaa jirtu kan hin gaggeessine ta’uu ni hubachiifna uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoon biyyatti kana hubachuu qabu gaaffii jedhuu fi gaffiiwwaan fakkataa gaafachuun dhaadannoo dhageesisuun itti fufan. Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa human waraanaa magaalaa Neqemtee dhunfatee jiru gara mooraa Yuunibarsiitii wallaggatti akkuma qajeelaniin goototni barattootni Oromoo Yuunibarsitii Wallaggaa dura dhaabbachuun of irraa kan deebisan yoo ta’uu, mootummaan wayyaanee diddaa barattoota kanatti rifaatuu guddaa keessa seenuun halkaan keessa sa’aa 1:30 irratti human waraanaa fi poolisii Federaalaa Mooraa Yuunibarsiitii galchuun barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii gaafatan irratti waraana banuun mooraan Yuunibarsiitii wallaggaa gara dirree waraanatti jijjiramtee jirti.
Goototni barattootni Oromoo Wallee Warraaqsaa fi dhaadannoo guddaan human waraana Wayyaanee dura dhaabbataan sagaleen dhukaasaa Wayyaanee fi sagaleen dhaadannoo Qeerroo barattoota Oromoo walmakee jiraahuun gabaafamee jira.

No comments:

Post a Comment