MAALIIF WAL SAKAALLAA?

Mudde 05, 2016 | Noolee Buttaatiin

Yeroon kun yeroo itti diinaan wal aansoo wal qabaa jirrudha.Haa ta’u malee adeemsi fi matabowwuun karaa miidiyaa hawaasaa deemaa jiru kan diinni nu godherra kan nuti wal godhuuf deemnutuu fi kan kalees dukkanatti nu naqe caalaatti ammammoo hallayyaa qilee gadi fagoo taatetti Oromoo naquuf jedha!
Yaa Oromoo barreeffama yeroo darbee tokko irratti Oromoon bara Gadaa wal arrabsoo qaba wal arrabsoon kun garuu abbaan fedhe utuu hin taane, walaannaa ykn Foolleetu mirga kana qaba.Kunis hanga Gadaan sun sagal bulee Korma moosisutti ta’uu yaada kana dhiyeesseen ture.

Amma arrabsoo fi jette jetteen kun namoota muraasaan deemaa kan ture ta’ullee,hayyoota namoota qaroo kan ofiin jechaa turan itti dbalamaa jru.Kana kan fide kana sana,obsa walii qabaadhaa,irra walii darbaa,alagaatu kana godha abalutu sana godha jechaas turreerra.Garuu hawaasi keenya keessumaa kan biyya hambaa jiraattan maaltu akkas isin godhe?
Tarii namooti bu’uura waan kanaa oomishan ergamtoota diinaa fi ta’uu baatus, dhaga’ama mataa ofii kan barbaadan fedhii dhuunfaa ofii kan dursanii fi namooti inaaffaan guutaman waan kana oomishanii hawaasa keenya Uummata Oromoo waliin diruutti jiru.
Gurmuun kun dursee hanga hawaasa harkisuufi dhageetti barbaadu horatutti akka bofa afaa keessatti mataa milikfatee maqaa ABOtiin,Qeerrootiin daldalaa ture.Yeroo ammaa garuu,yeroo itti sagantaa ABO uummata jibbisiisee uummata kallatii harkaa dhahee qileetti naquuf jedhu qabatee socho’urra ga’ee waan jiruuf, biyyoota hambaa keessatti gartuu bobbaasuun sum’ii,hadha’aa bofaatiin haamilee hawaasaa hiddaa fi busheessuuf dhama’aa jira!
Gartuun kun yeroo mara maqaa Adda Bilisummaa Oromoo dhahuun, ABO jedhee waamaa kan ture amma maqaa Shanee jedhu kenneefii jira.Haa ta’u malee Addi Bilisummaa Oromoo maqaa Shanee jedhu hin qabu hin beekus! Ergan kana jedhee garuu jechi Shanee jedhu ergamtoota diinni Bilisummaa,Walabummaa fi Birmadummaa uummataa Oromoo jibbuun bobbaase kun maalif jecha SHANEE jedhu jibbee irra deddeebiin maqaa dhawaa?
SHANEE/SHANACHA
Gadaa Oromoo keessatti Shaneen/Shanachi kan dambii haqaa fi wal qixxummaa akkasumas mirgi dhala namaa malaammaltummaa fi loogi malee ittiin kennamu kan sadarkaa Salgee gaditti uummatatti dhiyoo jiru ta’uun beekamadha.Shanachi/Shaneen murtii haqaa Gadaa Oromoo keessatti akka kennaa turee har’ayyuu itti jiru beekuun barbaachisaadha.
Shaneen Gadaa Oromoo, haqa ilaaluun, gosa,amantii,firooma,qabeenyaa fi namxinnummaa yookin namguddummaa utuu hin ilaalin kan murtii haqaa laattudha.
CAFFEEN GADAA OROMOO
SHANEE/SALGEE
ADUULA GADAA FI
QAALLUU of keessatti hammata.
Egaa Shanee/Salgeen Oromoo inni jalqabaa shamarran umurii 9-24 of keessatti qabata itti aansuun,Shanee/Salgeen lammaaffaa dhiira umurii 9-24 qabata/isaan kana jechuun QARREE FI QEERROO yeroo t’an, ittin aansuun Suubboo fi dubartii deessuu keessaas ofi tti dabalata sadarkaa itti aanutti immoo dubartii marabbeessaa afuriifi suubboo 4 ofitti dabala.As irratti baay’inni kan warra duraa sagal sagalidha.
