BADDAN YAA WAYYAANOTAA !!

Guraandhala 24, 2016 | Beekan Gulummaa irraa
                                   BADDAN  YAA WAYYAANOTAA !!
                                                            Daangaan sobaa goobee hamma gaaraa ga’us
Qabsoonis finiinee lubbuu hedduun darbus,

Kan dura taanerra caaleef miti gochi ammaa
Saba haqa harkaa qabuuf hunduu nidanda’ama

Qabsoon aarsaa hinqabdu, jennee mitiim durattuu
Gadi cabanii buluun kanumaan haa dhaabbattuu


Jarris duutee dudduudeetuu aangoo kanarra geesse
Malee muudamaan mitiim kan mataarra nuteessee

Saba guddaadhaa jechaa, bicuudhaan garboomfamnee
Beekaa, wallaalaa,  xiqqaa, guddaafi hundaan salphannee

Hayyoota jaboo jennuus harka jaraatti dhabnee
Afaan qabannee teenye mana hidhaatti naqnee

Beekaa barri kun keenyaa qabsoonis hadhaa qabdi
Duuba deebina taanaan tarii maqaan nubaddii

Galiisaa ga’u malee hindhaabatiin fincilli
Leenci iddoo haaqabatu, mee nun nyaatiin adalli

Namni hunduu gama jiruun gumaacha yoo taasisee
Maaliif nurraa hincaccabduu? Waaqa nurra teessisee?

Falmachuun bu’aa qaba kan namaatti hindarbineem
Nu saba garraamotaa kan ormaa saamna hinjenneem

Kankeenyarratti duunee ajjeefamne maleessaa
Rasaasni nutti roobuun akka bokkaa arfaasaa

Ittumaa nuxiiqessa  malee hinjennu duubaatti
Hunduu qabsoof haaka’u marti dhiiraa dubartii

Yoo akkas goone kukkunna hidhaaf xaxaa garbummaa
Waggoota hinlakkoofsfnuu murteeffannaan ammumaa

Qeerroof qarreen baratee hojii dhabaa ta’eera
Biyya abbaasaatiirratti jooraa ta’ee hafeeraa

Sammuu biyya bulchutuu soorata rirmaa ta’ee
Kan bosonaa ba’etu mataa gubbaa nuba’ee

Haati hiyyeessaa barsiiftee hallaayyaaf laattee teessee
Gantuuf maltuun waltaa’ee ajjeechaaf mallatteessee

Shirri nurratti ta’e badii seenaaf siyaasaa
Boqonnaa nama dhowwee hirribaa nama kaasaa

Warra kutate ka’e duutuu duuba hindeebisu
Jarris of haabeekkattu silaa amma namaa hingeessuu

Utuu qonnaa qotanii duuba ilaaluun ta’aaree?
Hordaa harkaan qabanii mil’annaan nubaasaaree?

Itti adeemuutu fala boojuu guuree dacha’a
Dhugaan qallattus jirti teessoo sobaa manca’a

Goota xiiqqiin banbane bishaan cabbie hindhaabsisuu
Lafa keenyarra jirra eenyu kan nunaasisuu?

Golaaf galashee beeknaa keessa fiignee fincilla
Warshaa diinaas guggubnaa maal abbashee isheef hilla?

Qabeenyishee hindagaaguu raawwatee numarratti
Gaafuma abdii kutattu ishumtuu nimalalatti

Firaaf diina adda baafnee haleeluun amma dhiiroo
Diina faana hintaa’iinaa maladhaa warri biiroo

Obbolaan keenya dhiigaa jaarmiyaan OPDO
Wayyaaneef hinergamiin lammiikee dhumeem maaloo

Duutullee du’i malee badii seenaa hindalagiin
Dhaloonni ati har’a cabsitee bor nadhiisa hinse’iin

Amma carraa niqabda hiriiri qeerroo duukaa
Bor abbaan biyyaa sumaa maal dhabnee si hankaakaa?

Sabni haqaaf falmate malee maraatee mitii
Waayyaanumaa hin hojjetiin qabsoo sabaatti lixii

Saba qabna hinshakkinu saba akka galaanotaa
Sinirra galgalla baddan Yaa Wayyaanotaa!!
====//=========//==========
@Beekan Gulummaa Irranaa -2016

No comments:

Post a Comment