Hayyuu duree fi Itti aannaa Hayyuu duree ABO Kora Sabaa ABO 4ffaa irratti fialataman

Fulbaana 02, 2017 | Feesbukii Dhábasá Wakjira Gemelal Irraa


Hayyuu duree ABO
Ob Daawud Ibsaa Ayyaanaa, Hayyuduree Adda Bilisummaa Oromoo.
Obboo Daaud Ibsaa bara 1952 Oromiyaa lixa-kaabaa, Horroo Guduruu, Abunaatti dhalate. 
Bara 1980 keessadirreetti bobba'ee leenjii waraanaa ABO fudhate. Bara 1981 baatii Eblaa keessa Humna WBO zoonii lixaa hogganuun Oromiyaa lixaa keessatti sochii waraanaa jalqabe. Bara 1981 baatii Muddee keessa otuu dirqama irra jiruu harka diinaa (Dragii) bu'e. Haga Muddee 1986tti hidhaa keessa ture. Bara 1986 baatii Muddee keessa mana hidhaatii miliqee WBO zoonii lixaatti dabalame.

Bara 1988 miseensa Gumii Sabaa ABO ta'uun filame. Bara 1998 miseensa Shanee Gumii taúun filame. Bara 1999 Hayyuduree ABO taúun filame. Bara 2004 Kora Sabaa 3ffaa irratti HayyudureeABO taúun filame. Bara 2017 ammas irra deebiée Hayyuduree taúun Kora Sabaa ABO irratti filame. 


Bara milkii fi bara injifannoo!!
========================================================================


Itti aannaa Hayyuu duree ABO
Obboo Araarsoo Biqilaa, Hayyuduree Ittaanaa ABO ta'uun Kora Sabaa ABO 4ffaa kan Hagayya 20-30 bara 2017 taa'e irratti fialame. 

Ob Araarsoon ijoollummaa irraa kaasee WBO zoonii bahaa keessatti dirqamoota addaddaa irra kan turee dha. Waraana loluu fi lolchiisuunis dandeettii jabaa kan qabuu dha.


Ob Araarsoo Biqilaa miseensa Koree Hoji raawwachiiftuu ABO fi gaafatamaa Damee Dinagdee taúun yeroo dheeraaf hojajtaa ture.


Ob Araarsoon qabsaa'aa kutataa, obsaa, cichaa fi goota jabaa dha.

No comments:

Post a Comment