Sadaasa 08, 2013 | Ayyaantuu News
Nama Mammaaksa Abbootii keenyaa qofaa dubbatu odoo hin taane, Nama
Mammaaksa bara kana keessaa uumu nu haa taasisu yoon jedhe eebba hin
ta’u laata? “ILKAAN SOCHA’EE, BUQQA’UUN HIN OOLU” Mammaaksi jedhu, carraa Ilkaan socha’ee kana buqqisuuf qabnu lama ta’uu nu akeeka jedheen yaada. (hiikkaa miti) Inni
tokko, dhukkubbii ilkaan socha’u uruursaa hanga buqqa’utti eeggachuu,
ykn ega socha’ee buqqa’uun isaa hin ooluu maaliifan dhukkubaan rakkadha?
jedhanii of irraa calaasuudha. Filannoon kun Abbaa dhukkuba Ilkaaniin
hiraaraa jiru irrati hundaa’a. hiraaraa jiraachuu irra jedhee yoo
murate, dhukkubbii yeroo buqqifamu sana dandamatanii of irraa buqqisu,
ykn hiraara yeroo gabaabduu sana sodaatanii uruursaa jiraatanii, ofis
maatiis yaaddeessaa jiraachuudha.
FINCILA DIDDAA GABRUMMAA
Posted by
Madda Walaabuu Press
on
11/07/2013
FINCILA DIDDAA GABRUMMAA
Fincila roorroon dhalchu, fincila aadaa gootaa,Ittisaa roorroo alagaa, tiksaa mirga dhalootaa.Ni fincilla gurmoofnee, ni didanna gabrummaa,Cunqursaa dhabamsiisnee, gonfachuuf bilisummaa.
Waggaa 8 ffaa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Posted by
Madda Walaabuu Press
on
11/07/2013
Sadaasa 07, 2013
Farreen dimokraasii, bilisummaa fi walabummaa, sirna abbaa irrummaa fi cunqursaa diriirfatan tikfatuuf, akkasumas kanneen kabajamuu mirga sabootaa dura dhaabbatan gaaffii ummatootaa ukkaamsuuf shira adda addaa raawwatu. Danda’an dhaamsuuf dadhaban ammoo ukkaamsuuf tooftaa gara garaatti fayyadaman. Humna waraanaatti gargaaramuun dhaabamsiisuu, duula qoor-qalbiin ummata hamilee cabsuun qabsoo irraa fageessuu, gaaffiin ummataa kan deebii argate fakkeessanii dhiheessuu fi ololuu, dabrees gaaffiin ummatootaa akka hin jirretti haaluun sirna isaaniin utubame jireessuuf carraaqan.
Dokumenti Guutuu

Coffee in the Eyes of the First Coffee Drinkers – the Oromo People
Posted by
Madda Walaabuu Press
on
11/07/2013
November 07, 2013 | By Begna Dugassa, Ph.D.*
Introduction
Introduction
“After nourishment, shelter and companionship, stories are the thing we need most in the world.”The above statement is the words of Philip Pullman— a British famous writer. Pullman placed story telling in the category of essential life sustaining conditions similar to that of the food that nourishes our physical body, shelter that shield us from social and natural environmental hazards and love that nourishes our soul. In agreement with the Pullmans words, I encourage everyone to tell their own stories and present their world in the lenses through which they see the world around them. Under the above title, in three separate short articles, I want to present stories to the curious minded coffee drinkers and readers. These articles will cover exclusively about coffee, written from the perspective of Oromo people – the first coffee drinkers.
― Philip Pullman
Kan Keenyaaf – Nutuu Geenya!
Posted by
Madda Walaabuu Press
on
11/04/2013
Sadaasa 04, 2013 | Jiituu Lammii – Unbarsiitii Finfinnee
Bara duriiti. Allaattii risaa jedhamutu lukkuutti michee wajjin jiraachuu jalqabe jedhama. Allaattiin kun uumama isaa dagatee, uumaa isaatiin ala lukku wajjin daraa haadhaa, harca’aa funaanaa kosii keessa oolu jiruu godhate. Garuu akka jaraa irraa hinbareedu-waan uumaa isaa mitikaa. Galgala, dhiya aduu eegee qooxii (haraatii) yaaba. Akka kanaan jireenyi isaa dhawaata lukkuudhuma fakkaachaa deeme. Ta’us garuu, darbee darbee miira addaa, kan uumaa ganamaa keessa isaatii dhaggeeffachuu hinoolle. Gaafii gaafii miirri kuun jabaatee “…kaatee bantii samii gargar saaqxee, goobaafi golba lafaa qaari’tee, gaafa sii gamte: gaatiraa, heexoo birbirsa feetu garbii fiixa baatee – lafa garaa kee hinqubattuu….!? Isa maaliit ati lukkuu muul’ata hinqabne waliin daaraa haadhaa ooltee galgala haraatiitti rarraata…!? Jedhee qeequu jabeesse. Gama biraatiinimmoo, haalli inni keessa jiraatuufi lukkuun inni wajjin jiraatu “ …. Ati isa kam wan ta’uu hindandeenyeefi uumaan siif hinhirre ta’uu abbalta!? Atoo silaa numa fakkaata; danaan kee cufti akkuma keenyaa- duuba mee akkamiin nurraa gargarbaatee samii keessa laboobuu hawwita…!? Safuudha! … mee hunduu haahafuutii… isa wajjiniin nyaannee- dhugne, jireenya waliin dabarsine…akkamiin dagatteeti nurraa gargar bahuu yaadda…!?” jechuun takka doorsisaa takammoo sossoobaa of fakkeesanii of birattii hambisuuf sadoo jabeessan. Risaan, utuma miira masaanuu wal mormu keessa jiraatuuti gana gaaf tokkoo otuma warri inni wajjin jiraatuu akkuma dur kosii keessatti eeganii gaaftokko lafarraa ol ka’ee balali’uu yaale. Sadoo ormaa, yaalii uumama isaa malee daaraa keessatti isa hambisuuf godhamu, fedhiifi carraaqqii warra “….of dhiisii nu fakkaadhuu jiraadhu….” Jedhanii keessaa bahee hireefi dandeettiin isaa maal akka ta’e battalumatti akeekkate. Sana booda utuma haalliifi warri inni wajjin jiraatu mormanii uumaafi uumama isaa dhaggeeffatee kossii haadhaa ooluu dhiisee samii keessa fagaatee balali’e. Ergasii lukkuun risaa samii keessatti ol eeguu malee akka dur sobdee, sossobdee…of wajjiniin daaraa keessatti hambisuu hindandeenye jedhama.

