Maqaa ABOn Afanfajjii Uumuun Qabsoo Bilisummaa irratti Yakka

Mudde 08, 2016 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

ABOn baroota dheeraaf QBO humneessuun galii isaatiin gahuu irratti ifatti hojjatuun kanneen sababa adda addaan dhaaba irraa adda bahan walta’iinsa uumuun dhaabatti akka deebi’an taasisaa akka ture ifaa dha. Waltahinsoota QBO jabeessan adda addaa godhaman keessaa Waltahiinsa Shanee ABO fi QC-ABO Waxabajjii bara 2014 Berlinitti tahe isa tokko.

Waltahiinsa ifatti hawaasa duratti godhame kanaanis miseensotni gam-lameenii walitti deebi’uun caasaan dhaabaa hundi sadarkaa ol aanaa irraa hanga gadiitti wal fudhachiifamee waliin dirqama fudhatuu fi hojjatuutti bobbahame. Kunis mooraa qabsoo bilisummaa jabeessuuf kan gumaachu tahuun hawaasa keenyaan itti amanamee deggersa bal’aa irra argatuun hin dagatamu.
Haa tahu malee murni gabaabaa walii galteetee godhame diiguudhaan dirqama dhaabaa fudhachuu diduun sirna dhaabaa cabsuutti tarkaanfate. Haala kana daddaffiin furmaata itti godhuuf dhimma kana KHR ilaalee murtii GSf dhiheesse. Qaamni dhaabaa ol aanaa kunis Koreen Seeraaf Toannoo(KST) qaama lameen irraa ijaarame dhimma kana qoratee GS-ABOf akka gabaasu ajajuu irraa Koreen Seeraaf To’annoos qorannoo gaggeessee qaamni qurrama qabu kun teessuma GS irratti yaada isaa dhiheeffatee furmaatni akka itti barbaadamu akeeke. GS yaada akeekame kana irratti hundaa’uun gartuun sirna cabsuun dirqama fudhatuu dide Koreen itti ijaaramee tessuma GS irratti hirmaatuun rakkoo qaba jedhu akka ibsatu afeerame. Tattaaffii seera dhaaba irratti hundaa’uun taasifame kana gartuun seeraa dhaabaan ala of taasise kun seeraa fi sirna dhaabaan ol of godhuudhaan waamicha godhameef diduun furmaata karaa nagaa, sirnaa fi ilaa fi ilaameen dhibdee jira jedhamu akka furamuuf fedhii dhaabni agarsiise gufachiise. Akka kanaanis yeroo ummatni Oromoo guddaa xiqqaan golee Oromiyaa hunda keessatti tokkummaan diina kokkee qabaa jiru kanatti murni seeraa fi sirna dhaabaaf abboomamuu dide kun maqaa ABOn ibsa ammas marraa lammaaffaaf mooraa qabsoo bilisummaa keessatti afanfajjii uumu Mddee 6, 2016 baasee jira.
ABO ibsi seeraa fi sirnaan alatti maqaa ABOn baafame kun kan fudhatama hin qabnee fi seeraa alaa tahuu hubachiisuu barbaada. Kanneen qabsoon bilisummaa ummataa finiinuu irraa hirribaa dammaqan akkanaanis miseensotnii fi deggertootnii, walii gala ummatni Oromoo tarkaanfii gaafatama dhablee akkanaa gurra laachuu dhiisuun qabsoo diina irratti itti jirru finiinsuu irratti akka fuulleeffatamu ABO yaadachiisa. Kana waliin kanneen ABOn teessoo fi bakka bu’aa beekamaa akka qabu osoo beekanii ibsa dabre kana osoo adda hin baafatiin midiyaan labsuun yakka tahuu ABOn hubachiisa. Fedhii aangoof jecha shirri qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hojjatamu kamuu akka hin milkoofne seenaa kanaan duraa irraa baratuun ummatni Oromoo akkuma kanaan duraa tokkummaan QBO jabeeffataa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ABOn hogganamu akka finiinsu ABOn shakkii hin qabu.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee 8, 2016

No comments:

Post a Comment