Namooti Shanee kana keessa jiran hawaasatti dhiyeenyaan kan jiruuf jireenya hawaasaa wal dhibdee hawaasa isaanii furaniifi namoota qaroo t’an,kan beekumsa qaban,kan gootummaa qaban akkasumas namoota iftooma qaban malee namoota akka bofa afaa jalaa hawaasa waliin diran miti.Egaa anis waamalee waa’ee SHANEE hin kaafne ABO SHANEE jechuun yoos Akkuma barreessaan Habashootaa Aatsimeen seerri Shanachaa nuun kiristaanota warra ofiin jennu (Amaarota ilaala)tti uummata Oromoo geggeessa jechuun dhugaa ba’ee jira.Kanaafuu,Maqaan kun ABO daran hagam akka uummta isaatti aanu,uummata isaa keessa jiru yoo ibse malee waan xiqqeessu miti.
Har’a diinonni Oromoo kun, hadha’aa baatanii isaan Oromoo gidduutti facaasaniin Qeerroo fi Qarreen miira ta’anii qabsoo FINCILA XUMURA GARBUMMAA adeemsifamu dhiisanii akka wal komatan akka wal dhaban taasisanii Oromoo facaasuufi taatus Oromoon isaan jalatti gurmaayee dhiiga ilmaan Oromoo biyya keessatti dhangala’uun beekamtii fi dhageettii siyyaasaa horachuuf jibbinsaa fi olola ABO fi miseensota ABO irratti oofu!
TOOFTAALEE DIINOTA OROMOO
1 GODINAAN BOBBA’UU
Isaan kun dhimma godina itti dhalataniin, uffannaa akkaataa haasawaa akkaataa jiruuf jireenya godina ofii faarsuun kaan immoo arrabsuu,gantuun tokko qabsoo sabaa ABOn masakamu keessaa yoo baate maqaa nama sanaan qabataniillee Oromoo godina biraa arrabsuu fi oromummaa hin qabdu jedhanii arrabsuu kunis warri arrabsamu godinaan ka’ee kaan akka dhawu taasisuu bu’aan isaas wal dhabdee Oromoo gidduutti uumanii Oromoo yeroo dheeraaf akka garaan isaa gargar fagaatu taasisuufidha
2 Amantaa
Oromoon amantaan kamuu utuu itti hin dhufin amantaa mataa ofii qaba.Haa ta’u malee akkuma fageenya fi bal’ina akkasumas hawaasummaa Oromoon walirraa fagaatee jiraachaa tureen, haalli naannoo,siyyaasaa fi hawaasummaa amantaa garagaraa akka inni hordofu ta’eera.Har’a namni kamuu amantaa kootu sirrii waliin jedha malee kan kee sirridha jedhee sifaana bu’uu dhiisu mala.Egaa murni alagaan bobbaase kun Oromoon dhimma amantiin wal gaareffatee barri bilisummaa isaa akka dheerattuuf shira inni kaayedha.Akkuman olittuu jedhe gar tokkeen isaanii maaliif tokkummaa Oromootti inaafu yoo jenne, barnoota faranjii waan baranneef feesbuukiin biyya bilisoomsinaABOn hooggansa illee nutti haa kennu akka jechuuti.Kana ta’uu baate Oromoon akka hin bilisoomne namoota garraamii miidyaa hawaasaa irratti walitti bobbaasuun Oromoo addaan fo’uudha.
Baranne warri Ofiin jedhan kun, biyya kessattis olola gargaraa oofuun beekamu.Nama maqaa QEERROO BLISUMMAA OROMOO hin beekneen inni gartuu akkasiiti jechuun karaa warra shira faranjii isa kokkolfaa boolla walii qotanii baratanii baranne jedhanee akka maxxansamu taasisu.isaan biyya keessaa kun illee baay’een isaanii BIIROLEE MOOTUMMAA WAYYAANEE KAN FEDERAALAA FI NAANNOO keessa hojjetu.Qeerrolee yoo argan ija inaaffaan ilaalu.Kunis tokko beekamtii barbaachaaf,inni biraammoo maqaa qabsootiin diinagdee daldaluufi yeroo tokko tokko yoo ijoolleetti dhiyaatan nuti FINFINNEE,ADAMAA,BISHOOFTUU keessatti jireenya dadhabne kanafuu, OPDO illee taatu waliin horfinee jeeqnee waa horii argachuu qabna jedhanii kolfanii wal kofalchiisu. Isaan kun warra qaanii buuse waara gartuu barate ofiin jedhu wajjin walitti hidhatee biyya keessaa icciitii qabsoo Oromoollee gurguree itti jiraatudha.

