Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Adooleessa 08, 2019

Qabsoo Bilisummaa Oromoo aarsaa qaalii uummaanni Oromoo irree tokkuummaattin irraatti kaffaalaa turee garaa dabaarsuuf murnoonni ijaaramanii faayidaa dhuunfaa fi aangoo tikfachuuf deemaan gara dabaarsuuf tattaaffii diinoonni keenya gochaa jiraan Qeerroon Bilisummaa Oromoo ilaaluun Taajjabbii fi obsaan biraa darbaa turree. Kana biraas darbuun diinina yeroo garaagaraatti itti kennaa turree. Humnoonni badii Oromoo abjootaan garuu irraa deeddebiin gochaa farraa uummaata Oromoo gargaar qooduu fi egeree Oromoo dukkaneessu hojjaachuu itti fufaanii jiru. 

Qaamni yeroo ammaa kana biyyaattin bulchaa jedhuus rakkiina kana ol tahuu nurratti hojjaataa jiraa. Kanaas qaamni kun akka irraa deebi’uuf irraa deeddebiine Qeerroon akeekkachiisaa turree. Haa tahuutii garuu mootummiichi yeroo kanaas Oromoo gargaar qooduuf hiriiroo Oromoo diigaan, diinoota Oromoo tokkomsuu, uummaata Oromoo awwaaluuf kutaatan qopheessaa jiruu. Kuniis Waraana Bilisummaa Oromoo /WBO/ uummatasaaf aarsaa kaffaaluuf bahee irraatti holoola oofuun maqaa hin beekne itti moggaasuun Shiftaa fi shanee balaaleeffannaa jechuun hiriira diigumsaa waamaa fi qopheessaa jiruu. Iddoo tokko tokkootti ammoo uummaataan dirqiidhaan bahaa jechuun dirqisiisaa jiruu. Kanuumaa bahuu diddaan jechuun uummaata keenya hidhaa hiraarsaa fi saamaa jiruu. Qeerroon Bilisummaa Oromoodhaa gochaan isaanii kun faashistummaa tahuu itti himuun yeroo danuu akekkachiisaa fi diniinaa turee. Ammaas Qeerroon irraa deebidhaan akeekkachiisaa fi diniina xumuraa qaamoota hiriira kana mootummaa faashistii waliin tahuun qindeessaan, tumsaan, gaggeesanii fi bahaaniif dabaarsiina.
Qabxiin hiriirri kuni akka fudhaatama hin qabnee agaarsiisu.
  1. Osoo uummaanni Oromoo rogaa hundaan rakkootti jiruu, keessatuu naannoon akka gujii bahaa, gujii dhihaa, kibbaa fi dhihaa oromiyaatti uummatni rakkachaa jiruu, sagaalee sagaalee birmaana ummatni keenya hin argatiin, qaama biyyaa bulchuuf ykn aangoo mootummaa harkaa qabuf hiriiraa bahuun, rakkoo uummataa keenya ilaalu dhisnee, dibbee qaama biyyaa bulchuuf reebuun qeerroo bilisummaa Oromoo fi WBO biratti, buqqee dudaatti bishaan naquudha!

  2. Waraanni Bilisummaa Oromoo, Qeerroo kaleessaa harka duwwaa dhagaadhan rasaasa duraa dhaabbataa turaan irraa kan ijaaramee, roorroon itti hammannaan kanneen qawwee kaasaan waan tahaaniif obbolaa keenya ykn Qaama keenya hin balaaleeffannu. bakkaa isaani bu’uun wareegamaa of qopheessina, ni tumsiina ni deeggaarra.

  3. Shirrii maqaa hiriira balaaleffaannaa shanee fi WBO jedhuun as deemaa jiru kun holoola diigumsaa waan taheef qaama tokkuummaa oromoo sharafuu xiqqeessuun dhiibbaa keessa fi alaan dhufu deemu kamiyyuu ni balaaleeffannaa.

  4. Mootummaa ilmaan Oromoo kallaatti maraan duguugaa jiruu,Gujii lamaan keessatti maatiiwwaan kumaa shantamaa ol qe’ee irraa buqqasuun, mana isaan keessatti ibdaan gubuu, qabeenya isaan kan mana fi alaa ibdaan barbadeessuu fi maccaansuu, kumaatamaan hidhaa osoo jiruu, dubaartoota ulfaa ciniinsuutti jirtuu ajjeessuu, balaaleeffaachuu dhisnee, WBO falmaattoota haqaa yeroo balaaleeffannuu qophxeesinuu hin qabnu.

  5. Yeroo itti Oromoo fi Oromiyaan marfamaa waraana, siyaasaa fi dinaagdee keessa galteetti, keessattuu, bakka warri aangoon harkaa bultee fi harkaa jirtu of harkaatti deebisuu fi turfachuuf wal nyaaachaa jiran keessatti ,Waraana bilisummaa Oromoo ykn WBO ,kallachaa qabsoo Oromoo ABO dhaaba keenya wajjiin dhabbii tokkoo qabachuun WBO humna humna caaluu gochuuf Gurmuu qabsoo hidhannoo jabeeffanna male WBO hin balaaleeffanu!!

  6. Walumaa galaatti mootummaan Itoophiyaa shiraa xaxuun uummaata Oromoo hiree isaa dukkaneessuuf yaalii inni taasisaa jiruu kamiyyuu Qeerroon bilisummaa Oromoo kan darbee caalaa akka wareegamaa dacha dachaadhan duraa dhaabbannuu tahuu isiin beeksiisna.
========/////=====\\\\\=========
Dhumaa irraatti dhaamsi nutii qaamoota dhuunfaniis tahee gareen ijaaramaan: mootummaa faashistii waliin tahuun gochaa badii kana kanneen dalaagaa jirtaanii, hataattamaan gochaa kana duraa gootaniif ifaan ifaatti dhiifaama gaafattanii akka uummataa fi qabsoo sabaa keessatti ykn daandii qabsoo haqaa geejjibuu irraatti akka of sirreesitaan. ykn immoo harka keessaan sassaabbattanii ykn waa’ee qabsoo Oromoo bobbocuu ykn bocoluu dhisuun akka teessan, duula fi amnoota sakata’aa mootummaan WBO fi miseensoota ABO irraatti isiin bobbaasu kamiyyuu irraa akka bilisaa taataan ykn immoo akka mootummaa kana waliin yakkaa ummataa keenya irraatti raawwachuu dhiistaan kabajaan isiin gaafanna.

Namoonni rakkoon Oromoo walii galaa itti dhagahamuu dhabun, mootummaa micciramaa kan wajjiin aannaan garaa walii taataan, WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo wajjiin ammoo ibdaa fi ciddii akka tanuu hubbadha. 
Hangaa kaayyoon uummatichaa galmaa gahuutti kanneen akeekaa fi fedhii jaarmiyaa keenya dura dhaabbattaan bakka kaasuu qabna. Wareegamaa qeerroo fi qaarree bilisummaa Oromoo gaalii fi firii itti gochuuf WBO jabeessuun moonaa qabsoo gabbisuu fi diinoota qabsoo xiqqeessuun dhiigaa fi lafee keenyaan Oromiyaa ijaaru dirqamaa keenya!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa

Injifannoon Uummaata Oromoof

Adooleessa 05/2019

Oromiyaa

Finfinnee

No comments:

Post a Comment