"Furmaatni Tokkichi Warraaqsaa FXG Daran Jabeessu Dha"- Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Mudde 04,2016

Mudde 04, 2016 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa

Haala Yeroo Oromiyaan Keessa Jirtuu fi Hiraarsaa fi Shoroorkeessa Waraanni Wayyaanee maqaa State of Emergency jedhuun waraana biyyarratti labsee yakka duguuginsa Sanyii (Genocide) dalagaa jiruu ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo furmaatni tokkichi Warraaqsaa FXG daran jabeessudha jechuun Ibsa Waliigalaa fi Waamichaa qabsoo uummata Oromoo fi saboota Cunqurfamoof dabarse!!
Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee afaan qawweetti malee olaantummaa Uummataa fi olaantummaa seeraatti kan hin amannee ta’uun uummata biyyattiif haa hafuu addunyaa biyyaa lafaaf mirkanaa’ee jira. Uummatni Oromoo akeekaa Sochii Warraaqsaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessuu waliin hiriiruun mirga isaa akka kabachiifachuu danda’uu amanee hirmmaannaa guddaa gochuun bara Ebla 2014 Addatti Sochii Warraaqsaa Qeerroo bilisummaa Oromoo qabsiise irraa qooda olaanaa bahachuun Oromiyaa keessatti tokkummaa isaa jabeeffachuun addatti Sadaasa 12, 2015 Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG dhoosuun godinaalee Oromiyaa cufa keessatti Sochii warraaqsaa waggaa tokkoo guutuuf utuu wal irraa hin kutiin mirga isaaf falmachuun wareegama qaalii kanfalaa kan jiruun hanga ammatti ilmaan Oromoo badii tokko malee gaaffii mirgaa karaa nagaa gaggeeffamaa jiruutti waan hirmaatanii mirga isaaniif falmataniif lubbuun İlmaan Oromoo 2500 olitti lakka’amuu Waraanaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn ajjeefameera, kanneen kumoota dhibbaan lakka’aman dhukaasaa guyyaa saafaa uummata meeshaa waatuu of harkaa hin qabne irratti banameen madeeffamanii qaamaa hir’uu ta’uu fi gariin yaalaa dhabuun haala rakkisaa keessatti argamu. 

Ilmaan Oromoo miliyoonaa Lamaa Olitti lakkaa’aman humna waraana wayyaanee (Agaazii, Poolisii federaalaa, fi Waraana Koomandii Poostii) jedhamaniin ukkanfamanii manneen hidhaa biyyattii fi Mooraa Waraanaa biyyatti keessatti hidhamuun Addatti kanneen mana hidhaa biyyatti Qilinxoo fi Ziwaay bakka jedhamanitti mana hidhaa keessatti abiddaan gubamanii rasaasaan reebamanii haalaa Addunyaa irratti muldhatee hin beekneen ajjeefamaniru.

Ayyaanaa guddicha Oromoo Ayyaanaa Irreechaa Hora Harsadiitti kabajachuuf Oromoo miliiyoonotaan bahee irratti waraana banuun lubbuun ilmaan Oromoo 700 olii wareegame, kumootaan madeeffamani dachaan hidhaatti ukkanfamu yakki dorgomaa hin qabnee uummata Oromoo sababaa mirga isaaf gaafate qofaaf kan nurratti raawwatame ta’uun ifaadha.
Addatti İmmoo yeroo amma kana erga  biyyattiin maqaa labsii State of emargency jedhuun addatti bulchiinsa waraana Komaandii Poostii jala galtee duulli ajjeechaa, hidhaa ukkamsanii gara dabarsuu, dhukaasanii madeessuu, sakkatta’insii seeraan alaa fi Saamichi qabeenyaa fi dirqisiisanii gudeeduu dabalatee yakkootni jireenyaaf abdii fi haamilee ilma namaaf hin kenninee uummata keenya Oromoo irratti rawwatama jira. Mootummaan abbaa irree wayyaanee akeekaa yakkaa sanyii balleessuu fi humna waraanaan uummata cabsee bituufi umrii dheereffachuuf kan abjootu itti hin milkaa’uu Oromoon sodaa du’aa,Hidhaa fi hiraarsaa mirga isaa falmachuu irraa duubatti hın deebi’u.
Mootummaan Wayyaanee akka sirna ittin waggaa 25 guutuu of faarsaa fi addunyaa sobaa tureetti amuma iyyuu warraaqsaa baldhaa gaggeesineen kufee ija addunyaa jalaa lafa seenuu dhabee biyyatti waraanaan bulchuu filannoo godhate kanaafuu nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummata keenyaa waliin hiriiruu fi hiriirsisuun hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata keenyaa mirkanaa’ee Oromiyaan walaboomtee uummaatni Oromoo bilisoomuutti falmaan keenya roga danda’amuu hundaan kan itti fufa.
Haala kana irratti hundaawuun Qeerroon Bilisummaa Warraaqsaa FXG daranuu jabeessuuf İbsa Waamicha Qabsoo Waloo akka armaan gadii  kanatti uummata Oromoo hundaa fi sabootaa Cunqurfamoo Oromıyaa keessaa fi Ollaa Oromiyaa jiran hundaaf dabarsina!!
  1. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa kan kabajamuu bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf deebiin sirna argamuufi mirgi uumamaa fi mirgotni dimookiraasii uummataa keenyaaf kabachiifnutti qabsoon keenya roga hundaan daran jabaatee akka itti fufuu waamicha gadi jabeessuun uummata Oromoof dabarsina!!

