Wallagga Horroo Guduruu Aanaalee Adda Addaa Keessatti FDG Itti Fufee Jiruun Warranni Wayyaanee Barattoota Hedduu Ulee Sibiilaan Reebuun Miidhaniiru.

Muddee 06, 2015 | Gabaasa Qeerroo Aliiboo

IMG_20150509_060148Muddee 5, 2015 Godina Wallaggaa  Horroo Guduruu Goototni barattootni Oromoo Aanaa Jaardagaa Jaartee M/B Aliiboo Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qopha’ina fi Uummata Oromoo Magaalaa Aliiboo kan hirmachise Warraaqsii FDG, Mormiin Master pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa Warraaqsii jabaatee itti fufe.

Gootottni dargaggootni barattootni Oromoo M/B sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi qopha’inaa Aliiboo Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa uummata Oromoo fi Mormii karooraa badii balleessii uummata Oromoo fi Dachee Oromiyaa kan ta’ee Master Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa caffeen Oromiyaa wayyaaneen Labsame guutummaatti haqamuu qaba jechuun dhaadannoo guddaa Magaalaa Aliiboo keessatti dhageesisuun uummata Baadiyaa kan dammaqfatan goototni barattootni Oromoo warraaqsaa FDG jabeessuun itti fufan. 


Mootummaan abbaa Irree 
Waayyaanee humna waraana isaa poolisii federaalaa fi Kora bittinneessa jedhamu Godina Horroo Guduruu irra gubsiisee jiru uummata karaa nagaa hiriira ba’ee jiru irratti bobbaasuu sochii karaa nagaa gaggeeffamaa jiru irraatti dhukaasaa banuun uummata gooluutti gadi ta’ee jira. Warraaqsaa gaggeeffamaa jiru kanaan ilmaan Oromoo 4 humna poolisii Fedraalaa fi Kora bittuinneessaa rukuttaa ulee sibiilaan rukutamanii haalaan kan madaa’anii haala rakkisaa keessatti argama ta’uu fi barattootni hedduun waraana Wayyaaneen qabamanii hidhamuun ibsamera.

Kana malees gaafa  Muddee 4, 2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Aanaa Jimmaa Raaree M/B Wayyuu 2ffaa fi Qopha’ina Uummata Oromoo Jaarsolii Biyyaa Qabachuun Bulchiinsa Aanaa Jimmaa Raareetti Gaaffii Isaanii Dhiyeeffachuun Sagalee isaanii dhageesifachuu Egaalan. Deebii Gaaffii isaaniif Wiixata dhufutti deebiif beellamni waan qabameef, Wiixatatti Aanaa Jimmaa Raaree Magaalaa Waayyuu keessatti Goototni Barattootni Mana Barumsaa Wayyuu fi Uummatni Oromoo Jaarsooliin Biyyaa utuu hin hafiin deebii gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa fi Mormii karoora Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaaf godhame fi yeroo amma kanatti duguuginsa sanyii ilmaan Oromoo irratti Mootummaan Wayyaanee gaggeessa jiruuf Mootummaan kun itti gaafatamuu qaba jechuun waan gaafataniif Deebii keessan Wiixata isiniif kennina jechuun Beellamni qabame jiraachuu fi Humni waraanaa fi poolisiin Federaalaa Magaalaa Waayyuutti guuramaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan.

No comments:

Post a Comment