Namootumti kun, har’a icciittii OPDO yoo sitti gurgurran bor immoo icciitii kee OPDOtti taayitaa argannaan ni gurguratu.Atiin waamichaa fi beellama isaan si dirqisiisan hafnaan yookin miseensa OPDO ta’e tika ta’e jedhanii maqaa si xureessu yoo waliin nyaatte dhugde baay’ee si faarsu.Guyyoota lama sadii booda hiriyootikee miseensa QEERROO BILISUMMAA OROMOO ta’an marti tika dhiisii nufaana hiriiri jedhu guyyaa itti aanutti  “ABOn HARKA KENNATEE WAYYAANEE WALIIN JIRA”  siin jedhu.
Adeemsa maqaa ABO xureessuu kanas karaa bektota fi hayyoota isaanii marsaalee hawaasummaatti facaasaa oolanii bulu.Hawaasi yoo dhaga’uu baate hanga ani ganda keettan dhaladhe,ani fi atiin amantaa takka hordofnaatii na hordofi jedhutti deemu.
3 SADARKAA BARNOOTAA
Gartuun kun Oromoota sirni alagaa cunqurse, barattoota gootummaa fi Oromummaa isaaniif wayyaaneen barnoota dhorkitee jireenyi isaanii harkaa bocoocate akka ila Oromoottuu hin ilaalani.Miidiyaa hawaasaatti ba’uun walii isaaniif beeksisa advert waliif taasisu.
Diinummaa ABOf qaban hanga maqaa ABOtiin beekkamtii gonfatanitti ifaan hin dubbatani namoota kaayyoo fi namuusa ABO ittiin masakamu keeysaa bayan waliin walitti gurmaa’uu fi walii galuun isaan hin dhibu.Barnooti isaanii namuu dinqisiifachuu qabu yeroo mara lafa jalaan hawaasni Oromoo ABO akka jibbuuf barsiisaa deemu malee ifaan itti hin bu’ani hawaasi akka isaan hi jibbinee fi laphee hawaasaa hanga fudhatanitti mataa milikfatanii socho’u.
Diinagdee maqaa hawaasa miidhameen walitti qabu,ilman Oromoo biyya keessaa miidhamnis ni gaggaarra jedhanii maqaa isaanii fi bilbila isaanii fudhatu.kunis akka ragaatti dhimma itti bahuufi namoota bicuu FINFINNEE keessaa qaban ittiin biyya keessatti jibbiinsa ABO oomishuf bobbaasaniif qofa kennama.
Diinagdeen isaanii kunis akka jaleewwan isaanii jedhanitti erga humna ABO diiganii hawaasa ittiin qabachuuf nu gargaara jedhu.Gaafa fedhanis biyya keesaafi alatti utuu hin hafin Hayyu Dureen ABO Daawud Ibsaan Waraana Ertiriyaa jiru beelaan fixaa jira, WBOtu dhaammate jedhanii diinagdee dhuunfaa isaanii walitti qabatu.
Oromiyaa bilisoomtu keessatti situ akkasiin hooggana ani akkasiin jedhanii saalfi malee “re’ee rimaatti funyoo fo’u”!
Walumaa galatti diinumaan ABOf qabamu kun inni guddaan aangoof boli’uu, diinagdee barbaacha (yeroo darbe maaliif gartuu hayyoota warri ofiin jedhu ABO jibba jennee yeroo haasofnu hiriyaan koo tokko jireenyi FINFINNEE waan ulfaateefi” jedhee qoosaan xumure.Kanaafuu Oromoon rakkoo qabsoo isaa muudachaa jiru hubachuun, qabsoo isaatti firii gochuuf wal tumsuu qaba.Warra dheebuu faayidaa biroof jecha dhaabaa fi dhaaba uummataatti aggaamus dhugaa kana baree qabsoo isaa tikfachuu qaba.
Uummati Oromoo fi Addi Bilisummaa Oromoo kana gochuun irra jirus, dhaabi dhaaba uummataa akkuama ta’e qabxilee armaan gadii kana irratti hawaasaaf hubannoo akka ta’utti yeroo yeroon wal hubachiisaa deemun gaaridha jedheen abdadha.
