Dammaqi itti fufii!!!--- Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa

Fulbaana 02, 2017 | Abdii Baalee Oromiyaa Irraa

Eenyummaa kee bari, ofii of gaafadhu,
Bakka yaadde gahuuf, obsa boraafadhu,
Deemaan si hin daddaaysin, hamilee horadhu,
Nama osoo hin taane, uumaa kee sodaadhu,
Harka namaa hin eegin, uumaa kee kadhadhu,
Namatti hin maxxanin, of ta'ii jiraadhu,
Garaaf hin jiraatin, lammii keef dhaabbadhu,
Badii fi gaarii kee hundumaa yaadadhu,
Dhugaan nama taatu, badiirraa baradhu,
Gaarii kee galmeessi, jabeessii qabadhu,
Ciiftee nama hin eegin, fuulduratti kaadhu,
Yeroo keetti hin qoosin, hojiirra oolfadhu,
Maatiin kee kafanaa, tolchii kunuunfadhu,
Lammiin kee gaaddisaa, tolchii kabajadhu!!!

Qalbiin naaf qabadhaa,dhaamsa namummaatii,
Sirritti hubadhaa, gorsa dhalootaatii,
Jabaadhu,qomoo koo, gaaf-tokko ni iftii,
Akkanatti hin hafnu, inuma bariitii,
Oromiyaan biyya, qe'ee abbaa kootii,
Diinatti hin gurguru, seenaan na gaafattii,
Lammii koo,Oromoo, lubbuun tiyya keetii,
Mee soba lagadhaa, dharti nama miitii,
Dhugaadhaaf haa duunuu, dhugaan lamaa mitii,
Ani obbolaa keessan, Abdii Baalee Oromiyaatii,
Wal jaalala cimsaa, furtuu Bilisummaatii,
Bilisummaa isiniif hawwa bakka jirtan hundattii,

Biyya qaba jedhee, biyyettiin dhaadadha,
Baqadhee, fagaadhee, halaalaa gubadha,
Seenaa otoo qabuu, maaf gabrummaa baadha,
Dammaqi lammii koo, lubbuu koo siif laadha,
Sibiilli na nyaatu, qawwee koo hidhadha,
Ani Oromoo dha, dhugaadhaan jiraadha,
Duuti lamaa mitii, maaf diina sodaadha!!!

Bilisummaa qofa, gaafiin Oromootaa,
Yaa diina harcaatuu, maaliif ni mormitaa,
Yaa gadhee abbaa garaa, maaf aangoof dhamaataa,
Oromoon dammaqee, amma akkam taataa,
Habashoonni galuuf qophoofteertii qaataa,
Atoo yaa dabeessa, mee boolla tam seentaa???

No comments:

Post a Comment