WAAMICHA QOPHII AYYAANA IRREECHAA MALKAA YKN BIRRAA BARA 2019 ILAALCHISEE KAN BIYYA JARMANII KEESSATTI KABAJAMUUF QOPAA’EE

Adoolessa 17, 2019 | Koree Qindeessituu Ayyaana Irreechaa  Oromoo (KQAIO) bara 2019 


WAAMICHA QOPHII AYYAANA IRREECHAA MALKAA YKN BIRRAA BARA 2019 ILAALCHISEE KAN BIYYA JARMANII KEESSATTI KABAJAMUUF QOPAA’EE – FRANKFURT AM MAIN, GUYYAA GAAFA SANBATA DURA (SANBATDURA) FULBAANA (SEPTEMBER) 21, 2019, GERMANY  
 
Jaallatammoo fi kabajammo Ilmaan Oromoo biyya Jarmanii keessa Jirtaattan hundaaf (maraaf)! 
 
Hunda duraan dursee Koreen Qindeessituu Ayyaanaa Irreechaa Oromoo (KQAIO) nagaan Waaqayoo/Rabbi isin haagahu jedha. Ashamaa ilmaan Oromoo kann biyya Jarmanii keessa jiraattan, obboleewwan keenya dhiiraa fi dubartiin, baga ayyaana Irreechaa bara 2019 walumaan jala geenye. Ayaanni irreechaa jila (festival) waga/bara haaraatti cee‘uumsaatti. KQAIO baga nagaan booqa (ifa) birraatiin isin gahe jechudaan hawwii gaarii ummata Oromoof qabu mirkaneesa.  
 
KQAIO hawaasota Oromoo Biyya Jarmanii keessatti ijaramanii jiran hundaaf akka qophii ayyaana Irreechaa bara 2019 irratti qooda fudhatan ulfinaan waamicha godhaaf. Qophii ayyaana Irreechaa bara 2016 irratti qooda fudhachuuf amanteen gargar nun baasuu. Hawaason Oromoo Biyya Jarmanii keessatti ijaramanii jiran yoo qophii ayyaana Irreechaa bara 2019 irratti qooda fudhachuuf fedhii qabaatan hanga (hamma) ji’a Fulbaana (September) 10, 2019 ti akka nu beeksisan kabajaan isaan gaafana. 
 
Oromootaa fi firootan ummata Oromoo biyya Jarmanii keessa jirtanii maraan ayyaana ummata Oromoo biyyoolessaa kana irratti argamtanii akka nu waliin/wajjiin guyyaa gaafa Sanbatdura Fulbaana (September) 21, 2019 kabajjan, kabajaa fi ulfinaan isin afeerra. 
 
Ayyaanni Irreechaa ummata Oromoo biratti ayyaana guddaa fi kabajamaa sadarkaa biyyoolessaa (National Holiday) ta’uun isaa nama hin gaafachiisu. Waan hunda caalaa ammoo ayyaanni kun yeroo ammaa kana kan ittiin ummanni Oromoo addunyaatti beekamuu fi meeshaa guddaa ittiin haala Oromoo bifa waliigalaan/tumsan addunyaatti ibsu ta’eera. 
 
Waa’een kabajaa ayyaana irreechaa Birraa/Malkaa ykn Arfaasaa/Tulluu biyyoolessaa kun ammallee oromoota hedduu biratti ilaalcha gaarii qabaachaa waan hin jirreef osoo/otoo beektonni (hayyooni) keenya gadifageenyaan irratti hojjetanii gaarii taha. Namoonni baay’een akkuma warri habashaa jettu sana amantii dhaan walitti hidhuu fedhu. Akka nuuf galutti garuu irreechi aadaa fi duudhaa calaqqisiisa malee amantii waliin hedduu hidhata hinqabu nuti fakkaata. Nuuf garuu ayyaana irreechaa, waan aadaa keenyaa balaaleffannee/tuffannee jannata galuu irra eenyummaa keenyati boonee akka Rabbi/Waaqayyoo (Waaqa tokkicha) nu godhe tahuu filana. 
 
Ayyaanni Irreecha, guyya ummanni Oromoo malkaatti (Irreecha Malkaa/Birraa) ykn tulluuti (Irreecha Tulluu/Arfaasaa) bahee Waaqa isa uume, waan hojetee argateef kan galateeffatuu fi waan fuula dura (fuuldura) jiruu fi jireenya isaaf hawwuu/barbaadu itti kadhatudha. Ayyaanni Irreecha Mallattoo Oromummaa, Eenyummaa, Tokkummaa, Aadaa fi Duudhaa Saba Oromooti. Kanuma mirkaneessuuf ummanni Oromoo ayyaana Irreecha waggaa waggaan bahaa fi dhihaa, kaabaa fi kibbaa walitti bahee osoo/otoo amantiin, siyaasaa fi kutaan/naannoon walhinqoodiin tokkummaadhan ayyaana Irreecha kabajaataa jira. 
 
