Waan ajaa'ibaa magaalaa Finfinnee keessatti ta'aa jiru

Hagayya 10, 2015 ; Jiiraataa Magaalaa Finfinnee irraa

Magaalaa Finfinnee keessatti uumanni Zayitaa fi sukkaara dhabee gidirfamaa jira. Akkuma beekamu mootummaan Ithiyoophiyaa Zayitaa fi sukkaara erga harka daldaltootaa jalaa baasee harka isaa jala galchee waa bubuleera. Haata'u malee nuti uummannii magaalaa kana keessa jiraannu, sa'aa barbaannetti Zayita fi sukkaara bitachuu dhabnee rakkachaa jirra. Yoo jira jedhames ji'atti takkaa dhufa. Isumayyuu ganamaan dhaqnee yoo hiriirree dhaabachuu baanne osoo hin argatiin dhume nuun jedhu.

Kanaaf  miidiyaalee Oromoo hundi OMN dabalatee rakkoo kana osoo qilleensarra nuu oolchitanii siniin jedha.

Kana nama dhibu keessuma hojetaa mootummaa sa'aa barbaadetti zayitas ta'e sukkaara bitachaa hin jirru. Sababni isaa guyyaa hojii oolla, guyaa boqonnaa dhaabanni isaan keessatti gurguran cufaadha. akkuma tasaa hojii oollee yoo dhaqnu guyyaa tokko zayitiin jira osoo taane dhumeera kan jedhu qofaa dhageenyee gara mana keenyaatti deebina. Qarshii keenyaan sa'aa barbaannetti daldalaa irraa akka hin bitannetti daldalaan magaalaa finfinnee kamiyyuu sukkaara gurguruu akka hin dandeenye dhorkameera. Keessumaa ganda 6 Aqaaqii kifile ketemaan hedduu rakkataa jira. Suuraan qindeessinee ergineerraati qilleensa irra nuu oolchaa. Jiraataa Magaalaa Finfinnee irraa.


No comments:

Post a Comment