Balaa Ummata Oromootti aggaamame hanqisuun dirqama Oromummaa ti! - (“Master Plan” Finfinnee irratti Ibsa ABO)

Gurraandhala 18, 2015 | "Master Plan" Finfinnee Irratti Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Gabrummaa waggoota dhibbaa oliif Oromiyaa irratti diriirfame ummata Oromoo Kumootaan qe’ee fi lafa isaa irraa buqqaasuun lafa dhablee taasiseera. Magaalaa Empaayera Itophiyaa handhuura Oromiyaatti gadi dhaabuuf tarkaanfii sanyii duguuggii/genocide/ wal gituun fudhatamaa tureen gosootni Oromoo Abbichuu fi Galaan naannoo irraa dhabamsiisamaniiru. Tarkaanfiin diinummaa maqaa “Maaqnaat” jedhuun adeemsifamaa ture bara Wayyaanees maqaa “misoomaa fi guddinaan” itti fufamuu irraa yeroo ammaatti Oromoon qe’ee fi jireenya isaa irraa buqqaafamaa jiru kan durii irra caalaa dhufe malee hin xiqqaanne. Mootummaan Wayyaanee karooraa fi imaammata Abbootii isaa irraa dhaale itti fufsiisuun waggoota 23 dabraniif lafoota akka Boolee Bulbulaa, Laga Xaafoo, Aqaaqii, Sabbataa, Sulultaa, Buraayyuu fi kkf irraa qotee bulaa Oromoo ari’uun gurgurataa fi hirataa har’a gahuunis dhokataa miti.

Karoora bittootaa ummata Oromoo hin fayyadne, qe’ee fi lafa isaa irraa buqqaasee hiyyummaa fi deegaaf saaxilu kana mormuun lammiileen Oromoo hedduu wareega lubbuu itti baasaniiru. Kan man hidhaatti guuramanii fi dhaanaman kumoota hedduun lakkaa’amu. Lammiiwwan Oromoo kabajamuu mirga ummata Oromoof jecha diinaan ajjeefamanii fi hiraarfaman, akeekni irratti wareegama lammummaa baasan bilaashatti akka hin hafnee fi karoorri diinaa Oromoo irratti xiyyeeffate kunis akka hin milkoofne gochuun ammas dirqma lammii Oromoo hundaa tahu gadi jabeeffamee hubatamuu qaba. Karoorrii fi imaammatni bittoota Itoophiyaa maappii Oroomiyaa jijjiiruun gaaffii walabummaa fi bilisummaa ummata Oromoo hanqisuu akka tahe eenuyyuu jalaa dhokataa miti. Kanaafis jalqabaa hanga ammaatti ummatni Oromoo shira diinotaa kana gootummaan dura dhaabbatuun haqa isaaf wareegama baasaa akka ture seenaan QBO ni hubachiisa. Shiraa fi hammeenya bittoota Itophiyaan Oromoo irratti dalagamaa dhaloota har’a dhaqqabe kanas ABOn irratti qabsaawaa fi qabseessisaa akka turee fi jirus hubatamaa dha.
Karoora Master plan Finfinnee jedhuun shira yaadame kana ilaalchisee HD ABO J/Daawud Ibsaa waggaa haaraa bara 2015 ilaalchisuun dhaamsa dabarsaniin ,”Master plan Finfinnee kan jedhamu haala kanaan dura mootummootni Itophiyaa dabran gochaa turan irraan addatti bifa baraneen ummata Oromoo lafa isaa irraa buqqaasuun eenyummaa isaa dhabamsiisuu irratti kan xiyyaafate dha” jechuun shira duubaan jiru saaxilaniiru.
Karoora diinummaa lafaa fi magaalota Oromiyaa bulchiinsa Oromiyaa jalaa baasuudhaan bulchiinsa Federaalaa jala galchanii akka fedhanitti gurguratuu fi hiratuuf baafame kana ilaalchisee qondaalli ol aanaa mootummaa Wayyaanee Abbaay Tsahaayyee haasaa dhiheenya godheen,“Karoorri Finfinneef baafame hojii irra ni oolfama! Kan kana dura dhaabbatu hundas ni sirreessina! eenyummaa keenya itti agarsiifna!”jechuun bulchitootaa fi qondaalota OPDO-tti dhaadateera. Abbootiin irree osuma dhaadatanii kan dhabaman tahuun beekamaa tahus dhaaduun qondaala Wayyaanee kanaa , Wayyaanotni hangam ummata akka tuffatani fi hagam ammo akka salphatanii gadi bu’an agarsiisa.
Dhabamaa fi deega ummata Oromoon jireenya qananii jiraatuu kan baratan bittootni Itoophiyaa dhaadatuun, ummatni Oromoo mirgaa fi eenyummaa isaatiif falmatuu irraa tasa isa hin dhaabu. Ummatni Oromoos karoorri hojii irra oolfama jechuun qondaalli diinaa ittiin dhaadatu kun kan eenyummaa fi mirga isaa irratti xiyyeeffate tahuu caalaatti waan hubatuuf walabummaa fi bilisummaa isaa gonfachuuf qabsoo itti jiru finiinsun galii isaan kan gahatu tahuun shakkiin hin jiru.
Kanaaf ilmaan Oromoo sirna farra ummata Oromoo tajaajiluuf itti fufuu murteeffataniin ala OPDO keessa jiran, haasaan tuffii, karaa biraa ammo abdii kutannaa fi jibbiinsaa Abbaay Tsahaayyee, diinni yoomiyyuu diina tahuu kan mirkaneessu waan taheef mirga ummata Oromoo kabajsiisuuf ummata isaanii cinaaa hiriiruun akka qabsaawan, tarkaanfii seenaa qabeessa fudhattaniinis gaafatama seenaa jalaa akka of baasan ABOn waamicha Oromummaa amma illee irra deebiin dabarsaaf.
Kan waliin kanneen wal qixxummaa, dimokraasii fi haqaaf falmina jedhan hundi gochaan farrummaa ummata Oromoo mirga jiraachuu dhabsiisaa jiru kun wayta ifatti raawwatamaa jiru kanatti, saaxiluu fi dura dhaabbatuu irra moggaa dhaabbatanii ilaaluu filatuun ykn akka hin dhagahiinitti callisuun seenaan gaafachiisaa tahuu akka hubatan ABO gadi jabeessee dhaama. Karoora diinaa eenyummaa Oromoo dhabamsiisuu irratti xiyyeeffate kana ABOn jabinaan kan dura dhaabbatuu fi fashalsu tahuu irra deebi’ee ummata Oromoof dhaamaa, karoorrii fi imaammatni mirga ummataa hin kabajnee fi ummata abbaa biyyaa dhabamsiisuu qabsoo ummataan kan fashalu tahuu ABOn gadi jabeessee hubachiisuu fedha.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Guraandhala 18, 2015

No comments:

Post a Comment