Ayyanni Irreecha Hora Arsadiitti qindoominaa fi hirmaannaa ummata Oromoo bal’aan kabajamuu kan eegale bara 1997 irraa kaaseetu. Bara 1997 keessa koreen tokko maqaa “Guddina fi Dagaagina Aadaa Oromoo (GDAO)” jedhuun Waldaa Maccaa-Tuulamaa (WMT) jalatti ijaaramtee ayyaana Irreechaa Hora Arsadii bukeetti gageeffamu kana Ummata beeksisu, barsiisuu fi qindoominaan guyyaa ayyaana kanaa bakka sanatti argamuun qalbii namaa harkisuu jalqabani. Ayyaanni Irreecha Bischooftuu, kan Hora Arsadiitti kabajamu babal’chuun yeroo gara garaatti Biyya Oromoo keessatti bakka adda addaatti kabajamuun aka ayyaana biyyoolessaa biyya Oromootti (Oromo National Holiday) fudhatamaa jira. 
 
Kana malees biyyoota alaa/ambaa naannoo lammiin Ummata Oromoo heddumminaan qubatee jiruttis ayyaanni Irreechaa haala ho’aan kabajamuu erga eegalee bubbulee/turee jira. Kaayyoon inni duraa (primary objective) ayyaanni Irreecha daran akka guddatuu fi babal’atu tokkummaan ykn tumsan qindeessudha. 
 
Ayyaanni Irreechaa Fulbaana (September) 21, 2019, guyyaa sambata duraa/xiqqaa (Saturday), sa’attii 12:30 WB (PM) irraa eegalee hanga sa’attii 16:00 WB (PM) cinaa (bukkee) haroo paarkii, Rebstockpark“ jedhamutti, kutaa magaalaa Frankfurt am Main “Bockenheim” (im Stadtteil Bockenheim) keessatti kabajama. 


  1. Sa’aatti ayyaani Irreechaa eegaluu fi xumuramu: 12:30 WB (PM) ‐ 16:00 WB (PM)
  2. Bakka/iddoo Irreechaa: Rebstockpark - Am Römerhof, Max‐Pruss‐Straße
  3. Bakka Bashannanaa: SAALBAU GRIESHEIM – Teessoo/Address: Schwarzerlenweg 57, 65933 Frankfurt am Main (sa‘aatti: 17:30 WB (PM) – 24:00 WB(PM)) 
  4. Baabura bakka Irreechaati isin geessu: Baabura lakoofsa 17 (Straßenbahn Nr. 2) kan gara "Rebstockbad“ deemu bakka, Hauptbahnof Frankfurt am Main“ jedhamu irraa qabatani dhuma buufata "Rebstockbad“ jedhamuti irraa buutuu. Buufata "Rebstockbad“ jedhamu irraa kaataani gara fuunduratti deemtani bakka Irreechi bara 2019 itti gaggeessamu cinaa (bukkee) haroo paarkii "Rebstockpark“ jedhamu Keessatti argamu bira geessu.
       
  5. Baabura bakka bashannanaati isin geessu: Baabura lakoofsa 1 ykn 2 (S-Bahn Nr. 1 oder 2) kan gara "Wiesbaden“ deemu bakka "Hauptbahnof Frankfurt am Main“ jedhamu irraa qabatani hanga buufata (Station) "Griesheim“ jedhamuti irraa buutuu. Buufata "Grieshem“ jedhamu irraa kaatani kalati baaburi deemu irraa duubati deebitani gara fuundurati deemtani bakka Bashannanaa "SAALBAU GRIESHEIM“
     (Teessoo/Address: Schwarzerlenweg 57, 65933 Frankfurt am Main)  bira geessu. 


 Ayaanni irreechaa jila (festival) waga/bara haaraatti cee’uumsaatti! 
 
 Qophii ayyaana Irreechaa irratti qooda fudhachuuf amanteen gargar nun baasuu! 
 
 Amanteen kan dhuunfaati, ayyaani Irreechaa kan Oromoota hundaati! 
 
 Ayyaana waggaa ayyaana qabeessatu argaa! 
 
 Kottaa ni irreefannaa, aadaa bade deeffannaa! 
 
 Koottaa waliin irreeffanna, aadaa fi duudhaa keenya guddifana! 
 
 Waaqayyoo/Rabbi  nu uume galateeffachuun ni irreeffanna! 
 
 Aadaa fi duudhaa keenya ni dagaagsina! 
 
 Ayyaanni Irreechaa irree fi eenyummaa ummata Oromooti! 
 
 Ayyaanni Irreechaa mallattoo oromummaa, eenyummaa, tokkummaa, bilisumma, walaabummaa, birmadummaa, aadaa fi duudhaa  ummata Oromooti! 

Federal Republic of Germany (FRG), Frankfurt am Main, Adooleessa (Juli) 8, 2019 

Koree Qindeessituu Ayyaana Irreechaa  Oromoo (KQAIO) bara 2019 
 
 




No comments:

Post a Comment