Waamicha Yaadanno Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Oslo, Norway (Sadaasa 09, 2013)
Posted by
Madda Walaabuu Press
on
11/03/2013
HDn ABO Jaal Dawud Ibsaa irratti ni argamuu!ABOni Kutaa Iskandinevia akkuma aadaa isaatti guyyaa FDG Sadaasa 9/ 2013 Magalaa Oslo, Norway akka kabajuu Fulbaana 16/ 2013 waamicha dabarsuun isaa beekamaa dha. Ammas waamicha kana haaroomsun ilmaan Oromoo kutaa Iskandinevia fi Awurophaa bakka addaa addaatti argamtan akkasuma biyyoota Awuroophaa ala ta’an keessa jiraattan akka irratti argamtan kabajaan isin afeerra.
Akkuma kanan dura ibsaa bahe keessatti beeksifne qophii seminaaraa fi galgaala aadaa qabna.
OSA Letter on the Correction of Erroneous Oromo Language Classifications
Posted by
Madda Walaabuu Press
on
11/03/2013
The following is a statement from the Oromo Studies Association (OSA).

P.O.Box: 6541, Minneapolis, MN 55406-0541: OromoStudies.org
To:
Citizenship and Immigration Canada
200 Catherine St. Suite 101
Ottawa, ON K2P 2K9
Date: 11-02-2013
Subject: OSA Letter Requesting the Correction of Erroneous Oromo Language Classifications Published on Citizenship and Immigration Canada (CIC) Website
Ethiopian opposition claims rampant abuse
Posted by
Madda Walaabuu Press
on
11/01/2013
November 01, 2013 | ALJAZEERA
In a 39-page report launched on Thursday, the Unity for Democracy and Justice (UDJ) detailed what it said were "gruesome rights violations" committed against its supporters and members.
Opposition party says more than 150 of its members have suffered abuse at hands of Ethiopian security officials.An opposition party has accused the Ethiopian government of beating, abducting and illegally detaining more than 150 of its members during July and September this year.
In a 39-page report launched on Thursday, the Unity for Democracy and Justice (UDJ) detailed what it said were "gruesome rights violations" committed against its supporters and members.
Hanga Tokko Waa’ee Jaal Obsee Margoo Irraa
Posted by
Madda Walaabuu Press
on
11/01/2013
Sadaasa 01, 2013 | Yahyaa Jamaal*
Waa’ee du’aan boqochuu Jaal Obsee Margoo yoon yaadadhu ammayyu garaan na laalata. Akkuma tasaa dhibamtee yeroo gabaabduu keessatti addunyaa kanatti nagaa dhaammachuun ishii dafee naaf amanamuu dide. Ammayyuu soba natti fakkaata. Duuti nama hin filattu malee Obseef kun hin malle. Obseen akkuma maqaa fi bifa isii haadha obsaa ti. Obsa barattee obsa barsiisaa jiraatte. Hamilee jabaa hidhattee abbaa warraa isii, jaallanii fi firoottan isii mara hamilchiisaa baate.

Subscribe to:
Posts (Atom)