  2. Aangawootni Olaanoo muutummaa abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO fi qondaalootni waraana wayyaanee yakka duguugginsa sanyii uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo irratti rawwachaa jiran aangoo gadi lakkisuun seeratti dhiyaachuun akka itti gaafatamaniif uummatni Oromoo fi sabootni Cunqurfamoo warraaqsaa FXG daran jabeessuutti akka jabaannuu fi hiriirree falmannuuf Qeerroon bilisummaa Oromoo waamicha dabarsa!!

  3. Yeroo amma kana mootummaan fashistii Wayyaanee hogganoota Paartii mormituu dabalatee Docteroota, barsiisotaa fi hayyoota Oromoo waraana Komaandi Poostii isheen adamsitee ukkamsuun gaaffii uummanni Oromoo walii galaan gaafachaa jiruuf deebii akka hin taanee hubachiisuun Yakka kana uummatni Oromoo hundi bakka jirru cufatti jala dhaabbannuuf  waamicha goona!!

  4. Hidhamtootni İlmaan Oromoo hundii gaaffii tokko malee bakka jiran hundaa hatattamaan hiikamuu qabu. Qaamni walaba ta’ee ilmaan Oromoo manneen hidhaa biyyatti cufa keessatti dararamaa jiran sakkatta’uun hiiksiisuu akka bobbaafamuuf qabsoo wal irraa hin cıtne goona.

  5. Akka guutummaa Oromiyaatti duulli uggura dinagdee kaa’uu qabeenyaa ofii gabaa baasuu dhiisuu fi gabaa dhaabbachuu dhiisuu dabalatee addatti immoo Midhaan nyaataa, midhaan Zayitaa, Beeladoota Horii gaafaa, Kottee Duudaa fi Bushaayeewwaan dabalatee akka gabaa hin baafnee fi duulli gabaa lagachuu jabaatee akka itti fufuu waamicha gochuun as irratti Yaa uummata Oromoo bakka jirtan hundatti qabeenyaa keessan waraanni wayyaanee ofiifuu sabbata haadha hiyyeessaa irraa yeroo humnaan hikkachaa jiruufi maqaa sakkatta’insa jedhuun horii calla argatuu saamaa jiru kanatti qabeenyaa keessan calleessitanii karaa irra kaa’uu irraa guutummaatti gabaa sirnicha lagachuun furmaata ta’uu Qeerroon waamicha uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoof gadi jabeessuun dabarsa!!

  6. Tarsiimoo fi Tooftaa warraaqsaa FXG hojiirra olchuuf Yeroo irraa gara yerootti wixinuun jaluma jalaan haala qabsoon galii isaa gahuuf feesisuu sochii keessan kana milkeessuun danda’amuu fi waraana wayyaanee dura dhaabbachuun danda’amu irratti daranuu hojjechaa jiraachuu ni hubachiifna!!

  7. Murni muutummaa goolessituu wayyaanee OPDO jedhamtu hanga mootummaa Wayyaanee TPLFn ijaaramtee uummata Oromoo ficisiisuu fi gaaffii uummata Oromoo ukkamsuu Oromoo mirgaa fi bılisummaa dhabsiisuu keessatti qooda olaanaa waan qabduuf atattamaan Murni farra uummataa kun diigamuun aangawootni murna kanaas seeratti dhiyaachuıun itti gaafatamuu qabu.

  8. Hoomaan waraana Wayyaanee Oromiyaa irra qubsiifamee guutummaa biyyatti addatti Oromiyaa fi Uummata Oromoo shoroorkeessaa fi hiraarsaa jiru atattamaan oromiyaa gadhiisee bahuu qaba!!

  9. Uummatni Oromoo Biyyoota Addunyaa garaagaraa keessatti argamtaan, beektootni Oromoo fi Actiivistootni Oromoo dhugaan qabspoo bilisummaa Oromoof kuftanii ka’aa jirtan hawaasaa Oromoo fi Dıasporaan Oromoo hundi harka walqabachuun tukkummaa Uummata keenyaa dhııgaaf lafeen ijaarameef bakka guddaa kennuun itti fufinsaan sagaleen uummata keenyaa afaan qawween ukkanfamaa jiruu akka dhaga’amuuf sadarkaa İdil-Addunyaatti hiriiraa Sagalee uummata Oromoo fi Qeerroo Oromoo dhageesisuuf birmannaan isin Oromıyaa fi Uummata Oromoof gootaan yoomiyyuu caalaatti daran jabaatee akka itti fufuu Qeerroon biılisummaa Oromoo waamicha lammii gadi jabeessuun dabarsa!!

  10. İlmaan Oromoo Waraanaa Wayyaanee koomaandii Poostii maqaa labsii muddamaaoo mootummaa uummata irraa dhalattan daa’n (State of emergency) jedhuun shororkeessa jiru keessatti argamtaan hundaaf mootummaan wayyaanee olee utuu hin buliin kufuun isaa waan hin olleef yeroon kun yeroo mootummaa uummata irraa dhalattan yakka gara jabeenyaan guutameen daa’imman, Qeerroo dargaggoota, barattoota, dokterootaa fi barsiisotaafi uummata Oromoo waliigalaa irratti rorrisaa jiruu waan ta’eef roorriftuu wayyaanee waliin uummata Ofiitti roorrisuun gadhummaa fi gadi aantummaa caalaatti immoo boruu itti gaafatama seenaa fi seeraa fulduratti kan nama gaafachiisu ta’uu hubachuun Yakka waaranaa wayyaaneen rawwachaa jirtu irraa of dhaabuun uummata keessan cına akka dhaabbattani afaan qawwee gara diinaatti akka naanneessitan waamicha keenya gadi jabeessuun dabarsina!!
İnjıfannoon uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa Oromooti!
Qeerroo bilisummaa Oromoo!!
Muddee 04, 2016 Oromiyaa, Finfinnee

No comments:

Post a Comment