1 QABSOOF DIINAGDEE
“Qabsootu horii/diinagdee barbaada malee qabsaawaan akka horii hin barbaanne beekamaadha.Haa ta’u malee qabsoo saba tokkoo mitiitii jireenyi nama dhuunfaayyuu baasii akkamii akka barbaachisu jireenya keenya keessatti argaa oolla.Kanaafuu, Diinagdeen ABO wayyeessanii daran diinarra kallattii maraan ejjechuuf hawaasa waliin dhimma diinagdee irratti hubannoo gahaa waliii kennuun barbaachisaadha.
2 ADEEMSA BILISUMMAA
Wanti hundumtuu akeeka kaayyoo ka’umsaa fi galma gahiinsa mataa ofii qaba.Adeemsi kunis LEENJII WARAANAA, QABSOO UUMMATAA FI XIINSAMMUUN utubamuu feesisa.Kana irratti hawaasi diinagdeen wal utubaa adeemsa bilisummaa isaa akka saffisiisu waltajjiiwwan marii,yaadaa kan itti hawaasa wajjiin karaa tasgabbii namuusaa fi dhaaba uummataa ijaaruuf malee diiguuf hin taaneen qopheessanii irratti hojjechuu.
3  ADEEMSA WARRAAKSAA
Akkuman qabxii 2ffaa irra kaayuu yaaletti adeemsa hawwataa,jajjabeessaa fi ogeeyyii waraanaa ogeeyyii siyyaasaan qo’atamee sochii warraaksaa godhamu keessatti duraa fi fuuldurri isaa ilaalamee jechuun ogummaadhaan dammaqqii hawaasaa wajjin itti bahiinsi keenya bilisummaa,Walabummaa fi Birmadummaa ta’uu mala.
Kabajamtoota ilmaan Oromoo isaan armaan olii kun yaada dhuunfaa kooti.Adeemsi ABO  hanga har’aa suuta karooraa fi akkaataa saganteeffameen deemee jira Bilisummaa qaqqabuu baannuyyu.Haata’u malee, bilisummaa barbaannu arguuf immoo duula dhimmoota qaanessoo ta’an irraa oomishamurraa,duula Oromoo raawwatee addaan hiruuf socho’urraa,duula qabsaayota saphisuuf oomishamurraa of qusannee marii fi yaada tasgabbii qabuun wal hubatnee, adeemsa bilisummaa hanga Warraaksaatti gabdummaatti xumura gochuuf geenye haa mirkaneessinun isiniin jedha.
Akkuma beektan Wayyaaneen biyya keessaa interneettii gadi gadhiiiftee jirti ololli isin wali keessanii walitti bantan amma Qeerroo biyya keessaas dabalachuu mala.Kun immoo carraa biraa Wayyaneef ta’innaa?! Maaloo fuuldura keenya haa ilaallu!
Dhaamsikoo inni dhumaa Oromoon jaarsa jaartii beekaaf xinnaa qaba.Inni biyya keessaa ofiifuu garbummaa waliin lolaa jira malee wal lolaa hin jiru yoos biyya hambaa kana jaarsi hin jiruu? Moo hunduu wal qixxaattan!? Yeroo amantaan wal loltan hiriyuma keessan Oromoo amantaa biraa hordofu hin beektanii? Hiriyaa isa sanaaf jettanii hin saalfattanii?
Yoo Godina isa tokkoo maqaa balleechitan hiriyaa godina sanatti dhalate ilaaltanii wal hin dhiiftanii? Waan miidiyaatti ba’uu hin qabnes achumatti hin fixxanii? Paartii hundeessitanii qabsaawuuf taanaanis maaliif ABO qofa irratti xiyyeeffachuu isin barbaachise kaan utuu hin tuqin kan mataa keessanii ijaartanii jijjiirama fiduu hin dandeessanii?
Kanaafuu Ayyaana Oromoo, Ayyaana Saddeeta Lubaa Ayyaana Hooda Oromoo sodaadhaa.Walii keenya ergama alagaa fi ergama inaaffaan wal nyaachuu fi wal loluu dhiifnee akka Wayyaaneetti fuula deebifnu!
Diinni keenya isheen guddoon nurraa gallaan aangoon barbaannu ni jira,biyyi barbaannu ni jira,hojii barbaadne bilisa taanee hojjennee jiraachuuf carraa arganna kanaafuu MAALIIF WAL SAKAALLAA? Kottaa walii gallee alaa gallaa!
WAAQAYYO AYYAANNI OROMOO OROMIYAA HAA BILISOOMSU!

No comments:

Post a Comment