FXG Qeerroo Jabaachuun Xurree Walquunamtii Wayyaanotaa Addaan Kutaa Jira.

Adoolessa 27, 2016 | Qeerroo.org

Waraani Wayyaanee humna jabaa agaazii jedhamu sun uummata godina Arsii fi Harargee shororkeessuuf har’a konkolaataa hedduudhaan hiriiree daangaa irraas gara sanatti ergamaa jira. Harargeen Lixaa alaabaadhaan faayamtee jirti. Uummanni xiqqaa fi guddaan Alaabaa ABO qabatee jira. Kaan hucuudhaan faayamee jira. Daandiin humna uummataan cufamaa jira.
Qeerroonis uummata godinaalee kanneen hunda qabatee bahee jira. Har’a akka Qeerroon gabaasaa jirutti Arsii lixaa fi Hararee Lixaatti FXG itti fufee waan jiruuf meeshaa gurguddaan konkolaataadhaan fe’amee gara godinaalee kanaatti guuramaa jira. uummannis Qeerroon sirba qabsoo fi dhaadannoo ABOn Abbaa Biyyaa Tahuu dhaadachaa jira.

Uummata irratti dhukaasni banamuuf jedha. Shawaa lixaa ona hedduutti bulchiinsi Wayyaanee diigamaa jira. injifannoo uummatichaan networkiin diinaa godina Shaggar  keessatti addaan cituu irraan caasaan mootummas gara FXGtti makamaa akka jiru gabaafamee jira.
Injifannoo Qeerroo Oromiyaa Godina kibbaa fi Bahaatti FXG har’a Adoolessa 26/2016 Oromiyaa godinoota kanatti:
–  Arsii Lixaa,–  Arsii Bahaa–  Harargee Lixaa–  Harargee Bahaa–  Gujii–  Booranaa fi–  Baaletti
Seenaa keessatti addatti kan yaadatamuu fi yeroo xumura sirna gabroonfataa mootummaa abbaa irreetti taasisuu injifannoo guddaa galmeessee ooleera. Guyyaa har’aa guyaa seena qabeessa tahee Qeerroo godinaalee kanaan kan yaadatamu FXG marsaa 8ffaa Oromiyaa keessatti itti fufee jiruun humna diinaa kumaatama guddaa fi meeshaalee gurguddaadhaan ijaarame dura harka qullaa dhaabbatuun har’a faajjii Alaabaa ABO olkaasee mul’isee jira. Uummanni bal’aan uummanni Oromoo Oromiyaa Bilisa baasuun yeroo isaa amma jechuun murteeffatee ka’ee jira. Guyyaa har’aa akka odeessa Qeerroo godinaalee kana irraa gabaasa taasiseen
  • Ammas tahu yoomillee mootummaa wayyaaneef hin bullu barbaachisaa yoo tahe seera ofiin bulla ykn sirna gadaatiin jedheera.
  • Mootummaa TPLF/OPDO waliin jiraachuun kana booda waan hin yaadamneedha. Mootummaan kun kana booda jaallatu kara nagaatin oromiyaa gadhiisee deemuu jibbus tarkaanfii dhumaa qabnuun fonqolchinee biyyatti ishee galchina jechuun uummanni Oromoo murteeffatee ka’eera.
  • Karaa nagaatiin hidhamtoota keenya nuuf baasaa kan ajjeefame nuyyuu gumaa isaa ni baafannaa jedhee uummatni gaafateef deebiin hin kennamne murtoon uummata Oromoo FXG finiinsuu keessatti hidhamtoota manneen hidhaa hundarraa baasisuun Bilisummaas gonfachuuf murteeffatee ka’ee jira.
  • Qabeenyaan diinaa, alaabaan wayyaanee fi OPDO, waajjirri wayyaanee fi waanti Wayyaanee fakkaatu kamuu Oromiyaa keessaa dhabamuu qabu tarkaanfii barbadeessuutiin kanas uummanni oromoo sodaa tokko malee afaan qawwee dura dhaabbatee tarkaanfii kana fudhachuu itti fufee jira.
  • Godinaalee kanneen keessatti daandiiwwan akkuma beeknu guutummmaati cufamanii jiru. Kun gahaa tahuu baatuus riqicha garagaraas addaan kutamee jira. Oromoon martuu gantuu fi ergamtuu diinaa irraa kan hafe gara FXGtti hiriiree jira. FXG har’a godinoota olitti tarreessine keessatti uummataan itti fufee oolee fi murannoo uummataa qabxiiwwan olii kanaan ibsamu yoommu tahu godinaalee kanneen akka Shaggar kaabaa, lixaa fi Wallaggattis FXG bifuma kanaan itti fufee jira. Uummanni wayyaanee hin feenu kana booda jechuunis FXG wal fakkaataa daandii cufuu fi tarkaanfii adeemsisuun guutummaa Oromiyaatti deemaa jiraachuun Qeerroon gabaasee jira. Humni waraana Wayyaanee agaazii jedhamus uummata godina Arsii fi Harargeetti konkolaataa hedduudhaan fe’amee jiraachuunis Qeerroodhaan gabaafamee jira.
Dhukaasni naannoo Harargee, Gaara Mul’ataatti uummata irratti baname jiru namootni hedduun miidhamuunis kan gabaafame ammatti kan du’es jiraatuu baatu namootni madoo tahan jiraachuunis gabaasni nu gahe addeessa. Halkan kanas odeessa Qeerroo shawaa bahaa Adaamaarraa addeessuun humni waraanaa dabalataan karaa Asellaa fi shaashimanneen gara Arsii seenaa jira. kutees gara Harargee fi Gujiittis fe’amaa akka jiru odeessi Qeerroo qaqqabee jira.

Dhukaasni naannoo magaala shaashimannee irraa nu gahes magaalichi haalaa sodaachisa kan mootummaan itti raafamaa jiru humna uummata keessaan diina irratti tarkaanfii fudhatus  mul’inatti tarkaanfii fudhataa jiraatuun kan beekameedha. Injifannoon Galla Jechuun Uummanni Dhaadannoos Dhageesisuun Itti Fufeera.

No comments:

Post a Comment